{"id":5904,"date":"2026-04-09T06:27:51","date_gmt":"2026-04-09T06:27:51","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5904"},"modified":"2026-04-09T06:27:51","modified_gmt":"2026-04-09T06:27:51","slug":"daaimman-duudhaafi-safuu-gaariitiin-guddatan-ijaarsa-biyyaa-boriitiif-wabiidha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/09\/daaimman-duudhaafi-safuu-gaariitiin-guddatan-ijaarsa-biyyaa-boriitiif-wabiidha\/","title":{"rendered":"Daa\u2019imman Duudhaafi Safuu Gaariitiin Guddatan Ijaarsa Biyyaa Boriitiif Wabiidha\u200e"},"content":{"rendered":"<p>\u200eDaa\u2019imman yeroo ijoollummaa isaanii keessatti waan baratan jireenya isaanii guutuu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroon kun yeroo sammuufi amala ijaaruu waan ta\u2019eef, wanti isaan baratan bu\u2019uura jireenya isaanii ta\u2019a. Kanaafuu, manneen barumsaa oolmaa daa\u2019immanii bakka ijoolleen jalqaba duudhaa, safuufi aadaa hawaasaa itti baratan ta\u2019uun gahee olaanaa qabu.<\/p>\n<p>Kana galmaan ga\u2019uuf bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, manneen barumsaa oolmaa daa\u2019immanii, daa\u2019imman amala gaarii akka horatan xiyyeeffannoo guddaa kennanii hojjechaa jiru. Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti manneen barumsaa oolmaa daa\u2019immanii mootummaa lamaafi kan dhuunfaa jahatu jiru. Manneen barnootaa kanneen keessatti daa\u2019imman barnoota jalqabaa qofa osoo hin taane, duudhaafi amala gaarii akka baratan gochuuf hojii bal\u2019aan hojjetamaa jiru.<\/p>\n<p>Barattoonni manneen barumsaa kunneen keessatti, wal kabajuu, waliin jiraachuu, gorsa fudhachuu, nama gurguddaa kabajuu, haqa ofiifi kan biroo eeguu akka baratan taasifamaa jira.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eBarsiistuu Ababaa Lammaa, mana barumsaa Oolmaa Daa&#8217;immanii Waldaa Guutuu Wangeelaa Kamiseeti. Barsiisonni manneen barumsaa oolmaa daa\u2019immanii, daa\u2019imman akka amala gaarii horatan taasisuuf mala barnootaa haala isaanii waliin walsimu fayyadamaa jiru jedhaniiru. Fakkeenyaaf, tapha, sirba, sheekkoofi fakkeenyota adda addaa fayyadamuun duudhaa barsiisuu jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, manneen barumsaa kunneen maatii waliin qindoominaan hojjechuun daa\u2019imman mana keessattiis waan gaarii akka itti fufan taasisuuf \u2018\u2019yaalii cimaa taasisaa jirra\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kunis daa\u2019imman bakka tokko qofatti osoo hin taane, jireenya isaanii guutuu keessatti amala gaarii akka qabaataniif kan gargaaruu ta&#8217;uu ibsaniiru. Hojii kana keessatti mootummaafi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa waloon qooda fudhachuun tajaajila oolmaa daa\u2019immanii babal\u2019isuu akka qabanis gaafataniiru.<\/p>\n<p>\u200eObbo Olaanaa Gammachuu, Maatii daa\u2019ima isaanii mana barumsaa Oolmaa Daa&#8217;immanii Waldaa Guutuu Wangeelatti barsiifataa jiranidha. Manni barumsaa oolmaa daa&#8217;immanii barattoota safuun guddisuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Daa&#8217;imman mana barnootaa keessatti qofa osoo hin taane, manatti safuufii duudhaa barsiisun murteessaa ta&#8217;uu eeraniiru. \u2018\u2019Daa\u2019imman waan itti himamu caalaa waan argan irraa baratu\u2019\u2019 kan jedhan obbo Olaanaan, yoo maatiin waliif kabaja qabaatan; dhugaa dubbatan, obsaafi jaalala agarsiisan daa\u2019imnis kanuma barachaa guddatu jedhaniiru. &#8220;anis mucaakoo aadaafi duudhaa barachaa akka guddatuuf manattillee sirnaan qayyabachiisaan jira&#8221; jedhaniiru. Yeroo isaanii haala kamiin akka dabarsanis sirriitti hordofaa jirachuus eeraniiru. Kuni mmoo ijoollee amala badaa irraa akka eegu danda\u2019u gorsaniiru. Kana malees hojii manaa ijoollota isaanii ilaalun barsiisota waliin mari\u2019achuun sirnaan barnoota isaanitti akka cimaniif hojjechaa jirra jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eWaajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Ogeessa Turizimii Obbo Eliyaas Damee, manneen barnootaa oolmaa daa&#8217;immaniif akka bulchiinsa magaalichaatti jiran daa&#8217;imman aadaa, duudhaafi safuu isaanii beekanii akka guddataniif hojii deeggarsaa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Daa&#8217;imman manneen barnootaa keessatti aadaa shubbisaa, walaloo garagaraa qopheessuufi wantoota aadaan wal qabatan akka dhiheessaniif akka wajjira isaanitti haala mijeessaafi jiraachuu himaniiru. Keessumaa yeroo ayyaanota garagaraatti uffata aadaa akka uffatan, eenyummaa isaanii akka beekanii guddataniif gama waajjirichaan jajjabeessaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Barsiisota Manneen barnootaa kanneenif, kanaan dura leenjii garagaraa kennaafii turuu kaasun, bara kana garuu hanqinni jiraachuu eeraniiru. Meeshaaleen muuziqaa duraan manneen barnoota kana keessa turuu kan kaasan obbo Eliyaas, wayita lola kaabatti jalaa manca&#8217;uu dubbataniiru. Yeroo ammas meeshaalee muuziqaa kanneen manneen barnootaa keessatti hojiirra akka oolaniif walitti qabachaa jiraachuu ibsaniiru.\u200e<\/p>\n<p>\u200eObbo Malkaamuu Haata&#8217;uu itti aanaa itti gaafatamaa waajjira barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseeti. Manni barumsaa oolmaa daa\u2019immanii ijaarsa eenyummaafi amala gaarii daa\u2019immanii keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Daa&#8217;imman yeroo umuriin isaanii xiqqaa ta\u2019e kanatti, wantoota argan, dhaga\u2019aniifi shaakalan saffisaan barachuu waan danda\u2019aniif gama aadaa, duudhaafi safuu hawaasaa sirnaan barsiisuun murteessaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Manni barumsaa oolmaa daa\u2019immanii, daa\u2019imman akka wal kabajaniifi naamusa gaarii qabaatanii akka guddataniif kan gargaaru ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Manneen barnootaa oolmaa daa&#8217;immanii keessattis karaa taphoota aadaa, sirbootaafi sheekkootiin daa&#8217;imman aadaa, akkasumas agarsiisa gara garaatiin barnoota isaanii gammachuun akka fudhatan ni taasisa jedhaniiru. Daa\u2019imman har\u2019a naamusa gaariitiin guddatan boriif wabii nageenya biyyaa ta\u2019uu akka danda\u2019an obbo Malkaamuun eeraniiru. Kun hundi isaanii aadaa isaanii akka jaallatan, akka ittiin boonaniifi dhaloota itti aanuuf akka dabarsan bu\u2019uura cimaa kaa\u2019a jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eManneen barnootaa keessatti meeshaalee aadaa akka uffata aadaa, meeshaalee muuziqaafi kitaabota aadaa garagaraa ibsan galchuun daa\u2019imman akka ilaalaa barataniif haala mijeessaa jirra jedhaniiru. Barsiisotaaf leenjii yeroo gara yerootti kennuun akkamitti daa\u2019imman aadaafi safuu barsiisuu akka danda\u2019aniif hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kana malees dorgommiifi agarsiisota aadaa qopheessuun ijoolleen akka of ibsan, akka ofitti amanamummaa horataniifi aadaa isaanii akka kabajan jajjabeessaa jirra jedhaniiru. Obbo Malkaamuun \u2018\u2019ijaarsi daa\u2019immanii hojii waloo waan ta\u2019eef, hunda keenyarraa hirmaannaa cimaa barbaada&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u200eDaa\u2019imman yeroo ijoollummaa isaanii keessatti waan baratan jireenya isaanii guutuu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroon kun yeroo sammuufi amala ijaaruu waan ta\u2019eef, wanti isaan baratan bu\u2019uura jireenya isaanii ta\u2019a. Kanaafuu, manneen barumsaa oolmaa daa\u2019immanii bakka ijoolleen jalqaba duudhaa, safuufi aadaa hawaasaa itti baratan ta\u2019uun gahee olaanaa qabu. Kana galmaan ga\u2019uuf bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, manneen barumsaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5905,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5904"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5904"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5904\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5906,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5904\/revisions\/5906"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5905"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5904"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5904"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5904"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}