{"id":5889,"date":"2026-04-09T06:07:32","date_gmt":"2026-04-09T06:07:32","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5889"},"modified":"2026-04-09T06:07:46","modified_gmt":"2026-04-09T06:07:46","slug":"bitootessi-siyaasa-keenyaaf-jia-addaati-itti-aanaa-muummicha-ministiraa-tamasgan-xurunah","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/09\/bitootessi-siyaasa-keenyaaf-jia-addaati-itti-aanaa-muummicha-ministiraa-tamasgan-xurunah\/","title":{"rendered":"&#8221;Bitootessi Siyaasa Keenyaaf Ji&#8217;a Addaati&#8221; Itti Aanaa Muummicha Ministiraa Tamasgan Xurunah"},"content":{"rendered":"<p>Itti aanaan muummicha ministiraa Tamasgan Xirunah ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin\u00a0dabarsaniin, \u00a0jiini Bitootessaa samiin ifee kan itti mul&#8217;ate, midhaan carraaqqiin faca&#8217;e kan itti walitti qabame, olka\u2019iinsa siyaasaafi dinagdee keenya kan nuuf bareechedha jedhaniiru.\u00a0 Bitootessi siyaasa keenyaaf ji&#8217;a addaati jedhaniiru. Akkasumas ji&#8217;a boqonnaa haaraa yeroo uummanni dukkana keessaa gara ifa cimaatti ba&#8217;eedha jedhaniiru. Ji&#8217;a Bitootessaa keessa dibbeen jijjiiramaa dhahamee jijjiiramni diinagdeen siyaasaa haaraan akka labsame dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jijjiiramni Bitootessaa dhiibbaa uummataafi qabsootiin dhufe riiformiiwwan cabinsa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa Itoophiyaa kan ittiin suphaman ta&#8217;uu eeraniiru. Dabaluunis, \u00a0gaaffiin misoomaafi bulchiinsa gaarii uummata keenyaa kan ittiin deebi\u2019uu\u00a0 jalqabanidha jedhaniiru.\u00a0 Akka isaan jedhanitti, guddinni oomishaafi oomishtummaa, dadammaqinsi turizimii, itti fayyadamni qabeenya albuudaa, ijaarsi dinagdee dijitaalaa, milkaa&#8217;inni misooma magaalaafi dippiloomaasii hundi isaanii ji&#8217;a Bitootessaa keessa kan jalqabamanidha. Waggoottan saddeettan darbanitti\u00a0 jijjiiramoonni dinqisiisoo galmaa\u2019uu kaasanii, dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaaf madaalan akka ta&#8217;aniif hojiin gama humna namaa, teeknooloojii, gurmaa\u2019insaafi naannoo hojii ammayyeessuun milkaa\u2019inaan raawwatamuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Bitootessi ji\u2019a abjuun magaalota biyya keenyaa ammayyeessuun kan itti dhugoome, milkaa\u2019ina misooma koridarii galmaan gahuun itti danda&#8217;ame, jijjiirama qilleensaa qolachuuf biqiltuu biliyoonaan lakkaa\u2019aman dhaabuun lafa magariisaa kan ittiin uumne, akkasumas biyya keenya keessatti mul\u2019anni gama siyaasaa, dimokiraasiifi aadaa haaraan itti labsameedha jedhaniiru. Qonna keenya waggoota kumaatamaaf rooba irratti hirkataa ture ammayyeessuun waggaa guutuu jallisiifi gannaatiin oomishuuf kan jalqabne ji\u2019uma Bitootessaa keessa jedhaniiru itti aanaan muummichi ministiraa kun ergaa dabarsaniin.<\/p>\n<p>Itoophiyaan Inisheetiivii qamadii jallisii bonaan qamadii biyya alaatii galfamu guutummaatti hambisuun Afrikaarraa gama oomisha qamadiin adda duree taatee jiraachuu himaniiru. Bu&#8217;aaleen oomishaalee aannaniifi dammaa horsiisa lukkuurraa argaman maaddii maatii irratti akka argaman gochuuf kan kaayyeffate jalqabbiin Inisheetiivii maaddii guutuu Bitootessa keessa ta&#8217;uu addeessaniiru. &#8220;Fayadamummaa uummata keenyaaf ulfinaafi badhaadhina biyya keenyaaf ciminaan ni hojjenna&#8221; jechuun obbo Tamasgan ergaa isaanii keessatti hammachiisaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itti aanaan muummicha ministiraa Tamasgan Xirunah ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin\u00a0dabarsaniin, \u00a0jiini Bitootessaa samiin ifee kan itti mul&#8217;ate, midhaan carraaqqiin faca&#8217;e kan itti walitti qabame, olka\u2019iinsa siyaasaafi dinagdee keenya kan nuuf bareechedha jedhaniiru.\u00a0 Bitootessi siyaasa keenyaaf ji&#8217;a addaati jedhaniiru. Akkasumas ji&#8217;a boqonnaa haaraa yeroo uummanni dukkana keessaa gara ifa cimaatti ba&#8217;eedha jedhaniiru. Ji&#8217;a Bitootessaa keessa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5890,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5889"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5889"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5889\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5891,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5889\/revisions\/5891"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5890"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5889"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5889"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5889"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}