{"id":5895,"date":"2026-04-09T06:14:57","date_gmt":"2026-04-09T06:14:57","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5895"},"modified":"2026-04-09T06:14:57","modified_gmt":"2026-04-09T06:14:57","slug":"warshaan-xaaoo-biyya-keessaa-boqonnaa-harawa-damee-qonnaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/09\/warshaan-xaaoo-biyya-keessaa-boqonnaa-harawa-damee-qonnaa\/","title":{"rendered":"Warshaan Xaa\u2019oo Biyya Keessaa Boqonnaa Harawa Damee Qonnaa"},"content":{"rendered":"<p>\u200eItoophiyaan karoora misoomaa isheetiin qonna ammayyeessuufi oomisha guddisuun hiyyummaa hir\u2019isuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jirti. Haata&#8217;u malee rakkoo hirmattummaa xaa&#8217;oo alarraan kan ka&#8217;e yeroo dheeraaf kutaa qonnaarratti qormaanni guddaan tureera. Kunis qonnaan bultoota irratti gatii ol\u2019aanaa, hanqinaafi rakkoo dhiyeessii yerootiin wal qabatee\u00a0 miidhaa fideera. Haala kana keessatti, pirojektiin warshaan xaa&#8217;oo biyya keessatti ijaaramaa jiru abdii haaraa kan uume ta\u2019ee mul\u2019ata.<\/p>\n<p>\u200eWarshaa Xaa\u2019oo kunis doolaara Biiliyoona 2.5\u2019n ijaaramuuf waliigalteen qooddannaa gahee Invastimanti Holdiingii Itoophiyaafi Dhaabbata Xaa\u2019oo Daangootee gidduutti mallatteeffamuun kan yaadatamudha. Warshaa xaa&#8217;oo kunis kan ijaaramu Naannoo Somaalee, Godeetti yoo ta&#8217;u, waggoota sadii hanga shaniitti ijaarramee xumuramuuf karoorfameera. Pirojaktiin kun ijaaramee yoo xumurame hirkattummaa alaa hir\u2019isuun qofa osoo hin taane, dinagdee biyya keessa jabeessuu, carraa hojii uumuufi oomisha qonnaa guddisuuf shoora olaanaa qaba jedhamee eegama.<\/p>\n<p>\u200eObbo Usmaan Huseen Jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirreeti. Warshaan xaa\u2019oo biyya keessatti ijaaramaa jiru kun abdii guddaa nuuf fideera jedhaniiru. &#8220;Kanaan dura yeroo baay\u2019ee xaa\u2019oo argachuuf yeroo dheeraa eegna ture, erga yeroo qonnaa darbee boodas nu dhaqqaba ture&#8221; jechuun komii qaban ibsaniiru. Amma garuu yeroo warshaan kun xumuramee hojii jalqabu, xaa\u2019oon yeroo isaa eeggatee akka isaan bira ga\u2019u abdii qaban ibsaniiru. &#8220;Keessumaa immoo gatiin xaa\u2019oo yeroo yeroon dabaluun isaa miidhaa cimaa nurratti dhaqqabsiisaa jira&#8221; jedhaniiru. Yoo biyya keessatti oomishame garuu, gatiin isaa akka gadi bu\u2019u abdii qabaachuu isaanii eeraniiru. Kun immoo lafa isaanii bal\u2019isanii qotuufi oomisha isaanii dabaluuf kaka&#8217;umsa ta&#8217;uufi himaniiru.<\/p>\n<p>\u200eObbo Masarat Baalchaa jiraataa Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa bulchiinsa Malkaa Noonnoti. \u201cNuti qonnaan bultoonni yeroo waqtiin Arfaasaa dhufu, harka keenya gara Waaqaatti ol qabnee, ija keenya immoo gara buufata xaa\u2019ootti erginee eegna. Xaa\u2019oon nuuf lubbuu dha. Haata\u2019u malee, rakkooleen sadii nu mudataa turan: gatii isaa qaala\u2019aa ta\u2019uu, yeroo barbaachisutti nu bira gahuu dhabuufi gosa xaa\u2019oo biyyee keenyaaf hin madaalle ta\u2019uunidha\u201d jedhaniiru.\u00a0 Amma garuu, warshaan xaa\u2019oo biyya keenya keessatti ijaaramuun isaa abdii guddaa nuuf kenneera jedhaniiru. Gatiin isaa akka gadi bu\u2019u, yeroo isaattis akka isaan ga\u2019u ni abdanna jechuun abdii qaban ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200e\u201cAkka qonnaan bulaa tokkootti, ijaarsi warshaa xaa\u2019oo kanaa nuuf akka ijaarsa mana keenyaatti ilaalla. Warshaan kun ijaaramee xumuramnaan Itoophiyaan qamadii qofa osoo hin taane, oomisha qonnaa garaagaraa biyya alaatti erguuf ni dandeessi. Nuti immoo \u2018Masoobii Nyaataa Afriikaa\u2019 ta\u2019uuf dandeettii guutuu qabna,\u201d jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hayyuu diinagdee kan ta\u2019an obbo Fiqaaduu Naggasaa, pirojaktiin warshaa xaa\u2019oo biyya keessatti ijaaramaa jiru kun bu\u2019aa yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane, jijjiirama diinagdee yeroo dheeraa fiduuf bu\u2019uura cimaa ta\u2019uu ibsaaniiru. Warshaan xaa\u2019oo biyya keessatti ijaaramee hojii yeroo jalqabu, fedhii xaa\u2019oo keessaa ofiin guutuu danda\u2019uuf carraa uuma jedhaniiru. Kanaan dura biyyi keenya xaa\u2019oo biyyoota alaa irraa bituuf sharafa alaa hedduu baasaa turuu kaasun, warshaan xaa&#8217;oo biyya keessatti ijaaramuun isaa sharafa alaa hir\u2019isuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Sharafni alaatti bahaa ture kunis gara dameewwan birootti yoo jijjiirrame diinagdeewwan biyyaa jijjiiruu keessatti gahee guddaa akka qabu ibsaniiru. Kanaanis diinagdeen biyya keessaa jabaachuufi cimuu akka danda\u2019uu kaasaniiru. Kanaan dura harkifannaa geejjibaatin walqabatee xaa&#8217;oon yeroon qonnaan bulaa bira gahuu dhabuu irraan kan ka&#8217;e oomishni qonnaan bulaa miidhaaf saaxilamaa turuus eeraniiru. warshaan xaa&#8217;oo biyya keessatti ijaaramuun isaa dhiyeessii saffisaafi yeroo isaa eeggate kan tasisuufi rakkoolee geejjibaaf furmaata ta&#8217;uu danda&#8217;uu ibsaniiru.\u200e<\/p>\n<p>\u200eItoophiyaan kanaan dura qamadii biyyoota alaa irraa galchaa turuu kan eeran Hayyuun kun, biyyi keenya waggoota dhiyoon as wabii nyaatan of dandeessee qamadii biyyoota alaatti erguu irratti akka argamtu kaasaniiru. Keessumaa immoo Itoophiyaan wabii nyaatan of dandeesse biyyoota alaatti erguuf warshaan xaa&#8217;oo kun wabii guddaadha jedhaniiru. Xaa\u2019oon yeroo barbaachisuutti yoo argame, qonnaan bultoonni oomishaafi oomishtummaa isaanii sirnaan gaggeessu. Kanaaf, oomishni midhaan nyaataafi daldalaas dabaluu akka danda&#8217;uu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKana malees, gatiin xaa\u2019oo gabaa rraatti gadi bu\u2019uu akka danda&#8217;uuf ni gargaara jedhaniiru. Kun immoo qonnaan bultootaanni haala salphaa ta&#8217;een fayyadamummaa isaanii akka mirkaneessan haala mijataa uumuu akka danda&#8217;u ibsaniiru. Hayyuun Diinagdee kun akka jedhanitti, carraa hojii uumuun wal qabatee warshaan xaa\u2019oo ijaaramu kun, yeroo ijaarsaafi yeroo hojii jalqabu illee carraa hojii bal\u2019aa dargaggootaf uumuu akka danda&#8217;u eeraniiru. Dargaggootaaf hojii kallattiifi al-kallattii gama geejjibaan, tajaajilanifi suphaa carraa uumuu akka danda&#8217;u ibsaniiru. Kunis hojii dhabdummaa hir\u2019isuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf gumaacha qaba jedhaniiru. Rakkoolee muudatan kamiyyuu furuuf, mootummaafi qaamolee dhuunfaa gidduutti qindoomina cimaa akka barbaachisu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u200eItoophiyaan karoora misoomaa isheetiin qonna ammayyeessuufi oomisha guddisuun hiyyummaa hir\u2019isuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jirti. Haata&#8217;u malee rakkoo hirmattummaa xaa&#8217;oo alarraan kan ka&#8217;e yeroo dheeraaf kutaa qonnaarratti qormaanni guddaan tureera. Kunis qonnaan bultoota irratti gatii ol\u2019aanaa, hanqinaafi rakkoo dhiyeessii yerootiin wal qabatee\u00a0 miidhaa fideera. Haala kana keessatti, pirojektiin warshaan xaa&#8217;oo biyya keessatti ijaaramaa jiru abdii haaraa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5896,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5895"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5895"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5895\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5897,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5895\/revisions\/5897"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5896"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5895"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5895"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5895"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}