{"id":5907,"date":"2026-04-09T06:32:31","date_gmt":"2026-04-09T06:32:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5907"},"modified":"2026-04-09T06:32:31","modified_gmt":"2026-04-09T06:32:31","slug":"dhaloota-yakka-balaaleffatu-uumuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/09\/dhaloota-yakka-balaaleffatu-uumuu\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dhaloota Yakka Balaaleffatu Uumuu"},"content":{"rendered":"<p>\u200eYeroo ammaa rakkooleen yakkaa hawaasummaa akka hannaa, saamichaafi jeequmsa nageenyaa dabalaa dhufuun, nageenya hawaasaafi guddina biyyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru. Haala kana keessatti, yakka ittisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane dirqama lammiilee hundaa ta\u2019uun hubatamaadha. Keessattuu immoo dhaloota haaraa irratti gahee guddaa qaba. Yeroo ammaa rakkooleen yakka hawaasummaa garaagaraa akka saamicha, hanna, jeequmsa nageenyaafi gochoonni seeraan alaa biroo babal\u2019achaa jiru. Kunis nageenya hawaasaa miidhuu qofa osoo hin taane, guddina biyyaa gufachiisa.<\/p>\n<p>\u200eBulchiinsa Sablammii Oromoo, Aanaa Arxummaa Fursiittis nageenya hawaasaa cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, hirmaannaan uummataa, keessattuu dargaggootaa, murteessaadha. Dhaloonni yoo yakka balaaleffachuu, hubachuufi ittisuuf of qopheesse, egeree nageenya qabu ijaaruun ni danda\u2019ama. \u200eJiraataan Aanaa Arxummaa Fursii, ganda Wagaree Dabbasoo, Ahmad Huseen akka jedhanitti, yakkoonni garaagaraa naannoo isaanii keessatti mul\u2019achaa jiru. Yakki gocha seeraafi sirna hawaasaa cabse, miidhaa nama dhuunfaa, hawaasa yookiin mootummaa irraan ga\u2019u ta\u2019uu ibsaniiru. Kana malees, wanti nagaafi tasgabbii hawaasaa jeequ hundi yakka keessatti lakkaa\u2019ama jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Hawaasa keenya keessatti hubannoon yakka ittisuu suuta suuta fooyya\u2019aa jira\u2019\u2019 kan jedhan obbo Ahmad, namoonni hedduun yakka irraa of eeguufi odeeffannoo qaama nageenyaaf kennuun dirqama isaanii akka ta\u2019e ibsaniiru. Jiraataan kun ganda isaanii keessatti hariiroon fooyya\u2019aan qaama nageenyaafi hawaasa jidduu jiraachuu eeraniiru. Waliin mari\u2019achuun, walgahii nageenyaa gaggeessuufi odeeffannoo waljijjiiruu irratti hawaasni gandichaa hirmaataa jira jedhaniiru. Jiraattonni gandichaas yeroo ammaa mootummaa waliin hojjechuuf fedhii agarsiisaa jiraachuu kaasaniiru. Ta\u2019us, wal amanamummaa guutuufi hojiin waloon cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. \u201cNageenyi bu\u2019uura jireenya keenyaati; tokko tokkoon keenya yakka ittisuuf gahee qabna. Yakka yoo argine callisuu osoo hin taane, qaama nageenyaaf eeruun dirqama keenya\u201d jedhaniiru. Maatii irraa jalqabuun ijoollee isaanii naamusaafi seera kabajuu barsiisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eJiraataan Aanaa Arxummaa Fursii ganda Bishee Abubar Mahammad, yakki gocha seeraafi safuu hawaasaa cabsu ta\u2019uu ibsaniiru. Kunis nageenya, tasgabbiifi jireenya uummataa irratti miidhaa fida jedhaniiru. Ganda isaanii keessatti yeroo tokko tokko yakki akka saamicha xixiqqaa, walitti bu\u2019iinsaafi miidhaa dhuunfaa mul\u2019achaa turuu eeraniiru. Haata\u2019u malee, yeroo ammaa dammaqinsi hawaasaa dabalaa dhufuun haalli isaa fooyya\u2019aa jiraachuu dubbataniiru. Hawaasni keenya yakka balaaleffachuu irratti hubannoo gaarii qaba kan jedhan obbo Abubakar, hawaasni naannichaa\u00a0 yakkoota kamiyyuu balaaleffataa jiru jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHawaasichis odeeffannoo barbaachisaa qaamolee nageenyaaf eeruudhaan ittisa yakkaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Hariiroon qaamolee nageenyaafi hawaasaa gidduu jiru ammoo gaariifi fooyya\u2019adha jedhaniiru. \u201cAbbootiin amantaas manneen amantaa keessatti yakki fuula namaattis fuula waaqaatti fudhatama kan hin qabneefi cubbuu ta\u2019uu nu barsiisu\u201d jedhaniiru. Dhaloota yakka balaaleffatu uumuuf, maatiin gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru. Ijoollee sirna, naamusaafi itti gaafatamummaa barsiisuu akka qaban kaasaniiru.<\/p>\n<p>Barsiisonni immoo hubannoo isaanii cimsuun dhaloota gaarii ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. \u201cNageenyi keenya harka keenyarra jira. Hundi keenya yakka haa balaaleffannu, wal haa tumsinu, naannoo keenya haa eeggannu\u201d jechuun jiraataan kun dhaamaniiru. Waajjira Poolisii Aanaa Arxummaa Fursiitti, abbaa adeemsa ittisa yakkaa, Inspektar Faqii Adam, gochoonni akka hannaa, ajjeechaa, saamichaa, miidhaa qaamaafi qabeenyaa raawwachuun yakka keessatti haammatamuu ibsaniiru. Hawaasni yakkoota kanarraa akka fagaatuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Akka aanichaatti, walga\u2019iiwwan gandaatti qopheessuun yakki miidhaa inni fidu irratti hubannoo kennaa jiraachuu eeraniiru. Keessattuu dargaggoota, dubartootaafi jaarsolii waliin marii gaggeessuun yakka ittisuu irratti hubannoo uumaa akka jiran eeraniiru.<\/p>\n<p>\u200eNamoonni shakkamtoota argan saffisaan qaama seeraaf beeksisuu akka danda\u2019an jajjabeessaa jiraachuu ibsaniiru. \u201cAna hin ilaallatu, nama biraa ilaallata\u201d jechuun osoo hin taane, yakka kamiyyuu seeraan akka gaafatamuuf, namni hunduu gahee akka bahatuuf sadarkaa hundatti hubannoo gadi fageenyaan kennaa jiraachuu kaasaniiru. Inispektar Faqiin, yeroo baay\u2019ee aanicha keessaa qaamni yakki irratti raawwatame eeruwwaan garaagaraa isaan biraan gahuu ibsuun, garuu abbaan dhimmaa deddeebi\u2019uun hordoffii taasisaa akka hin jirre eeraniiru. Kun immoo yakkamaa seeratti dhiyeessuu irratti gufuu kan itti uumuu ta\u2019uu kaasaniiru. \u201cNamoota yakka raawwatan irratti eeruufi hordoffii abbaa dhimma bu\u2019uura godhachuun tarkaanfii seeraa barsiisaa ta\u2019e fudhachaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Kana malees, dhaabbilee amantii waliin ta\u2019uun safuufi duudhaa gaarii babal\u2019isuu keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu eeraniiru jedhaniiru. Dhumarrattis, yakka ittisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane hojii hawaasa maraa ta\u2019uu hubachisaniiru. Hirmaannaan uummataa yoo cime, yakki ni hir\u2019ata, nageenyi ni dagaaga jedhaniiru. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu hundi yakka ittisuurratti gahee isaa bahachuu akka qabu Inspektar Faqiin dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u200eYeroo ammaa rakkooleen yakkaa hawaasummaa akka hannaa, saamichaafi jeequmsa nageenyaa dabalaa dhufuun, nageenya hawaasaafi guddina biyyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru. Haala kana keessatti, yakka ittisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane dirqama lammiilee hundaa ta\u2019uun hubatamaadha. Keessattuu immoo dhaloota haaraa irratti gahee guddaa qaba. Yeroo ammaa rakkooleen yakka hawaasummaa garaagaraa akka saamicha, hanna, jeequmsa nageenyaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5908,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5907"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5907"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5907\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5909,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5907\/revisions\/5909"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5908"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5907"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5907"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5907"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}