{"id":5973,"date":"2026-05-08T07:37:59","date_gmt":"2026-05-08T07:37:59","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5973"},"modified":"2026-05-08T07:37:59","modified_gmt":"2026-05-08T07:37:59","slug":"aanaa-wiirtuu-oomisha-muuzii-tauuf-onnattee-kaate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/aanaa-wiirtuu-oomisha-muuzii-tauuf-onnattee-kaate\/","title":{"rendered":"Aanaa Wiirtuu Oomisha Muuzii Ta&#8217;uuf Onnattee Kaate"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Naannoo Kibba Itoophiyaatti oomishni Muuzii misooma muduraa oomishtummaa qonnaa guddisuun galii qonnaan bultootaa irratti jijjiirama guddaa fidaa jirudha. Naannichi sadarkaa biyyaatti oomisha Muuzii bal&#8217;inaan waan oomishuuf gara kutaalee biyyattii adda addaatti gabaaf dhiheessaa jira. Bulchiinsa sablamii Oromoo aanaa Dawaa Caffaatti hojiin gama oomisha Muuziin jalqabame aanicha giddugala Muuzii taasisuun Muuzii kibba biyyattii irraa gara bulchiinsichaafi naannawa isaatti seenaa ture hambisuf asumaan hojiin onnachisaan hojjetamaa jira.<\/p>\n<p>Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaa obbo Bashir Yusuf qonnaan bultoota naannawaa isaanii 109 waliin ta&#8217;uun lafa heektara 35 irratti Muuzii tuteeffamaan misoomsaa jiraachuu himaniiru. \u2018\u2019Kanaan dura muuzii bifa tuteeffamaan oomishaa hinturre; bara kana garuu gama waajjiira qonnaan, hubannoon bal&#8217;aa muuziin walqabatee waan nuuf kennameef gara misoomsuutti seenne jirra\u2019\u2019 jedhaniiru. Fuula duratti kana caalaa bal&#8217;isuun hojjechuuf karoora akka qaban himanii, biqiltuu sanyii muuzii filatamaa oomisha gaarii kennan kanas deggarsaan mootummaa irraa argachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan aanichaa ganda Garbii Ahimad Adam, gara muuzii tuteeffamaan misoomsuutti utuu hin dhufiinin duratti boqolloo oomishaa turuu yaadataniiru. Yeroo ammaa hubannoo ogeessota qonnaarraa argataniin lafa heektaara 51 olirratti namoota 53 waliin ta&#8217;uun sanyii biqiltuu muuzii fooyya&#8217;aa kuma 50 fi 722 misoomsaa jiraachuu eeraniiru. \u2018\u2019Muuziin misoomsaa jirru haalli dhaabbii isaa bifa amma irra jiruun itti fufnaan bu&#8217;aa guddaa irraa arganna jedheen abdadha\u2019\u2019 jedhan obbo Ahimad turtii Hirkoo waliin taasisanin.<\/p>\n<p>Naannawichatti lafa meetira shan gadi qonnaan bishaan bahuu kan danda&#8217;u ta&#8217;uu kan kaasan obboo Ahimad, kunis hojii jallisii jalqabanii jiran milkeessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Waajjira Qonnaa Aanaa Dawaa Caffaatti Dursaan Garee Muduraa, Kuduraafi Itti Fayyadama Bishaan Jallisii obbo Abdallaa Alii, aanichi akka bulchiinsichaatti misooma jallisii bonaaf lafa baay&#8217;ee mijataa ta&#8217;e qabaachuu kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti aanichi bishaan lagarra yaa&#8217;uufi lafa jalaa dabalatee biyyee gabbataa oomishaaf tolu qaba. Kanaan dura muduraalee kanneen akka avokaadoo, paappayyaa, maangoofi dhugoo bal&#8217;inaan oomishamaa turuu dubbataniiru. \u2018\u2019Armaan dura akka agarsiisaa hojiitti gama waajjira keenyaan ganda Garbiitti qonnaan bultoota muraasa hirmaachisuun lafa xiqqoorratti muuzii oomishnee birrii Miiliyoona 1 tuqaa 5&#8217;tti gurguruun oomisha kanarraa faayidaan guddaa argamuu akka danda&#8217;uu mirkaneeffanneerra\u2019\u2019 jedhaniiru. Bu&#8217;aan achirraa argame kun guddaa waan ta&#8217;eef hoggansa olaanaa waliin mari&#8217;achuun gara muuzii bal&#8217;inaan tuteeffamaan oomishuutti akka seenaniif kaka&#8217;umsa itti horuu eeraniiru. Abbaan adeemsaa kun &#8221;daawwannaa hojiif naannoo Oromiyaa yeroo deemnetti muduraalee tuteeffamaan misooman irraa muuxannoon qooddanne kaka&#8217;umsa nuuf ta&#8217;eera\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bara kana aanichatti fayyadamummaa qonnaan bultootaa caalmaatti mirkaneessuuf Gandoota Shakilaafi Garbiitti biqiltuu muuzii fooyya&#8217;aa kuma 88 qonnaan bultoota 203 hirmaachisuun lafa heektara 90 irratti dhaabamuu himaniiru. Biqiltuu Muuzii fooyya&#8217;aa kuma 82 mootummaa federaalaatu deggarsaan nuuf dhiheesse kan jedhan abbaan adeemsichaa, biqiltuu kuma 6 ammoo gama mootummaa naannoon kan dhihaate ta&#8217;uusaa eeraniiru. Sadarkaa naannootti muuzii lafa heektara 100 irratti oomishuu akka qaban karoorri isaaniif kennamuu ibsanii, kana guutumaatti milkeessuuf gara gandoota aanichaa birootti hojicha babal&#8217;isuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru. Aanichi dhibbentaa 65 ol bishaan lafa jalaan badhaadhaa ta&#8217;uu kaasanii, kana cinatti hojicha milkeessuuf motora bishaanii 28 gama naannoofi mootummaa federaalaan deggarsi taasifamuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromootti ogeessi Kuduraafi Muduraa Boggaalaa Mangistuu, sadarkaa qajeelchichaatti bara kana biqiltuu muuzii kuma 64 dhaabuuf karoorsanii turuu ibsaniiru. Haata&#8217;u malee, erga muummichi ministiraa Abiy Ahimad (Dr) hojiif garas imalanii deebi&#8217;anii boodatti naannawichi oomisha Muuziif haala mijataa qabaachuu isaarraa kan kan ka&#8217;e inisheetiviin muuzii gadi bu&#8217;uu qaba jedhamee waan murtaa&#8217;eef akka bulchiinsaatti heektarri 250 oomisha muuziif addaan bahee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Haalli naannawichaa muuziifi mijataa ta&#8217;uusaafi hojichi qonnaan bultoota biratti fudhatamummaa argachuu himaniiru. Ogeessichi biqiltuun sanyii muuzii fooyya&#8217;aa kuma 160 ministeera qonnaan isaaniif dhihaachuu kaasanii, kunis bulchiinsa magaalaa tokkoofi aanolee bulchiinsichaa 3 keessatti misoomaa jiraachuu himaniiru. \u2018\u2019Naannoon keenya oomisha muuziif haala mijataa waan qabuuf kaayyoon keenya ofirra darbinee gara bakka birootti erguudha\u2019\u2019 kan jedhan ogeessichi, kana milkeessuufis kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Naannoo Kibba Itoophiyaatti oomishni Muuzii misooma muduraa oomishtummaa qonnaa guddisuun galii qonnaan bultootaa irratti jijjiirama guddaa fidaa jirudha. Naannichi sadarkaa biyyaatti oomisha Muuzii bal&#8217;inaan waan oomishuuf gara kutaalee biyyattii adda addaatti gabaaf dhiheessaa jira. Bulchiinsa sablamii Oromoo aanaa Dawaa Caffaatti hojiin gama oomisha Muuziin jalqabame aanicha giddugala Muuzii taasisuun Muuzii kibba biyyattii irraa gara [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5974,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5973"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5973"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5973\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5975,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5973\/revisions\/5975"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5974"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5973"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5973"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5973"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}