{"id":5970,"date":"2026-05-08T07:35:36","date_gmt":"2026-05-08T07:35:36","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5970"},"modified":"2026-05-08T07:35:36","modified_gmt":"2026-05-08T07:35:36","slug":"mallattoo-gootummaafi-fakkeenya-birmadummaa-uummata-afrikaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/mallattoo-gootummaafi-fakkeenya-birmadummaa-uummata-afrikaa\/","title":{"rendered":"Mallattoo Gootummaafi Fakkeenya Birmadummaa Uummata Afrikaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>Itoophiyaan seenaa keessatti biyyoota Afrikaa keessaa biyya kolonii jala hin galleefi birmadummaa ishee eeggattedha. Xumura jarraa 19 keessa weerara biyyoonni Awurooppaa biyyoota Afrikaa akka qircaatti hirachuuf karoorfataniin, hireen Itoophiyaa Xaaliyaanii gahe. Xaaliyaaninis bara 1887 keessa waraana humnaan qabachuu Itoophiyaa irratti gaggeessuu eegalte. Waraana bara 1888 Xaaliyaaniifi Itoophiyaa gidduutti gaggeffameen, Itoophiyaan Gurraandhala 23 bara 1888 waraana Adwaa irratti olaantummaa Itoophiyaanotaatin goolabameera. Bara 1928 waggaa 40ffaa isaatti Xaaliyaanin haaloo Adwaa irratti injifatamte bahachuuf yeroo lamaaf Itoophiyaa irratti waraana bante.<\/p>\n<p>\u200eRagaalen seenaa akka agarsiisanitti, qabsoo lammiilen Itoophiyaa cichoominaan waggaa shan A.L.I bara 1928-1933 tti walitti fufinsaan taasisaniin Itoophiyaan humnoota koloneeffattoota kana biyya keessaa baasuu danda&#8217;aniiru. Guyyaan kun ragaa seenaa Mootii Hayila Sillaaseen waggoota shanan baqattummaa booda gara magaalaa Addis Ababaatti deebi&#8217;uun alaabaa Itoophiyaa Masaraa Mootummaa keessatti itti fannisanidha. Kabajni guyyaa kanaa Itoophiyaan gabrummaa kolonii jalaa of baasuun birmadummaa ishee addunyaatti kan itti labsatteefi guyyaa gootonni itti kabajamanidha. Guyyaan Goototaa bara kanas waggaa 85ffaa isaa agarsiisa garagaraatin magaalaa Addis Ababaatti kabajamee ooleera.<\/p>\n<p>\u200eMiseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Shaalaqaa Jambaree Tasammaa akka ibsanitti, injifannoon Ebla 27 galmeeffame bu\u2019aa meeshaa waraanaa ammayyaa osoo hin taane, bu\u2019aa jaalala biyyaafi tokkummaa gootota Itoophiyaati. Gootonni keenya yeroo sanaa humna kolonii Xaaliyaanii isa meeshaa waraanaa gurguddaa, xiyyaaraafi summii qilleensaa hidhatee dhufe kan mo\u2019atan, hidhata onneefi murannoo ta&#8217;uu dubbataniiru.\u00a0Obsa gootonni biyyaa qabsoo keessatti beelaafi dheebuu danda\u2019anii qabsoo hadhaawaa waggaa shan gaggeessaniin injifannoon argamuu yaadataniiru. Injifannoo kanaanis dhaloota addunyaa mara biratti akka dinqisiifataman kan taasise ta\u2019uu addeessaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eEbla 27 mallattoo bilisummaafi eenyummaa Itoophiyaa isa dhugaa ta\u2019uu kan ibsan Shaalaqaa Jambareen, guyyaan kun injifannoo waraanaa qofa osoo hin taane, guyyaa birmadummaan Itoophiyaa mallattoo alaabaa isheetiin deebi&#8217;ee itti mirkanaa\u2019edha jedhaniiru. Seenaan kun bu\u2019uura dhaloonni ammaa of-danda\u2019ummaafi of-kabajuu irraa baratu ta\u2019uu eeranii, eenyummaan Itoophiyaanummaa inni dhugaan yeroo rakkoofi weerara diinaa gidduutti tokkummaan ta\u2019anii dhaabbachuu ta\u2019uu isaa kaasaniiru.<\/p>\n<p>Gabrummaan amala uummata Itoophiyaa akka hin taane addunyaatti kan muli&#8217;ise guyyaa kana waan ta\u2019eef, miirri bilisummaa kun dhaloota dhalootatti darbuu akka qabuus hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eShaalaqaa Jambareen, dhaamsa dhaloota ammaatiif dabarsaniin, dhaloonni har\u2019aa injifannoo abbootiifi haadhotii isaa irraa barumsa guddaa fudhachuun biyya isaa jaallachuufi tokkummaa isaa cimsachuu irratti xiyyeeffachuu qaba jedhaniiru. Akkuma gootonni keenya kanaan duraa gartummaafi garaagarummaa dhiisanii biyyaaf jedhanii waliin wareegaman, dhaloonni ammaas qormaata yeroo kam mudatu kamiyyuu mo\u2019achuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru. Ebli 27 akka ragaa seenaafi madda humnaatti fayyadamuun, biyya ammayyoofte, industiriin badhaatteefi of-dandeette ijaaruun kabaja gootota keenyaa karaa lolaa qofa osoo taane, misoomanis agarsiisuu akka danda\u2019an Shaalaqaa Jambaree Tasammaan cimsanii dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200ePirezidaantiin Waldaaa Gootota Itiyoophiaa guyyaa Goototaa 85ffaa, bara kanaas magaalaa Addis Ababaa Araat Kiiloo siidaa yaadannoo goototaa biratti argamuun guyyaa kana kabajaniiru. Pirezidaantiin Waldaa Gootota Duraanii Itoophiyaa Liij Daani&#8217;eel Jootee Masfiin, sirna kabaja kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin, amma Itoophyaaf kan barbaachiisu dhaloota misoomaa, tokkummaafi gootummaan dhaabbatee biyya tiksuun dhalootaaf dabarsu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019\u200eSeenaa hojjechuu, seenaa beekuufi eeguun nurraa eegama\u2019\u2019 kan jedhan pirezidaantichi, seenaa boonsaa dhalootaaf dabarsuuf har&#8217;a hojjechuun akka barbaachiisu gorsaniiru. Tokkummaan humna ta\u2019uu kan hubachiisan pirezidaantichi, tokkummaan socho&#8217;uun hulaa galaanaa haqa keenya akka malee nu harkaa bahe deebifachuuf yeroon isaa amma ta\u2019uu dhalootni beekuu akka qabus hubachiisaniru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; \u200e Itoophiyaan seenaa keessatti biyyoota Afrikaa keessaa biyya kolonii jala hin galleefi birmadummaa ishee eeggattedha. Xumura jarraa 19 keessa weerara biyyoonni Awurooppaa biyyoota Afrikaa akka qircaatti hirachuuf karoorfataniin, hireen Itoophiyaa Xaaliyaanii gahe. Xaaliyaaninis bara 1887 keessa waraana humnaan qabachuu Itoophiyaa irratti gaggeessuu eegalte. Waraana bara 1888 Xaaliyaaniifi Itoophiyaa gidduutti gaggeffameen, Itoophiyaan Gurraandhala 23 bara [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5971,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5970"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5970"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5970\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5972,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5970\/revisions\/5972"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5971"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5970"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5970"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5970"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}