{"id":5839,"date":"2026-03-24T13:10:25","date_gmt":"2026-03-24T13:10:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5839"},"modified":"2026-03-24T13:10:25","modified_gmt":"2026-03-24T13:10:25","slug":"tajaajila-geejjibaa-hirkattummaa-bobaaarraa-baasuuf-hojjetamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/24\/tajaajila-geejjibaa-hirkattummaa-bobaaarraa-baasuuf-hojjetamaa-jira\/","title":{"rendered":"Tajaajila Geejjibaa Hirkattummaa Boba\u2019aarraa Baasuuf Hojjetamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan bu\u2019uuraalee misoomaa\u00a0 Geejjibaafi Loojistiksii, geejjiba Magaalaafi Teeknooloojii Magariisaa irratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deggaruuf tajaajila konkolaataa madda annisaa haaromfamaatti fayyadaman babal\u2019isuufi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa konkolaattota irraa gadhiifamu hir\u2019isuu ni dandeessisa. Itoophiyaatti damee geejjibaa faalama\u00a0 naannoo irraa bilisa ta\u2019e uumuuf hojii\u00a0 hojjetameen bu\u2019aan abdachiisaan\u00a0galmaa\u2019uu Deetaan Ministira Geejjibaafi Loojisktiksii, Bari\u2019oo Hasan himaniiru.<\/p>\n<p>Deetaan Ministira Geejjibaafi loojiktiksii Bari\u2019oo Hasan turtii Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan baay&#8217;een hojjetamaniiru. Qaamolee konkolaataa elektiriikii galchaniifi suphaniif imaammanni qophaa\u2019ee hojiirra oolaa jiraachuu eeranii, kanaanis qaraxa irraa bilisa taasisuu dabalatee deggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba\u2019aa fayyadaman abbaa gommaa lamaa irraa hanga Konkolaataa uummataafi fe\u2019umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Tarkaanfiin kun kutannoo Itoophiyaan eegumsa jijjiirama qilleensaa addunyaaf qabdu kan mul\u2019isudha jedhan Deetaan ministeerichaa. Karoora misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keessatti sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda annisaa haaromfamaa akka fayyadaman gochuuf\u00a0 xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu addeesaaniiru. Yeroo ammaa lakkoofsi konkolaattota annisaa haaromfamaa fayyadaman kuma 115 ga\u2019uu isaanii dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee geejjibaa faalama naannoo irraa bilisa taasisuuf hojii hojjetameen bu\u2019aawwan jajjabeessoon galmaa\u2019uu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Imaammanni\u00a0 konkolaataa elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne\u00a0 gochuu bira darbee, madda annisaa haaromfamaa irratti xiyyeeffannoon akka taasifamuufi hirkattummaa boba\u2019aa hir\u2019isuun danda\u2019amuu ibsaniiru.\u00a0 Itoophiyaa Keessatti maddawwan anniisaa haaromfamaa kanneen akka annisaa qilleensaa, annisaa bishaanii, gaasii uumamaafi kanneen biroo bal\u2019inaan jiraachuun isaanii ce\u2019umsa konkolaattota boba\u2019aa irraa gara konkolaattota elektirikaatti taasifamu\u00a0\u00a0 amansiisaa taasisuu obbo Bari\u2019oon caqasaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan bu\u2019uuraalee misoomaa\u00a0 Geejjibaafi Loojistiksii, geejjiba Magaalaafi Teeknooloojii Magariisaa irratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deggaruuf tajaajila konkolaataa madda annisaa haaromfamaatti fayyadaman babal\u2019isuufi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa konkolaattota irraa gadhiifamu hir\u2019isuu ni dandeessisa. Itoophiyaatti damee geejjibaa faalama\u00a0 naannoo irraa bilisa ta\u2019e uumuuf hojii\u00a0 hojjetameen bu\u2019aan abdachiisaan\u00a0galmaa\u2019uu Deetaan Ministira Geejjibaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5840,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5839"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5839"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5839\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5841,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5839\/revisions\/5841"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5840"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5839"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5839"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5839"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}