{"id":5875,"date":"2026-03-25T13:12:25","date_gmt":"2026-03-25T13:12:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5875"},"modified":"2026-03-25T13:12:25","modified_gmt":"2026-03-25T13:12:25","slug":"sirna-abbaa-hagaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/25\/sirna-abbaa-hagaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Sirna &#8220;Abbaa Hagaa\u201d"},"content":{"rendered":"<p>Wal-diddaafi walitti bu\u2019iinsi wantoota uumamaan jiraatan keessaa tokkodha. Qaama hawaasaa kamiyyuu keessatti, maatiifi namoota dhuunfaa gidduutti walitti bu\u2019iinsi uumamuu ni danda\u2019a. Kanaafuu, hawaasni maloota walitti bu\u2019iinsa ittiin hiikan karaa aadaafi duudhaatiin diriirsuun nagaa tikfachuuf hojii guddaa hojjata. Sirnoonni aadaa kunneen walitti bu\u2019iinsi akka hin babal\u2019anne ittisuun, kan miidhame gargaaranii, kan miidhe adabuun, akkasumas warra wal-lolan araarsuun shoora olaanaa qabu. Dabalataanis, dhiigni akka hin dhangalaane gochuun, diigumsi gaa\u2019elaa akka hin raawwatamne ittisuufi maatiin akka adda hin facaaneef nagaa hawaasaa eeguuf gargaara.<\/p>\n<p>\u200eHawaasa bulchiinsa Sablammii Oromoo keessatti, duudhaaleen aadaa wal-dhabdee hiikuuf tajaajilan keessaa tokko sirna \u201cAbbaa Hagaa\u201ddha. Sirni kun dhaloota haaraafi aadaa Oromoo walitti fiduuf gahee olaanaa qaba. Maanguddoon aanaa Baatee ganda Kophaafoo obbo Rattaa Mahaammad, hawaasni naannichaa sirna Abbaa Hagaatiif kabaja guddaa kenna jedhaniiru. Namni sirna kana keessatti Abbaa Hagaa ta&#8217;ee filamu, dargaggeessa maqaa gaarii qabu, beekamtii qabu, tasgabbaa\u2019aafi bilchina qabu ta\u2019uu qaba jedhaniiru. Inni kunis dargaggoota dhiiraafi dhiira, shammarraniifi shammarran, akkasumas dhiiraafi shammarran wal-lolan araarsuun gahee isaa bahata. Akka maanguddoon kun jedhanitti, dargaggeessi tokko umriin isaa waggaa 18 irraa eegalee hanga 35tti \u201cAbbaa Hagaa\u201d ta\u2019ee tajaajila. Erga waggaa 35 guutee booda, dargaggeessi biraa ulaagaa guute bakka isaa bu\u2019a jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200e\u201cAbbaan Hagaa\u201d dargaggoota gidduutti walitti bu\u2019iinsi akka hin uumamne dursee ittisa; yoo uumame ammoo gidduu seenee araarsa. Akkasumas, kan miidhe adabuufi kan miidhame deeggaruun hojii isaa keessaa isa ijoo akka ta&#8217;e eeraniiru. Sirni kun dargaggoonni wal-dhabdee isaanii ofumaan furachuu akka danda\u2019an, akkasumas aadaa isaanii akka tikfataniifi dagaagsan gargaara. Hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti Abbaan Hagaa gahee guddaa akka taphatu himaniiru. Sirni kun yeroo mootummaa Dargii keessatti dargaggoonni walitti qabaman gara loltummaa waraanaatti akka galan taasifamuu irraa kan ka\u2019e, hojiin isaa gadi bu\u2019uun dagatamaa dhufee ture. Haa ta\u2019umalee, yeroo ammaa sirni Abbaa Hagaa deebi\u2019ee jabaachuun tajaajila isaa itti fufee jiraachuu maanguddoon kun kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Miseensa sirna Abbaa Hagaa kan turan jiraataan magaalaa Baatee obbo Ahmad Rattaa, sirna Abbaa Hagaa keessatti tuutni gurmii kanaa haala teessuma lafaatiin, jechuun lagaan yookin immoo tabbaan kan daangeeffamu ta&#8217;uu ibsaniiru. Sirna kana keessatti dargaggoonniifi shamarran aadaawwan taphaa irratti yoo wal-miidhan, murteen xumuraa kan Abbaa Hagaati. Abbaan Hagaa murtee haqa qabeessaafi madaalawaa kenna; murtee isaa fudhachuu diduun yookin mormuun hawaasichaan akka balaaleffatamus obbo Ahmad dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u200e\u201cAni akka miseensaatti seera aadaa nan kabaja; rakkoon yoo uumame jaarsoliifi miseensota waliin taa\u2019uun araara buusuu irratti hirmaadha,\u201d jedhaniiru. Sirni kun namoota qajeelummaa, obbolummaafi wal-kabajuu irratti leenjisuun hawaasa keessatti tokkummaa cimsuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Dhaloota itti aanu sirna kana barsiisuufi dabarsuun dirqama dhalootaa ta\u2019uu hubachiisaniiru. Sirni kun baroottan darbe keessa dhiibbaawwan garagaraatiin dagatamaa dhufus, yeroo ammaa deeggarsa Manneen Murtii Aadaafi mootummaa irraa argameen jajjabeeffamaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>\u200eManni Murtii Ol\u2019aanaa Naannoo Amaaraa sirnoota wal-dhabdee karaa aadaa hiikaniif beekamtii kennee jira. Itti gaafatamaan Waajjira Mana Maree Gorsa Manneen Murtii Aadaa Naannoo Amaaraa, obbo Yimaam Sayid akka jedhanitti, sirni Abbaa Hagaa sirnoota aadaa qorannoodhaan adda baafamanii beekkamtii argatan 15 keessaa tokkodha. Yeroo sirni kun jalqabame ifatti beekamuu baatus, baroota dheeraaf tajaajila kennaa tureera. Kan adda isa taasisu immoo, sirna dargaggootaa qofa ta\u2019uu isaati; kan filatu, kan murteessuufi kan raawwatu dargaggoota qofa ta\u2019uu isaa obbo Yimaam ibsaniiru. Keessumaa baadiyyaa aanaalee keessatti hojiirra oolaa jiraachuun isaa eerameeru. Dhuma irrattis, sirni Abbaa Hagaa akka hin badneef, leenjiidhaan deeggaruu, hordoffii cimaa gochuufi babal\u2019isuun irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u200eItti gaafatamaan waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Baatee, Abduu Mahaammad, sirni Abbaa Hagaa aadaafi duudhaa uummata Oromoo keessaa isa duriifi kabajamaa ta\u2019uu ibsaniiru. Sirna kana keessatti hawaasni walitti dhufuun, nagaa cimsachuu, walitti dhufeenya hawaasummaa jabeessuufi rakkoo walii hiikuuf kan itti fayyadaman ta&#8217;uu eeraniiru. Sirni Abbaa Hagaa hawaasa keessatti yeroo ammaa laafaa dhufuu eerun, akka aanichatti, sirna Abbaa Hagaa tikfachuufi dagaagsuuf hojii hedduu hojjechaa jiraachuu kaasaniiru. Haaluma kanaan namoota 78,\u00a0 dargaggoota, jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa keessaa filuun kutaalee gandoota baadiyyaa keessatti hubannoo hawaasaa uumuu akka danada&#8217;aniifi sirnoota kana deebisanii akka haaromsaniif kallattiin ka&#8217;amee jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Wal-diddaafi walitti bu\u2019iinsi wantoota uumamaan jiraatan keessaa tokkodha. Qaama hawaasaa kamiyyuu keessatti, maatiifi namoota dhuunfaa gidduutti walitti bu\u2019iinsi uumamuu ni danda\u2019a. Kanaafuu, hawaasni maloota walitti bu\u2019iinsa ittiin hiikan karaa aadaafi duudhaatiin diriirsuun nagaa tikfachuuf hojii guddaa hojjata. Sirnoonni aadaa kunneen walitti bu\u2019iinsi akka hin babal\u2019anne ittisuun, kan miidhame gargaaranii, kan miidhe adabuun, akkasumas warra wal-lolan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5876,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5875"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5875"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5875\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5877,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5875\/revisions\/5877"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5876"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5875"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5875"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5875"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}