{"id":5825,"date":"2026-03-12T11:57:34","date_gmt":"2026-03-12T11:57:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5825"},"modified":"2026-03-12T11:57:34","modified_gmt":"2026-03-12T11:57:34","slug":"fifan-waancaa-addunyaatiin-biyyoota-hirmaatan-hundaaf-badhaasa-qopheesse","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/fifan-waancaa-addunyaatiin-biyyoota-hirmaatan-hundaaf-badhaasa-qopheesse\/","title":{"rendered":"FIFA&#8217;n Waancaa Addunyaatiin Biyyoota Hirmaatan Hundaaf\u00a0 Badhaasa Qopheesse"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waancaan Addunyaa 2026 jalqabuuf guyyoota 100 hin guunnetu hafee jira. Dorgommii yeroo jalqabaaf biyyoota 48 hirmaachisu kana Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksikootu keessummeessa. Waancaa Addunyaa kana injifachuun biyyootaafi taphattoota kamiifuu kabaja guddaadha.\u00a0 Kabaja kanaan alattis Dhaabbanni Kubbaa Miilaa Addunyaa\u00a0 (FIFA) biyyoota injifataniifis ta\u2019e hirmaattoota dorgommii waggaa afuriin gaggeeffamu kana irratti hirmaataniif badhaasa maallaqaa guddaa gonfachiisa. FIFA&#8217;n dorgommii bara kanaaf badhaasa rikoordii qopheessuu beeksiseera. FIFA&#8217;n dorgommii kanaaf waliigalaan doolaara miiliyoona 727 ramadee jira. Maallaqa kana keessaa Doolaarri miiliyoonni 655 biyyoota hirmaatan 48f ni raabsama. Haaluma kanaan gareen biyyaalessaa dorgommii kana injifate waancaafi badhaasa Doolaara miiliyoona 50 qabatee gara biyyaatti deebi&#8217;a. Gareen shaampiyoonaa waliin xumura irratti sadarkaa lammaffaa bahu doolaara miiliyoona 33 ni argata. Kanneen lammaffaa bahanis badhaasa ni argatu jechuudha.<\/p>\n<p>Gareen sadarkaa sadaffaa qabu doolaara miiliyoona 29, gareen sadarkaa 4ffaa ammoo doolaara miiliyoona 27 ni argatu jedhamee eegama. Gama biraatiin biyyoonni sadarkaa 5ffaa hanga 8ffaa xumuran tokkoon tokkoon isaanii doolaara miiliyoona 19, kanneen sadarkaa 9ffaa hanga 16ffaatti xumuran doolaara miiliyoona 15, kanneen sadarkaa 17ffaa hanga 32ffaatti xumuran ammoo doolaara miiliyoona 11 argatu. Biyyoonni hafan sadarkaa gareetiin ala ta&#8217;an tokkoon tokkoon isaanii hirmaannaa doolaara miiliyoona 9 qabatanii gara biyyaatti deebi&#8217;u. Bara 2018 waancaa kana kan injifatte Faransaay Doolaara miiliyoona 38 argachuun ishee ni yaadatama.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Waancaan Addunyaa 2026 jalqabuuf guyyoota 100 hin guunnetu hafee jira. Dorgommii yeroo jalqabaaf biyyoota 48 hirmaachisu kana Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksikootu keessummeessa. Waancaa Addunyaa kana injifachuun biyyootaafi taphattoota kamiifuu kabaja guddaadha.\u00a0 Kabaja kanaan alattis Dhaabbanni Kubbaa Miilaa Addunyaa\u00a0 (FIFA) biyyoota injifataniifis ta\u2019e hirmaattoota dorgommii waggaa afuriin gaggeeffamu kana irratti hirmaataniif badhaasa maallaqaa guddaa gonfachiisa. FIFA&#8217;n [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5826,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5825"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5825"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5825\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5827,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5825\/revisions\/5827"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5826"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5825"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5825"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5825"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}