{"id":5933,"date":"2026-04-24T08:01:16","date_gmt":"2026-04-24T08:01:16","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5933"},"modified":"2026-04-24T08:01:16","modified_gmt":"2026-04-24T08:01:16","slug":"waajjirri-daldalaafi-misooma-gabaa-aanaa-baatee-raabsaa-bobaaa-sirnaan-hogganaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/waajjirri-daldalaafi-misooma-gabaa-aanaa-baatee-raabsaa-bobaaa-sirnaan-hogganaa-jira\/","title":{"rendered":"Waajjirri Daldalaafi Misooma Gabaa Aanaa Baatee Raabsaa Boba\u2019aa Sirnaan Hogganaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Walitti bu\u2019iinsi giddu-gala Bahaatti hammaachaa dhufuun dhiyeessii boba\u2019aa addunyaa irratti gufuu uumeera. Itoophiyaanis dhiibbaa kanaaf saaxilamtuu taateetti. Haalli kun gabaa keessatti rakkoolee adda addaa fidaa jira. Isaan keessaa daballii gatii hin malle, dhiyeessa adda addaa dhoksuu, hariiroo bu\u2019aa dhuunfaa irratti hundaa\u2019uun hojjechuu, akkasumas boba\u2019aa gabaa gurraachaan gurguruu bal\u2019inaan mul\u2019achaa jiru. Kanaanis tajaajilamtoonni komii isaanii ibsu.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Magaalaa Baateetti konkolaachisaan taaksii Kadir Sayid akka jedhanitti, hanqinni boba\u2019aa guyyaa gara guyyaatti hammaachaa jiraachuu himaniiru. Buufata Boba\u2019aarra waraabbachuuf yeroo dheeraan kan barbaachisu ta\u2019uu eeraniiru. Akkasumas, osoo namoonni baay\u2019een hin waraabbatin boba\u2019aan bufaticharraa dhumuun hojii isaanii irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kaasaniiru. Haala kanaan yeroo ammaa qisaasamaafi baasii dabalataaf saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf mootummaan maaddiwwan boba\u2019aa irratti to\u2019annoo akka cimsu gaafachaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eWaajjira Daldalaafi Misooma Gabaa Aanaa Baateetti abbaa adeemsaa mirga bitattootaa, aadde Zaburaa Huseen akka ibsanitti, hanqinni boba\u2019aa yeroo ammaa muudate gabaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Haa ta\u2019u malee, sababa kanaan meeshaalee irratti daballii gatii hin malle taasisuun seeraan kan nama gaafachiisu ta\u2019uu hubachiisaniiru. Kanaafis tarkaanfiileen seeraa garaagaraa fudhatamaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Keessumaa qaamoleen yeroo kana fayyadamuun dhiyeessa boba\u2019aa dhoksuun rakkoo kana hammeessan irratti tarkaanfiin cimaa fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru. Akkasumas gochi akkasii akka hin babal\u2019anne murannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eAadde Zaburaan, hawaasni yeroo gatiin meeshaalee dabale jedhu dhaga\u2019u, hamma daballii sanaa sirriitti madaaluufi dhugaa isaa adda baasuun barbaachisaa ta\u2019uu kaasaniiru. Kunis hawaasni odeeffannoo sirrii wal-bira qabuun qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennuu akka qabu hubachiisaniiru. Boba\u2019aa jiru qusannaan itti fayyadamuufi qaamoota dursi kennamuufi qaban adda baasuun tajaajila kanneen akka tajaajila ambulaansii, qaamolee nageenyaa, konkolaattota tajaajila geejjiba hawaasaaf kennan dursa kennaafi jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eYuunivarsiitii Ambootti barsiisaa diinagdee kan ta\u2019a Indaaloo Bongaasaa, hanqinni boba\u2019aa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul\u2019achaa jiru sababa tokko qofaan kan hin ibsamne ta\u2019uu eeraniiru. Rakkoon kun walitti dhufeenya sababoota hedduu kan of keessaa qabu ta\u2019uu dubbataniiru. Isaan keessaa hanqina sharafa alaa, lola giddu galeessa Bahaa hordofee daballii gatii boba\u2019aa gabaa addunyaa irratti umamuu, akkasumas rakkoo bulchiinsa gaariifi raabsaa irratti rakkoon darbee darbee akka jiru kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKeessumaayyu walitti bu\u2019iinsa siyaasaafi jeequmsa gabaa idil-addunyaa waliin walqabatee dhiyeessii boba\u2019aa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu ibsaniiru. Haalli kun diinagdee biyya keenyarratti miidhaa bal\u2019aa geessisaa jiraachuu dubbataniiru. Boba\u2019aan bu\u2019uura sochii diinagdee waan ta\u2019eef, sababoota hanqina boba&#8217;aa muudateen baasiin geejjibaa dabaluu, gatiin meeshaaleefi tajaajilaa olka\u2019uu, akkasumas sochiin oomishaafi daldalaa akka laaffatu taasisaa jiraachuu eeraniiru. Kunis guddina diinagdee hir\u2019isuun jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eRakkoo kana furuuf tarkaanfiileen adda addaa fudhatamaa jiraachuu kaasanii hawaasni boba\u2019aa argachuun rakkisaa ta\u2019aa jiru kana keessatti of-eggannoon, qusannaafi itti-gaafatamummaan akka fayyadamuu qaban gorsaniiru. Biyyi keenyas hirkattummaa boba\u2019aa jalaa bahuuf konkolaataa elektirikii babal\u2019isaa jiraachuu eeraniiru. Akkasumas aadaa miilan deemuu guddisuu, biskileetii fayyadamuufi dhimmoota dursa qaban adda baasuun itti fayyadamuun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru. To\u2019annoo rabsaa cimsuunis murteessaa ta\u2019uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eGara fuulduraatti biyyattiin hirkattummaa boba\u2019aa alaa hir\u2019isuuf tarsiimoo cimaa diriirsuu akka qabdu eeraniiru. Kunis misooma anniisaa haaromfamaa kanneen akka humna ibsaa, aduufi bubbee babal\u2019isuun, akkasumas teknoolojiiwwan qusannaa boba\u2019aa jajjabeessuun barbaachisaa ta\u2019uu gorsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Walitti bu\u2019iinsi giddu-gala Bahaatti hammaachaa dhufuun dhiyeessii boba\u2019aa addunyaa irratti gufuu uumeera. Itoophiyaanis dhiibbaa kanaaf saaxilamtuu taateetti. Haalli kun gabaa keessatti rakkoolee adda addaa fidaa jira. Isaan keessaa daballii gatii hin malle, dhiyeessa adda addaa dhoksuu, hariiroo bu\u2019aa dhuunfaa irratti hundaa\u2019uun hojjechuu, akkasumas boba\u2019aa gabaa gurraachaan gurguruu bal\u2019inaan mul\u2019achaa jiru. Kanaanis tajaajilamtoonni komii isaanii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5934,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5933"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5933"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5933\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5935,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5933\/revisions\/5935"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5934"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5933"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5933"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5933"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}