{"id":5943,"date":"2026-04-24T08:08:56","date_gmt":"2026-04-24T08:08:56","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5943"},"modified":"2026-04-24T08:08:56","modified_gmt":"2026-04-24T08:08:56","slug":"tattaaffii-uwwisa-ibsaa-fooyyessuuf-taasifamaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/tattaaffii-uwwisa-ibsaa-fooyyessuuf-taasifamaa-jiru\/","title":{"rendered":"Tattaaffii Uwwisa Ibsaa Fooyyessuuf Taasifamaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eTajaajilli ibsaa bu\u2019uuraalee misoomaa keessaa isa ijoo ta\u2019uun guddina diinagdee, hawaasummaafi waligalaan fooyya\u2019iinsa jireenya hawaasaa keessatti gahee olaanaa qaba. Keessattuu gandoota baadiyyaa keessatti gahumsi tajaajila kanaa gadi aanaa ta\u2019uun hojii oomishaa, barnootaafi tajaajila hawaasummaa irratti gufuu ta\u2019aa tureera. Akka Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwee Harawaatti, rakkoo kana furuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru.<\/p>\n<p>\u200eObbo Muusaa Saayiduu, jiraataa Aanaa Dawwee Harawaa ganda Naannawaa Harawaati. Tajaajilli ibsaa ganda isaanii biraan darbuun ganda Harawaaf tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru. Ganda isaaniifis tajaajilli ibsaa akka galuuf gaaffii yeroo dheeraa gaafachaa turuu isaanii dubbataniiru. Tajaajila ibsaa dhabuun yeroo dheeraaf rakkachaa turuu isaanii ibsaniiru. Kun immoo jireenya isaanii guyyuu irratti rakkoo guddaa uumaa turuu kaasaniiru. Kunis tajaajila ibsaa dhabuurra darbee, gama baabura midhaan daakuu, tajaajila bishaanii, neetwoorkii, chaarjii bilbilaa dhabuun rakkachaa turuu isaanii ibsaniiru. Haata\u2019u malee yeroo ammaa gandichatti tajajili ibsaa diriirfamuuf eegalamuu isaatiin gammachuun akka itti dhaga&#8217;ame ibsaniiru. Yeroo ammaas hawwii guddaan eegaa jiraachuu isaanii kaasaniiru.<\/p>\n<p>Aanichatti jiraataan ganda Madiinee Kunniyyoo obbo Siraaj Mahammad &#8220;rakkoon ibsaa waggoota dheeraaf kan nu muudachaa tureefi yeroo dheeraf dukkana keessatti jireenya keenya gaggeessaa turreerra&#8221; jedhaniiru. Kanaanis daa\u2019imman ifa dhabuun barnoota isaanii irratti rakkachuu, bishaan gahaan dhabamuufi rakkoowwan kanneen biroof saaxilamaa turuu eeraniru.<\/p>\n<p>\u200eGaaffiin tajaajila ibsaa yeroo dheeraaf ka\u2019aa ture irraa kan ka&#8217;e yeroo ammaa gandicha keessatti ibsaan diriiruun gaaffiin keenya yeroo dheeraa deebii argateera jedhaniiru. &#8220;Tajaajilli ibsaa ganda isaanii ga\u2019uu isaatiin, rakkoowwan kanaan dura isaan mudachaa turan hedduun isaanii ni furamuu jedhanii akka abdatan dubbataniiru. Tajaajila ibsaa isaanif gale kana immoo\u00a0 hawaasni abbaantummaan tikfachuun gahee isaa akka ta&#8217;e kaasaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan ganda Wacaqaa obbo Shaambal Hasan akka jedhanitti, jiraattonni gandichaa rakkoo ibsaa yeroo dheeraaf isaan mudataa tureen miidhaa guddaaf saaxilamaa turaniiru. Isaanis tajaajila ibsaa argachuuf yeroo dheeraaf bulchiinsa aanichaaf gaaffii dhiyeessaa turuu himaniiru. &#8220;Yeroo ammaas ganda keenyatti ibsaa nuuf diriirsuf, haalli sochii bulchiinsa aanichaa irra jiru abdii kan nutti horudha&#8221; jedhaniiru. Tajaajilli ibsaa yoo isaan dhaqqabe rakkoowwan kanaan dura muudataa tureef furmaata waaraa fiduufi akka danda&#8217;u eeraniiru. Hawaasni gandichaas hanga hojiin diriirsa ibsaa kun xumuramee tajajaajilaaf banaa ta&#8217;uutti obsaan akka eegan dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eItti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa aanaa Dawwee Harawaa, obbo Awwal Kadir, tajaajilli ibsaa bu\u2019uuraalee misoomaa keessaa isa ijoo hawaasaaf murteessaa ta\u2019uu ibsaniiru. Rakkoolee yeroo dheeraaf turan hanqinaafi addaan ciccituu tajaajila ibsaa akka aanichaatti jiru furuuf mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu waliin ta\u2019uun hojii bal\u2019inaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHaaluma kanaan, magaalaa Kamiseefi Booraa gidduutti sararoota moofaa suphuufi haaromsuu, muka ibsaa moofaa gara konkiriititti jijjiiruu eeraniiru. Keessumaa immoo gandoota ibsaan hin geenyeetti waliin gahinsa tajaajila ibsaa babal\u2019isaa akka jiran dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u200eHaaluma kanaan gaaffii hawaasni yeroo dheeraaf dhiyeessaa ture sababeeffachuun, gandoota aanichaa 2 ganda Wacaqaafi Madiinee Kunniyyoo keessatti ji&#8217;oota sadan darban keessatti muka ibsaa diriirsuun, yeroo ammaa lakkooftuu ibsaa qofa eegaa kan jiran ta&#8217;uu ibsaniiru. Kana malees, gandoota lama ganda Naannawaa Harawaafi Gobensaa keessatti ji&#8217;oota sadan hafan kana keessatti ibsaa diriirsun bara baajata kanatti walumaangala gandoota Afur tajaajila ibsaa akka argataniif hojjechaa akka jiran kaasaniiru.<\/p>\n<p>Kanaanis abbootii warraa 1300 ol ta\u2019aniif tajaajila ibsaa dhaqqabsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni kanaan dura rakkoowwan tajaajila ibsaaf saaxilamaa turuu kan eeran obbo Awwal, rakkoon tajaajila ibsaatin wal qabatan kanneen akka dhiheessa bishaanii, neetwoorkii, akkasumas baabura midhaan daakuun walqabatee rakkoolee tajaajila hawaasaa gama kana furmaata waaraa akka argatuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hanqinni guutumaan guutuutti furamuu dadhabus hanga danda&#8217;ame rakkoowwan kanneen furuuf hojii itti fufiinsa qabuun furaa deemuuf karoorfatanii hojjechuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eTajaajiloonni humna ibsaa gadi bu\u2019uufi addaan cituu hir&#8217;isuufis dhaabbilee ibsaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, hawaasni keenya qabeenya kana kunuunsuu, badiinsa irraa of qusachuufi odeeffannoo yeroo sirrii kennuun hojii kana milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; \u200eTajaajilli ibsaa bu\u2019uuraalee misoomaa keessaa isa ijoo ta\u2019uun guddina diinagdee, hawaasummaafi waligalaan fooyya\u2019iinsa jireenya hawaasaa keessatti gahee olaanaa qaba. Keessattuu gandoota baadiyyaa keessatti gahumsi tajaajila kanaa gadi aanaa ta\u2019uun hojii oomishaa, barnootaafi tajaajila hawaasummaa irratti gufuu ta\u2019aa tureera. Akka Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwee Harawaatti, rakkoo kana furuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru. \u200eObbo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5944,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5943"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5943"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5943\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5945,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5943\/revisions\/5945"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5944"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5943"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5943"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5943"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}