{"id":5923,"date":"2026-04-24T07:26:21","date_gmt":"2026-04-24T07:26:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5923"},"modified":"2026-04-24T16:24:12","modified_gmt":"2026-04-24T16:24:12","slug":"mootmmaan-naannoo-amaaraa-itoophiyaatti-ambaasaaddara-ameerikaa-waliin-nageenya-waaressuuf-waloon-hojjechuuf-mariiatan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/mootmmaan-naannoo-amaaraa-itoophiyaatti-ambaasaaddara-ameerikaa-waliin-nageenya-waaressuuf-waloon-hojjechuuf-mariiatan\/","title":{"rendered":"Mootummaan Naannoo Amaaraa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Waliin Nageenya Waaressuuf Marii\u2019atan"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Bulchaa Ol&#8217;aanan Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa Waliin Mari\u2019atan. Bulchaa olaanaan naannoo Amaaraa, obbo Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa waliin dhimmoota naannichaa garaagaraa irratti mari\u2019ataniiru.<\/p>\n<p>\u200eMariin isaanii kun magaala Baahir Daaritti kan gaggeeffame yoo ta&#8217;u, dhaabbilee fayyaafi hojiiwwan misoomaa naannichaa kanneen biroo dawwataniiru. Daawwannaan kun haala hojiiwwan misoomaa yeroo ammaafi bu\u2019aa isaanii irratti hubannoo waloo uumuuf kan kaayyeffate ta\u2019uu ibsameera. Obbo Araggaa Kabbadaafi ambaasaaddarichi marii isaanii keessatti haala nageenyaa naannoo Amaaraa, dhimmoota siyaasaa, tajaajila fayyaafi barnootaa akkasumas hojiiwwan misoomaa waliigalaa irratti bal\u2019inaan mari\u2019ataniiru.<\/p>\n<p>Keessumaayyuu miidhaa walitti bu\u2019iinsi naannicha keessatti geessise dandamachiisuf hojiilee hojjetamuu qaban irratti mari&#8217;ataniiru. Kana malees, tarkaanfiilee mootummaafi qaamoleen garaagaraa fudhachaa turan cimee akka itti fufuufis mari&#8217;ataniiru.<\/p>\n<p>Hojiiwwan misoomaa mootummaa Ameerikaan deeggaraman, keessumaa damee fayyaa, barnootaafi gargaarsa namoomaa irratti gaggeeffamaa jiran cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta\u2019uu kaasaniiru. Deggarsi mootummaa Ameerikaa naannichatti taasifamaa jiru fuuldurattis akka cimu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eObbo Araggaan akka jedhanitti, walitti dhufeenyi mootummaa Ameerikaa waliin jiru deeggarsa qofa irratti kan hundaa\u2019e osoo hin taane,\u00a0 gara invastimantiifi dinagdee jabeessutti ce\u2019uu qaba. Kanaafis abbootiin qabeenyaa Ameerikaa gara naannoo Amaaraatti dhufanii carraawwan misoomaa jiranitti akka fayyadaman waamichi dhiheessaniiru. Naannoon Amaaraa invastimantiif mijataa ta\u2019uu, qabeenya uumamaa, humna namaafi carraawwan misoomaa adda addaa qabaachuu ibsanii, haala mijataa uumuuf mootummaa naannichaa hojii bal\u2019aa hojjechaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMariin kun gara fuulduratti nageenya waaraafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu, akkasumas walitti dhufeenya mootummaa Ameerikaa waliin jiru gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf bu\u2019uura cimaa ta\u2019uu ibsameera. Ambaasaaddarrichi Yuunivarsiitii Baahir Daaritti argamuunis Teeksitaayilii Itoophiyaafi Inistitiyuutii Teeknooloojii Faashinaa daawwataniiru. Inistitiyuutichi oomishaalee biyya keessaa haala ammayyaan hojjechaa jiraachuu eerun, hojiin gama teeknooloojii faashinaan hojjetamaa jiru dinqisiifachuu ibsaniiru<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0 Bulchaa Ol&#8217;aanan Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa Waliin Mari\u2019atan. Bulchaa olaanaan naannoo Amaaraa, obbo Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa waliin dhimmoota naannichaa garaagaraa irratti mari\u2019ataniiru. \u200eMariin isaanii kun magaala Baahir Daaritti kan gaggeeffame yoo ta&#8217;u, dhaabbilee fayyaafi hojiiwwan misoomaa naannichaa kanneen biroo dawwataniiru. Daawwannaan kun haala hojiiwwan misoomaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5924,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5923"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5923"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5923\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5959,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5923\/revisions\/5959"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5924"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5923"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5923"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5923"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}