{"id":5952,"date":"2026-04-24T08:16:19","date_gmt":"2026-04-24T08:16:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5952"},"modified":"2026-04-24T08:16:19","modified_gmt":"2026-04-24T08:16:19","slug":"badhaasa-addunyaa-guutumaan-guutuutti-dubartootaan-fudhatame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/04\/24\/badhaasa-addunyaa-guutumaan-guutuutti-dubartootaan-fudhatame\/","title":{"rendered":"Badhaasa Addunyaa Guutumaan Guutuutti Dubartootaan Fudhatame"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dubartoonni jaha badhaasa naannoo addunyaa Goldman bara 2026 injifataniiru. Gareen mo\u2019attoota dubartoota hundaaf ta\u2019an jalqabaa Kolombiyaa, Naayijeeriyaa, Paapuwa Niwu Giinii, Kooriyaa Kibbaa, UK fi US irraa kan dhufanidha. Badhaasni naannoo beekamaan kun &#8216;Golden Man&#8217; bara kana jijjiirama qilleensaa qolachuuf lubbuu hedduu baraaruuf falmitoonni naannoo jaha addunyaa garagaraa irraa walitti baba&#8217;an carraaqqii taasisaniin badhaafamaniiru.<\/p>\n<p>Erga bara 1989 namoota tola ooltotaa Riichaard fi Roodaatiin Gooldmaan uumamee booda yeroo jalqabaaf badhaasa kana kan fudhatan hundi dubartootadha. Iroroo Tanshii Naayijeeriyaa irraa,\u00a0 Boorim Kiim Kooriyaa Kibbaa irraa, Saaraa Fiinch Yunaayitid Kingidam irraa, Teehonila Rooka Matboob Paapuwa Niwu Giinii irraa, Alannah Acaq Hurley Ameerikaa irraa, Yuuvelis Moorales Bilankoo Kolombiyaa irraa kan argatanidha. Yeroo tokko tokko \u201cNoobeelii Magariisaa\u201d jedhamee kan ibsamu badhaasa Goldman kan injifatan naannolee addunyaa ja\u2019a keessaa gama jijjiirama faalama qilleensaa qolachuun kanneen hanga sadarkaa jahaatti jiran ni filatamu.<\/p>\n<p>Badhaasa kana kan injifataniif tokkoo tokkoo saaniif maallaqa badhaasa doolaara kuma 200 kennameeraaf. Itti aanaan pirezidaantii Faawundeeshinii Naannoo Goldman Joon Gooldmaan \u201cnaannoo eeguufi imaammata haala qilleensaa lubbuu baraaruu hojiirra oolchuuf olka\u2019insa qabsoo itti fufnee osoo jirruu US fi addunyaa irratti hoggantoonni dhugaa naannoo keenya hundatti argamuu akka danda\u2019an ifaadha\u201d jedhaniiru. Kanaafis, injifattoonni badhaasa bara 2026 ija jabina, hojii cimaafi abdiin guddina hiika qabu uumuuf karaa dheeraa akka deeman ragaa gaarii ta&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Moorales Bilaankooti hawaasa Kolombiyaa keessatti maatii qurxummii kiyyeessan irraa dhalatte. Dargaggeettiin waggaa 24\u00a0 bara 2018 &#8216;tti boba&#8217;aan guddaan naannawa sanatti dhangala&#8217;uun maatiin naannoo sanaa kudhanootaan lakkaa&#8217;aman buqqaatiif saaxilamuufi bineeldota kumaatamaan lakkaa&#8217;aman ammoo ajjeessuu sababeeffattee mormii eegalte. Naannoo Ameerikaa Kibbaafi Giddugaleessaa irraa dhaabbilee boba\u2019aa gurguddoo addunyaa tokko tokko waliin mormuun boba\u2019aan daldalaa gara Kolombiyaatti akka hin seenne milkaa\u2019inaan dhaabuu danda&#8217;uu isheen kan milkooftedha.<\/p>\n<p>Isheen alatti kanneen hafan shanan\u00a0 keessaa lama boba\u2019aa fosiilii kanneen sababa jijjiirama qilleensa naannoo faalan ta\u2019an ittisuu irratti xiyyeeffataniiru. Injifataan Eeshiyaa Boorim, kan dhaabbata &#8216;Youth 4 Climate Action&#8217; jedhamu hundeesse murtii Mana Murtii Heera Mootummaa Kooriyaa Kibbaa irraa imaammanni haala qilleensaa mootummaan mirga heera mootummaa dhaloota egeree sarba jedhu injifachuun falmii haala qilleensaa dargaggootaan durfamu ardii kana irratti milkooftuu jalqabaa taateetti.<\/p>\n<p>Awurooppaa irra kan injifatte Finch gaazexaa \u2018The Times\u2019tti maallaqa badhaasa argatte boba\u2019aa fosiilii qolachuuf itti fufuuf akka jirtu himteetti. Aanga\u2019oonni boba\u2019aa fosiilii baasuuf hayyama kennuu isaanii duratti boba\u2019aan fosiilii qilleensa addunyaa irratti dhiibbaa geessisu akka danda&#8217;u ilaaluu akka qaban ibsiteetti. Injifattoonni biroo laman hafan ammoo dhiibbaa naannoo pirojektoonni albuudaa balleessan irratti qabsaa\u2019aniiru. Akkasumas badhaasa Ameerikaa Kaabaa kan fudhatte Acaq Hurley, saba Yupiik US irraa pirojektii albuuda sibiila diimaafi warqee guddaa kan sirna ikoo naannoo Alaska\u2019s Bristol Bay balaadhaaf saaxilu dhaabuuf gosoota 15 waliin milkaa\u2019inaan qabsaa&#8217;uusaheen kan argattedha. Gama biraatiin ammoo lammiin Naayijeeriyaa Taanshi kan Afrikaa injifatte, yoo taatu, balaa ibidda bosona baraaruuf hojjechaa turteetti.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Dubartoonni jaha badhaasa naannoo addunyaa Goldman bara 2026 injifataniiru. Gareen mo\u2019attoota dubartoota hundaaf ta\u2019an jalqabaa Kolombiyaa, Naayijeeriyaa, Paapuwa Niwu Giinii, Kooriyaa Kibbaa, UK fi US irraa kan dhufanidha. Badhaasni naannoo beekamaan kun &#8216;Golden Man&#8217; bara kana jijjiirama qilleensaa qolachuuf lubbuu hedduu baraaruuf falmitoonni naannoo jaha addunyaa garagaraa irraa walitti baba&#8217;an carraaqqii taasisaniin badhaafamaniiru. Erga [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5953,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5952"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5952"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5952\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5954,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5952\/revisions\/5954"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5953"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5952"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5952"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5952"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}