{"id":5898,"date":"2026-04-09T06:17:10","date_gmt":"2026-04-09T06:17:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5898"},"modified":"2026-04-09T06:18:52","modified_gmt":"2026-04-09T06:18:52","slug":"ammas-kutaan-qonnaa-keenya-xiyyeeffannoo-olaanaa-argachuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/09\/ammas-kutaan-qonnaa-keenya-xiyyeeffannoo-olaanaa-argachuu-qaba\/","title":{"rendered":"Ammas Kutaan Qonnaa Keenya Xiyyeeffannoo Olaanaa Argachuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Seenaa Itoophiyaatti kutaa qonnaaf xiyyeeffannoon gahaa ta\u2019e osoo hin laatamiin turuu isaatiin hojiin qonnaa aadaawaa akka ta\u2019uf dhiibbaa taasiseera. Hata\u2019umalee qonnaan bulaan keenya mala aadaawaan jiruufi jireenya isaa gaggeessuun jaarraa dheeraatiif biyya keenya sadarkaa har\u2019aarra geessisuu danda\u2019era. Kutaan biyyattii baadiyyaas ta\u2019e magaalaan jireenyi isaanii kan bu\u2019ureeffame maluma qonna aadaa kanarratti hundaa\u2019eenidha.<\/p>\n<p>Hata\u2019umalee yeroo dhihenyaan booda kutaan qonnaa hanga humni biyyattiin dandessuutti xiyyeeffannoo argachuu danda\u2019era. Itoophiyaan imaammata diinagdee ishee qonni akka dursu taasisuun hojiin qonnaa akka ammayyaa\u2019u taasisaa jirti. Qonnaan bulaan dhiheenyaan ogeessa qonnaatiin akka deeggaramu taasisuu, sanyii oomishaafi oomishtummaa dabalu akka argatu goochuu,\u00a0 sararaan akka facaasu gochuu, hojii isaa meekaanaayzeshiniin akka deeggaramu gochuun hojiilee muraasa kutaa qonnaa deeggaruuf taasifamedha.<\/p>\n<p>Hojii qonnaa ammayyessuuf galteewwan qonnaa fayyadauun dirqamadha. Galteewwan qonnaa keessaa tokko xaa\u2019oo nam-tolcheeti. Itoophiyaan xaa\u2019oo nam-tolchee alarraa galchuuf maallaqa olaanaa baasuu bira darbee bu\u2019a ba\u2019ii geejjibaa alarraa galchuuf taasifamus danqaa olaanaa ta\u2019era. Kana hubannoo keessa galchuun mootummaan xaa\u2019oon nam-tochee biyya keessatti akka oomishamuf doolaara biiliyona 2 tuqaa 5 baasii gochuun ijaarsi warshichaa akka jalqabamu taasiseera. Ijaarsi warshaa kanaa xumuramuun yeroo hojii jalqabu baasii xaa\u2019of taasifamu qofa osoo hin taane qonnaan bulaan dhihenyaan akka argatu waan taasisufis faayidaan isaa olaanaadha. Egaa rakkoon kutaa qonnaa xaa\u2019oo qofa osoo hin taane rakkoowwan garaagaraa waan jiraniif ammas taanaa kutaan qonnaa keenya xiyyeeffannoo olaanaa argachuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har\u2019aati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Seenaa Itoophiyaatti kutaa qonnaaf xiyyeeffannoon gahaa ta\u2019e osoo hin laatamiin turuu isaatiin hojiin qonnaa aadaawaa akka ta\u2019uf dhiibbaa taasiseera. Hata\u2019umalee qonnaan bulaan keenya mala aadaawaan jiruufi jireenya isaa gaggeessuun jaarraa dheeraatiif biyya keenya sadarkaa har\u2019aarra geessisuu danda\u2019era. Kutaan biyyattii baadiyyaas ta\u2019e magaalaan jireenyi isaanii kan bu\u2019ureeffame maluma qonna aadaa kanarratti hundaa\u2019eenidha. Hata\u2019umalee yeroo dhihenyaan booda [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5900,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5898"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5898"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5898\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5899,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5898\/revisions\/5899"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5900"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5898"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5898"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5898"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}