{"id":5857,"date":"2026-03-25T08:20:04","date_gmt":"2026-03-25T08:20:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5857"},"modified":"2026-03-25T08:20:04","modified_gmt":"2026-03-25T08:20:04","slug":"hubannoo-filannoo-waliigalaa-hawaasaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/25\/hubannoo-filannoo-waliigalaa-hawaasaa\/","title":{"rendered":"Hubannoo Filannoo Waliigalaa Hawaasaa"},"content":{"rendered":"<p>Filannoon biyyoolessaa sirna dimokraasii keessatti mirga bu\u2019uuraa lammiilee keessaa isa tokkodha. Ummanni paartii isa bulchu filachuuf carraa argachuufi sagalee isaa dhageessisuun mootummaa ummataan ijaaramuuf bu\u2019uura murteessaadha. Akka Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippabilika Itoophiyaa Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 1995tti raggaasifameetti, filannoon biyyoolessaa waggaa shaniin gaggeeffama. Bu\u2019uura kanaan, filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24\/2018 akka gaggeeffamu karoorfameera.<\/p>\n<p>\u200eFilannoon kun milkaa\u2019inaan akka gaggeeffamuuf mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu qophii adda addaa taasisaa jiru. Keessumaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, hojii qophii dursaa kanneen akka galmee filattootaa, leenjii hojjettoota filannoofi qophii meeshaalee filannoo irratti hojii bal\u2019aa hojjechaa jira. Hojiiwwan kunneen filannoon bilisaa, haqa qabeessaafi amanamummaa qabu akka gaggeeffamuuf bu\u2019uura cimaa kaa\u2019u. Akka odeeffannoo bulchiinsa magaalaa Kamisee irraa argame ibsutti, hanga ragaan kun qindeeffamutti filattoonni kuma 26 fi 670 ta\u2019an buufataalee filannoo 34 keessatti galmaa\u2019aniiru. Kunis hirmaannaa hawaasaa dabalaa dhufuu agarsiisa.<\/p>\n<p>\u200eJiraattuun Magaalaa Kamisee, ganda 04, aadde Asmaa Shambalaal akka jedhanitti, qophiin filannoo marsaa 7ffaa bal\u2019inaan gaggeeffamaa jira. \u201cMagaalaa keenya keessatti nageenya eeguu, hawaasa hubachiisuufi hirmaannaa isaanii guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru. Waltajjiiwwan mariifi hubannoo uumuu bal\u2019inaan gaggeeffamaa jiru\u201d jedhaniiru. Hawaasni faayidaa filannoo hubachuun mirga isaa itti fayyadamee bakka bu\u2019aa isaa filachuuf qophii gaarii taasisaa jira jedhaniiru. Bulchiinsa magaalichaa keessatti qaamoleen nageenyaafi mootummaa qindoominaan hojjechaa jiraachuunis filannoon nagaan akka gaggeeffamuuf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u200eDabalataanis, qaamoleen siivikii hawaasa keessaa filaman hubannoo uumuuf gurmaa\u2019uun odeeffannoo yeroo ammaa filannoo waliin wal qabatu hawaasa biraan ga\u2019uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Aadde Asmaan akka jedhanitti, isaan dabalatee hawaasni magaalaa Kamisee filannoo irratti fedhiifi qophii gaarii qaba; sagalee isaa bilisaan kennuufis qophaa\u2019aa jira. Kunis guddina dimokraasii cimsuuf bu\u2019uura jabaa ta\u2019a jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eJiraataan magaalaa Kamisee ganda 02, obbo Li\u2019uulsaggad Girmaa akka jedhanitti, hawaasni yeroo ammaa barbaachisummaa filannoo hubatee buufataalee filannoo naannoo isaa jiranitti galmaa\u2019aa jira. \u201cFilachuufi filatamuun mirga keenya. Kanaaf mirga keenyatti fayyadamuun dirqama keenya\u201d jedhaniiru. Akkasumas hawaasni yeroo galmee hafe keessatti galmaa\u2019uu akka qabus hubachiisaniiru. Jiraataan kun guyyaa filannootti sagalee isaanii karaa seera qabeessa ta\u2019een kennuuf qophii ta\u2019uu isaanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>&#8220;ani duraan dursee buufata filannoo naannoo koo jiru deemee, sagalee koo kennuuf waraqaa filannoo koo fudhadheera. Guyyaa filannoottis Paartiin ani filadhu paartii rakkoo hawaasa keenya kanneen akka dhimma misoomaa, nageenyaa, diinagdeefi rakkoo jireenyaa hawaasaa hubatee kan furmaata fidu ta&#8217;uu qaba&#8221; jedahniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan Magaalaa Kamisee ganda 03, Haacaaluu Bojaa akka jedhanitti, uummanni mirga isaa fayyadamuuf buufata galmee filannoo irratti argamuun galmaa\u2019aa jira. \u201cHirmaannaan hawaasaa guddisuun murteessaadha. Hubannoo cimsuunis filannoon nagaan akka gaggeeffamu ni gargaara,\u201d jedhaniiru. Kun immoo mootummaa ummataan filatame ijaaruuf bu\u2019uura ta\u2019a jechuun ibsaniiru. Obbo Haacaaluun akka jedhanitti, filannoon kun milkaa\u2019inaan akka xumuramuuf qaamoleen hundi gahee isaanii bahachuu qabu. Uummanni sagalee isaa kennuu qofa osoo hin taane, nageenya eeguu, odeeffannoo sobaa irraa of eeguufi waliigaltee hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffachuu qaba. Kanaaf hawaasni bulchiinsa magaalaa Kamisee gama hundaan hirmaannaa cimaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru. Falmii paartileen siyaasaa yeroo amma miidiyaa irratti taasisaa jiran hordofanii dhaggeeffachaa jiraachuu ibsaniiru. &#8220;kanuma irratti hundaa&#8217;ee paartii rakkoo uummataa hubatee furmaata kennuu danda\u2019uu, karoorri qajeelfama hojii isaa qabatamaan hojiirra kan oolufi jireenya uummataa fooyyessuuf kan hojjetu ilaalee filachuuf qophii taasiseera&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Barsiisaa Magarsaa Baayisaa Koolleejjii Leenjii Barsiisotaa Kamiseetti, barsiisaa Lammummaafi Amala Gaariiti. Filannoon sirna dimokraasii keessatti lammiileen mirga isaaniitti fayyadamanii, mootummaa uummataan filatame ijaaruuf qooda akka fudhatan taasiisuuf kan gargaaru ta&#8217;uu ibsaniiru. \u201cYeroo ammaa akka bulchiinsa magaalaa keenyaatti filannoo biyyaalessaaf qophiin adda addaa taasifamaa jira,\u201d jedhaniiru. Keessumaayyuu, buufataalee filannoo qopheessuu, galmee filattootaa sirnaan gaggeessuufi qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun filannoon nagaan akka gaggeeffamuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hawaasni magaalichaa filannoo waliigalaa bara kanaaf hubannoo gaarii qabaachaa jira kan jedhan barsiisan kun, keessumaa mirga sagalee kennuufi dirqama lammummaa hubachuun isaanii dabalaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHaata\u2019u malee, hubannoo kana caalaatti cimsuuf hojii hubannoo uumuu itti fufinsaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Hawaasni miidiyaa hawaasaa odeeffannoo sobaa tamsaasu irraa of eeggachuu akka qabus gorsaniiru. Akkasumas qaamoleen mootummaafi dhaabbileen siyaasaa seeraafi qajeelfama filannoo kabajuu akka qaban barsiisaan kun hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Filannoon biyyoolessaa sirna dimokraasii keessatti mirga bu\u2019uuraa lammiilee keessaa isa tokkodha. Ummanni paartii isa bulchu filachuuf carraa argachuufi sagalee isaa dhageessisuun mootummaa ummataan ijaaramuuf bu\u2019uura murteessaadha. Akka Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippabilika Itoophiyaa Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 1995tti raggaasifameetti, filannoon biyyoolessaa waggaa shaniin gaggeeffama. Bu\u2019uura kanaan, filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24\/2018 akka gaggeeffamu karoorfameera. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5858,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5857"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5857"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5857\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5859,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5857\/revisions\/5859"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5858"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5857"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5857"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5857"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}