{"id":5853,"date":"2026-03-25T08:14:49","date_gmt":"2026-03-25T08:14:49","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5853"},"modified":"2026-03-25T08:14:49","modified_gmt":"2026-03-25T08:14:49","slug":"amecon-falmii-paartilee-qopheessuun-filannoo-marsaa-7ffaa-gahee-isaa-bahachaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/25\/amecon-falmii-paartilee-qopheessuun-filannoo-marsaa-7ffaa-gahee-isaa-bahachaa-jira\/","title":{"rendered":"\u200eAMECO\u2019n Falmii Paartilee Qopheessuun Filannoo Marsaa 7ffaa Gahee Isaa Bahachaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa diimokiraatawaafi hirmaachisaa akka ta\u2019uuf Amaaraa Miidiyaa Korporeeshin (AMECO) gahee isaa bahachaa jira. Keessattuu falmii paartilee siyaasaa qopheessuun, paartileen imaammataafi karoora isaanii kallattiin uummataaf akka ibsan carraa uumaa jira. Yeroo filannootti miidiyaaleen ijaarsa sirna dimokraasiifi milkaa\u2019ina filannoo keessatti shoora bakka hin buune qabu. AMECO\u2019n deeffannoo qaqqabamaa tamsaasuu, hubannoo uumuufi filannoowwan siyaasaa beeksisuun, akkasumas mariilee qopheessuun gahee guddaa qaba. Haaluma kanaan AMECO\u2019n akka dhaabbata miidiyaa tokkootti qaama qooda fudhattootaa ta&#8217;uun filannoon dimokraatawaa, nagaa-qabeessaafi hammataa akka ta\u2019uuf hojjechaa jira.<\/p>\n<p>\u200eFalmii paartilee siyaasaa AMECO\u2019n qopheesse irrattis paartileen afur hirmataaniiru. Paartiilee kunneenis; Paartii Badhaadhinaa (PP), Paartii Warraaqsa Dimokraatawaa Uummata Amaaraa,\u00a0 Paartii EZEMA fi Paartiin Warraqsa Biyyoolessa Amaaraa (ABIN) hirmaachuun tarsiimoofi karoora hojii isaanii irratti AMECO fayyadauun ibsa kennaniiru. Falmiin kunis uummanni hubannoo sirrii akka qabaatuufi filannoo irratti murtii sirriidhaan uummanni paartii isaaf ta&#8217;u akka filatuuf gargaara.<\/p>\n<p>\u200eAMECO\u2019n paartilee morkattootaaf carraa walqixa uumuun dimokraasii jabeessuuf hojii qabatamaa hojjechaa jira. Falmiileen kunneen imaammata paartilee ifa gochuu qofa osoo hin taane, uummanni filannoo irratti murtii sirrii akka kennu hubannoo uumuufis gahee olaanaa qabu. Waltajjiileen falmii akkasii aadaa dimokraasii dagaagsuuf murteessoodha. Haaluma kanaan paartiilen siyaasaa aadaa yaada wal-dhaggeeffachuu, yaada\u00a0 walii kabajuufi marii irratti hundaa\u2019uun filannoo bara kana gaggeeffamuuf dirree diimokiraasii babal&#8217;isuu irratti argamu. Kunis filannoo bilisaafi haqa qabeessaaf bu\u2019uura cimaa ta\u2019a.<\/p>\n<p>\u200eDhaabbatichi (AMECO)n afaanota 10 oliin tamsaasa taasisaa jira. Afaanonni kanneeninis filannoo irratti hojii hubannoo uumuu bal\u2019inaan hojjechaa jiru. Akkasumas, waltajjiiwwan marii walitti fufiinsaan qopheessuun paartileen yaada isaanii uummataaf akka ibsan taasisaa jiru. Dabalataanis Dhaabbatichi kutaa filannoo diriirsuun hojii filannoo waliin walqabatu bal\u2019inaan hojjechaa jira. Gaazexeessitootaaf naamusa hojii, seeraafi dambiiwwan filannoo irratti hubannoo isaanii cimsuuf leenjii ijaarsa dandeettii kennaa jira.<\/p>\n<p>\u200eDhaabbatichi filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun filannoo duraafi yeroo filannootti leenjiin walitti fufiinsa qabu ni kenna. Kana malees tamsaasa televiizhinii qofaan osoo hin taane, dameewwan raadiyoofi FM isaa hundaan hanga sadarkaa godinaatti hojiiwwan filannoo waliin walqabatan bal\u2019inaan hojjechaa jira.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa diimokiraatawaafi hirmaachisaa akka ta\u2019uuf Amaaraa Miidiyaa Korporeeshin (AMECO) gahee isaa bahachaa jira. Keessattuu falmii paartilee siyaasaa qopheessuun, paartileen imaammataafi karoora isaanii kallattiin uummataaf akka ibsan carraa uumaa jira. Yeroo filannootti miidiyaaleen ijaarsa sirna dimokraasiifi milkaa\u2019ina filannoo keessatti shoora bakka hin buune qabu. AMECO\u2019n deeffannoo qaqqabamaa tamsaasuu, hubannoo uumuufi filannoowwan siyaasaa beeksisuun, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5837,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5853"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5853"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5853\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5854,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5853\/revisions\/5854"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5837"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5853"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5853"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5853"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}