{"id":5949,"date":"2026-04-24T08:13:13","date_gmt":"2026-04-24T08:13:13","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5949"},"modified":"2026-04-24T08:13:13","modified_gmt":"2026-04-24T08:13:13","slug":"wal-dorgommii-ispoortii-obbolummaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/wal-dorgommii-ispoortii-obbolummaa\/","title":{"rendered":"Wal- Dorgommii Ispoortii Obbolummaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ispoortiin walitti dhufeenyaafi jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qaba. Namoonni umurii, amantii, aadaafi sadarkaa jireenyaa adda addaa irraa dhufan walitti fiduun, walitti dhufeenyi isaanii akka jabaatu taasisa. Kanaaf, ispoortiin hojii bashannanaa qofa osoo hin taane, meeshaa cimaa tokkummaafi nageenya hawaasaa ijaarudha.<\/p>\n<p>Tibbana Godina Shawaa Kaabaafi Bulchiinsa Sablammii Oromoo irraa aanolee oollaa 4 kan hirmaachise dorgommiin kubbaa miilaa walitti dhufeenya obbolummaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun geggeeffameera. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Shariif Qaasim, dorgommicha irratti argamuun haasaa taasisaniin, taphni ispoortii kun tokkummaafi obbolummaa jabeessuuf kan qophaa\u2019e ta\u2019uu ibsaniiru. Dhaabbanni \u2018Chaadet\u2019 Itoophiyaan hojii nageenyaafi walitti dhufeenya uummataa Godinichaa keessatti eegale cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru. Kantiibichi dhaabbanni Chaadet meeshaalee ispoortii taphattootaaf deggarsa taasisuu isaa galateeffatanii, dargaggoonni deggarsa kanaan hojii ispoortii isaanii akka cimsuu qaban hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Dargaggoonni Godina Shawaa Kaabaafi Bulchiinsa Sablammii Oromoo dorgommicha irratti hirmaatan, ispoortiin tapha qofa osoo hin taane walitti dhufeenya cimsuu, nageenya eegsisuu\u00a0 keessatti qooda guddaa qaba jedhaniiru. Dabaluun, sagantaaleen akkasii itti fufuu akka qabanis ibsaniiru. Itti gaafatamaan Qajeelcha Aadaa, Ispoortiifi dargaggootaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Jamaal Hasan, dorgommiin ispoortii jaalalaafi tokkummaa cimsuu keessatti gahee guddaa akka qabu himaniiru. Taphni Kubbaa miilaa kun walitti dhufeenya hawaasummaa aanolee ollaa godinaalee cimsuuf yaadamee kan adeemsifame ta&#8217;uu dubbataniiru. Kanaan walqabatees, Chaadet Itophiyaan hojii nageenyaafi tokkummaa naannichaaf hojjechaa jiruuf galateeffamuu akka qabu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Qajeelcha Aadaa, Ispoortiifi dargaggootaa Bulchiinsa Sablammii Oromootti, Dursaan Garee ispoortii, Tsaggaayee Baqqalaa, Chaadet Itoophiyaan godinaalee lamaan gidduutti marii nageenyaa taasisaa turuu ibsanii, walitti dhufeenyi hawaasummaa dargaggoota aanolee afranii daran akka cimuuf dorgommii ispoortii qopheessuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Ispoortiin walitti dhufeenyaafi jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qaba. Namoonni umurii, amantii, aadaafi sadarkaa jireenyaa adda addaa irraa dhufan walitti fiduun, walitti dhufeenyi isaanii akka jabaatu taasisa. Kanaaf, ispoortiin hojii bashannanaa qofa osoo hin taane, meeshaa cimaa tokkummaafi nageenya hawaasaa ijaarudha. Tibbana Godina Shawaa Kaabaafi Bulchiinsa Sablammii Oromoo irraa aanolee oollaa 4 kan hirmaachise [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5950,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5949"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5949"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5949\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5951,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5949\/revisions\/5951"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5950"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5949"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5949"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5949"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}