{"id":5946,"date":"2026-04-24T08:11:11","date_gmt":"2026-04-24T08:11:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5946"},"modified":"2026-04-24T08:11:11","modified_gmt":"2026-04-24T08:11:11","slug":"talaallii-daaimmaniifi-barbaachisummaa-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/talaallii-daaimmaniifi-barbaachisummaa-isaa\/","title":{"rendered":"Talaallii Daa\u2019immaniifi Barbaachisummaa Isaa"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti talaalliin waggaatti du\u2019a daa&#8217;immanii miliyoona lamaa hanga sadii kan hambisudha. Talaallii talaalchisuun dhaloota dhufu dhukkuba daddarboo irraa eeguun barbaachisaadha. Talaallii fudhachuun dhukkuboota ammaafi gara fuulduraatti daddarbuu danda\u2019an dhabamsiisuuf gargaara.<\/p>\n<p>Aadde Miskuu Huseen aanaa Dawwee Harawaa ganda Ajoo kan jiraatan yoo ta&#8217;an, talaalliin daa&#8217;immanii idileefi duulaan ogeessota fayyaan yeroo kennamutti daa&#8217;imman isaanii talaalchisaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Ji&#8217;uma darbe keessallee \u2018\u2019talaallii bifa duulaan kennameen daa&#8217;ima koo talaalchiseera\u2019\u2019 jedhaniiru. Duraan isaan dabalatee hubannoo hawaasni gandichaa talaalliin walqabatee qabu laafaa ta&#8217;uu eeranii, hubannoo talaallii ilaalchisee argataniin ammarratti ilaalchi hawaasni gandichaa talaalliif qabu fooyya&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Aanichumatti ganda Kaariphootti kan jiraatan aadde Hawwaa Mahaammad, ijoollee torba qabaachuu eeraniiru. Akka isaan jedhanitti, ioolleen isaanii yeroo daa&#8217;imman turanitti talaallii barbaachisaa hundayyu akka argatan taasisaniiru. Yeroo ammaa daa&#8217;ima waggaa tokkoo qabaachuu kaasanii, bara kana ji&#8217;a Bitootessaa keessa daa&#8217;imni isaanii talaallii\u00a0 ittisa dhukkuba Pooliyoo bifa duulaan kenname argachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa aanaa Dawwee Harawaa Abduu Sa&#8217;id, talaalliin dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuuf kennama jedhaniiru. Talaalliin dhalootaa kaasee kennamu daa\u2019imman fayyaa ta\u2019anii akka guddataniifi egeree isaanii akka argan taasisuu keessatti gahee murteessaa qabaachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, talaalliin bu\u2019uuraa fayyaa hawaasaa ta\u2019uun lubbuu namoota lakkoofsaan baay&#8217;ee ta&#8217;an kan baraaredha. Talaalliin yeroo kennamutti sirni ittisa qaamaa, farra ittisa qaamaa kakaasuun seeliifi mala ittisaa biroo akka maddisiisan kan taasisudha jedhaniiru. Kunis qaamni namaa dhukkuboota daddarbootiin utuu hin miidhamiin dursee sirna ittisa qaamaa (madiinummaa) guddisuuf kan gargaaru ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan daa&#8217;immaniifi namoota madiinummaan qaama isaanii laafaa ta&#8217;e dhukkubarraa baraaruuf kan gumaachu ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamichi sadarkaa aanichaatti talaallii ittisa Pooliyootiin fayyaa daa&#8217;imman eegisisuufi dhaloota dhufu dhukkubarraa bilisa taasisuuf hojjetamaa turuufi jiraachuu himaniiru. Hawaasni aanichaa hubannoon talaalliif qabu akka guddatuuf ogeessota fayyaa aanichaan barnoonni hubannoo qabsiisuu kennamaa turuu yaadataniiru. Bara kana daa&#8217;imman waggaa tokkoo gadii Kuma 1 fi 800 ta&#8217;aniif talaallii kennuuf karoorsanii, daa&#8217;imman kuma 1 fi 964&#8217;f talaallii akka argatan taasisuun karooraa ol raawwachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akkasumas, aanichatti walga&#8217;insa talaallii mirkaneessuuf bifa duulaan daa&#8217;imman waggaa shanii gadii kuma sagal ol ta&#8217;aniif talaallii kennuuf karoorsanii daa&#8217;imman kuma 13 ol talaallii argachuu danda&#8217;uu hubachiisaniiru. \u2018\u2019Karoorri talaalliin walqabatee qabame karooraa ol waan hojjetameef dhibbentaa 120 ol mikaa&#8217;eera\u2019\u2019 jedhaniiru. Lakkoofsi namoota talaallii fudhatanii dabalaa deemuun carraan dhukkuba tokkoon qabamuu ni hir\u2019ata kan jedhan itti gaafatamichi, namoonni jireenya fayya qabeessa akka jiraataniif fayyaa waliigalaaf gumaacha guddaa kan taasisu ta&#8217;uu addeessaniiru. Talaalliin tatamsa\u2019inni dhukkubootaa hir\u2019achuu danda&#8217;a; sababni isaas dhukkubni kun salphaatti nama irraa gara namaatti daddarbuu carraa waan hinqabneefdha jedhaniiru itti gaafatamichi odeeffannoo gaazexaa Hirkoof kennaniin. Daa&#8217;ima tokko baattoon dhukkubaa yoo mudate sirni ittisa qaamaa isaa haala saffisaafi bu\u2019a qabeessa ta\u2019een ofirraa ittisuu akka danda\u2019u mirkaneessaniiru. Talaallii fudhachuu dhiisuun dhukkuboota hamoofi lubbuu namaa galaafachuu danda&#8217;aniif kan saaxilu akka ta&#8217;e himaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ragaan dhaabbata gargaarsaa Daa\u2019immanii (UNICEF) irraa argame akka agarsiisutti, sadarkaa addnyaatti waggaa waggaan daa\u2019imman miliyoonaan lakkaa\u2019aman dhukkuboota ittifamuu danda\u2019aniifi yaalamuu danda\u2019aniin kan lubbuun darban ta&#8217;uu mirkaneessa. Ragichi talaalliin lubbuu baraaruu bira darbee baasii yaalaaf bahu hambisuun dhiibbaa dinagdeen walqabatee dhufullee hir&#8217;isuuf shoora qabaachuu ibseera.<\/p>\n<p><strong><em>Dhukkuboota Talaalliin ittifamaniifi gosa talaalii isaanii:-<\/em><\/strong><\/p>\n<p>*Dhukkuba Daranyoo Sombaa<\/p>\n<p>*Dhukkuba Laamshessaa<\/p>\n<p>*Dhukkuba Michii Sombaa(Pneumonia)<\/p>\n<p>* Dhukkuba Garaa kaasaa<\/p>\n<p>*Dhukkuba Difteeriyaa<\/p>\n<p>*Dhukkuba Qakkee<\/p>\n<p>*Dhukkuba Teetaanasii<\/p>\n<p>*Dhukkuba Tiruu<\/p>\n<p>*Dhukkuba Infulenzaa<\/p>\n<p>*Dhukkuba Gifiraa<\/p>\n<p>*\u00a0Kaansarii fiixee gadameessaati<\/p>\n<p>Daa\u2019imman dhalatanii hanga waggaa 1 fi ji\u2019a 3\u2019tti dhaabbilee fayyaa\/wiirtuu talaallii dhihoo jirutti geessuun talaallii guutuu xumursiisuun dhibbeewwan talaallin ittisuu dandeenyu irra baraaruun dirqama lammii hundaati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0 Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti talaalliin waggaatti du\u2019a daa&#8217;immanii miliyoona lamaa hanga sadii kan hambisudha. Talaallii talaalchisuun dhaloota dhufu dhukkuba daddarboo irraa eeguun barbaachisaadha. Talaallii fudhachuun dhukkuboota ammaafi gara fuulduraatti daddarbuu danda\u2019an dhabamsiisuuf gargaara. Aadde Miskuu Huseen aanaa Dawwee Harawaa ganda Ajoo kan jiraatan yoo ta&#8217;an, talaalliin daa&#8217;immanii idileefi duulaan ogeessota fayyaan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5947,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5946"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5946"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5946\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5948,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5946\/revisions\/5948"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5947"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5946"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5946"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5946"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}