{"id":5939,"date":"2026-04-24T08:05:31","date_gmt":"2026-04-24T08:05:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5939"},"modified":"2026-04-24T08:06:21","modified_gmt":"2026-04-24T08:06:21","slug":"maachu-piichuu-itoophiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/maachu-piichuu-itoophiyaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Maachu Piichuu Itoophiyaa"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0<\/strong><\/p>\n<p>\u200eMandarri Shoonkee Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaa ganda Jirootatti argama. Mandarri Shoonkee qabeenya seenaafi aadaa waggoota 900 ol lakkoofsisedha. \u00a0Mandarri kun magaalaa guddoo bulchiinsa sablammii Oromoo, Kamisee irraa gara kaabaatti kiiloomeetira 27 fagaatee argama. Mandarri kun seenaa dheeraa kan qabu yoo ta\u2019u, waggaa 900 dura ogummaa ijaarsa dhagaa dinqisiisaafi bifa appaartaamaatiin fiixee tulluu irratti kan hundeeffamee madda seenaafi hawwata turizimiiti.<\/p>\n<p>\u200eMandarri kun kutaalee manneen 143 ol fi masjiidota seena-qabeessa ta\u2019an sadii of keessaa qaba. Akkasumas, tulluu jabaafi ol ka\u2019aa irratti kan ijaarame ta\u2019uun bareedina addaa qaba. Mandarri Shoonkee \u201cMaachu Piichuu Itoophiyaati\u201d jedhamuunis ni waamama. Maachu Piichuun iddoo seena-qabeessa biyya Peeruu keessatti argamu yoo ta\u2019u, mandara Shoonkee waliin wal fakkaachuun isaanii qorannoowwan garaagaraatiin mirkanaa\u2019eera. Lamaan isaaniiyyuu tulluu gubbaa irratti kan ijaaraman, bareedina uumamaa nama hawwatu kan qaban, akkasumas namoonni durii uumamaafi ijaarsa akkamitti walitti fidanii akka itti fayyadaman kan agarsiisudha.<\/p>\n<p>\u200eObbo Mahaammad Indiriis jiraataa Mandara Shoonkeeti. Shoonkeen maqaa isaa kan moggaafame, nama beekamaa barsiisaa amantii kan ta\u2019an Juhaar Haydar irraa yoo ta\u2019u, maqaa kabajaa \u201cShoonkeey\u201d jedhuun beekaman irraa kan kennameef ta\u2019uu obbo Mahaammad ibsaniiru. Keessumaa masjiidonni durii achi keessatti argaman hawaasa naannichaaf faayidaa guddaa seenaafi amantii qaba jedhaniiru. Mandarri Shoonkee yeroo dheeraaf wiirtuu barnoota Islaamaa ta\u2019uun tajaajilaa akka tures ni eeru.<\/p>\n<p>\u200eMandarri Shoonkee seenaafi aadaa guddaa of keessaa qaba jedhaniiru. Biyya keenya keessatti iddoon akkasii seenaa dheeraa waggaa dhibba hedduu lakkoofsisu qabaachuun isaa waan addaa ta\u2019uu kaasaniiru. Manneen dhagaa irraa ijaaraman, kan wal irratti tuulaman fakkaatan kunneen ogummaa abbootii keenya durii kan calaqqisiisanidha jedhaniiru. Yoo fagoo irraa ilaalan masaaraa mootummaa guddaa tokkoo yookaan dallaa guddaa kan fakkaatu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Masjiidonni seena-qabeeyyii ta\u2019an mandaricha keessa jiran amantiifi barnoota Islaamaa keessatti shoora guddaa taphachuu kan eeran obbo Mahaammad, Shoonkeen bakka jireenya qofa osoo hin taane mallattoo eenyummaafi seenaa dhalootaa ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eObbo Ahmad Nuuruu, miseensa koree suphaa iddoo seena-qabeessa Mandara Shoonkeeti. Mandarri Shoonkee qabeenya seenaafi aadaa guddaa waan ta\u2019eef, eegumsiifi hojiin suphaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Waajjirri Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Aanaa Dawaa Caffaas suphaa kanaaf koree hundeessuun, kanaan dura dhagaafi citaa irraa ijaaramee kan ture yeroo ammaatti gara ammayyaatti jijjiiraa jiraachuu ibsaniiru. Suphaan godhamu kunis akkaataa ijaarsaa duriifi aadaa mandarichaa hin miineen gaggeeffamaa jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Meeshaalee ammayyaa fayyadamuun wantoonni aadaa duraan jiran akka hin badneef of eeggannoon suphaan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Kana malees, buu&#8217;uuraaleen misoomaa mandarichaaf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni naannichaas seenaafi aadaa kana tiksanii dhalootaaf dabarsuuf yaadni isaanii murteessaa waan ta\u2019eef \u2018\u2019nu bira dhaabbachaa jiru\u201d jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eWaajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Dawaa Caffaatti abbaa adeemsa kunuunsa hambaafi eegumsaa Aadde Sisaay Hayiluu, mandarri Shoonkee iddoo seenaafi hawwata turizimii olaanaa qabu ta\u2019uu ibsaniiru. Mandarri kun ogummaa ijaarsaa durii, seenaa amantiifi jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qabaachaa akka ture eeraniiru. Akka Waajjira isaaniitti koree hundeessuun baajata mootummaa naannootiin hojiiwwan eegumsaafi suphaa iddoo seena-qabeessa kanaaf taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKana malees mandara kana beeksisuuf xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argamsiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa Mandarri kun iddoo hambaalee seenaa idil addunyaa (UNESCO)tti akka galmaa\u2019uuf hojiiwwan jalqabaman itti fufanii jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u200eMandarri Shoonkee Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaa ganda Jirootatti argama. Mandarri Shoonkee qabeenya seenaafi aadaa waggoota 900 ol lakkoofsisedha. \u00a0Mandarri kun magaalaa guddoo bulchiinsa sablammii Oromoo, Kamisee irraa gara kaabaatti kiiloomeetira 27 fagaatee argama. Mandarri kun seenaa dheeraa kan qabu yoo ta\u2019u, waggaa 900 dura ogummaa ijaarsa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5940,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5939"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5939"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5939\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5942,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5939\/revisions\/5942"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5940"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5939"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5939"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5939"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}