{"id":5976,"date":"2026-05-08T07:40:49","date_gmt":"2026-05-08T07:40:49","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5976"},"modified":"2026-05-08T07:40:49","modified_gmt":"2026-05-08T07:40:49","slug":"godambaa-dasee-masaraa-seenaafi-riqicha-dhalootaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/godambaa-dasee-masaraa-seenaafi-riqicha-dhalootaa\/","title":{"rendered":"Godambaa Dasee: Masaraa Seenaafi Riqicha Dhalootaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Obbo Isxifaanos Huseen waajjira Aadaa Turizimiifi ispoortii Bulchiinsa magaalaa Daseetti, ogeessa kunuunsaafi Eegumsa Bobbocaati. Magaalan Dasee iddoolee aadaafi seena qabeessa turizimiif oolan hedduu qabaachuu eerun, isaan keessaa godambaan Dasee isa tokko ta&#8217;uu kaasaniiru. Godambaan kun meeshaalee seenaa garaagaraa kan akka uffata aadaa, meeshaalee waraanaa yeroo Adwaa, meeshaalee mootummaa durii, akkasumas wantoota jiruuf jireenya uummata walloo ibsan of keessatti haammachuu ibsaniiru. Kunis daawwattoonni seenaafi duudhaa uummata naannichaa hubachuu akka danda&#8217;uuf kan gargaaru ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eOgeessi kun akka jedhanitti, Kaayyoon isaanii guddaan qabeenya seenaa kana tikfachuu qofa osoo hin taane, akka inni madda galii ta\u2019ee tajaajilu gochuudha. Dhaabbanni mootummaafi miti mootummaa damee kana irratti fuulleffachuun hunda&#8217;an jiraachuus eeraniiru. Garuu kuni qofti gahaa miti kan jedhe ogeessi kun, hawaasni naannichaa eeguufi kunuunsuu irratti gahee isa bahachuu qaba jedhaniiru. Gara fuulduraattis, muuziyeemicha babal\u2019isuun, tajaajila isaa ammayyeessuun dargaggootaaf sagantaalee barnootaa bal\u2019inaan kennuuf karoorfamee akka jiru ibsaniiru.<\/p>\n<p>Magaalaan Dasee, tulluwwan Xoosaatin Kaaraa Maaraan marfamtee argamtuufi seenaa guddaa qabdudha. Handhuura magaalaa kanaa keessatti iddoon qabeenyi seenaafi aadaa uummata Walloo itti kuufamee jiru tokko jira. Innis Godambaa Magaalaa Daseeti. Godambaan kun hundeen isaa masaraa goota lola Adwaafi bulchaa Walloo kan turan Ras Mikaa\u2019el (Abbaa Nifaas) dha. Gamoon waggota dhibboota lakkofsiise kun, ijaarsa isaa keessatti ammayyummaafi aadaa biyya keessaa walitti makuun kan ijaarameedha. Kunis gamoo qofa otoo hin taane, ashaaraa bulchiinsaafi gootummaa uumata naannichaati.<\/p>\n<p>\u200e\u200eDargaggoo Fassihaa Fallaqaa, daawwachiisaa godambaa Magaalaa Daseeti. Godambaan Magaalaa Dasee, kan Masaraa Mootii Mikaa\u2019eel Walloo isa durii keessatti argamu, hambaa seenaa, aadaafi gootummaa uummata naannichaa kan calaqqisiisuu ta&#8217;uu ibseera. Masaraan ijaarsa dhagaafi mukaatiin baroota dhibba dura ijaarame kun, yeroo ammaa meeshaalee seenaa gurguddoo dhaloota boruutiif dabarsuuf qabatee jira jedhaniiru. Godambichi akkuma seenameen meeshaalee waraanaa durii kanneen akka Gaachana, shootala, xiyyaafi qawweewwan lola Adwaa dabalatee yeroo lola Adwaa itti fayyadamaa turan godambicha keessatti argamuu himeera. Meeshaaleen kunneen gootummaafi murannoo abbootii keenyaa ragaa kan ba&#8217;udhas jedheera.<\/p>\n<p>\u200eIjaarsi gamoo godambichaa kunis bara 1909 waggoota 109 har&#8217;aa dura kan ijaarrameefi abbaantumman kan Dajjaazmaach Yoosef akka ture dubbataniiru. Bara sanas naannawa Walloo kan bulchaa ture Nigus Mikaa&#8217;el ta&#8217;uu ibseera. Manni kunis kan ijaarame mana jireenyaaf yaadamee yoo ta&#8217;u, manicha kan ijaare Mahaandisootaafi Arkiteektota Hindiifi Aarman akkasumas hawaasa naannawichaa akka ta&#8217;e dubbataniiru. Bara 1928 yeroo Xaaliyaaniin yeroo lammaaffaa Ityoophiyaa weeraraa turtetti Dajjaazmaach gara waraanaa imaluun Xaaliyaanin waggoota shaniif ijaarsa keessa turuu kaasaniiru. Ergasii mootummaan iddoo kana fudhatee waajjira godhachuun itti fayyadamaa akka ture dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kana booda bara 1973 karaa mootummaa Itoophiyaa yeroo sanaa kolonel Mangistuu Haayila Maariyaam Godambaa Walloo ta&#8217;uun akka tajaajilu murteessuu ibsaniiru. Bara 1983 fi bara 2014 lola biyya keessatti muudatee tureen miidhaafi saamichi oolaanaan godambaa kanarra gahuu ibseera. Erga lolicha dhaabbatee karaa deeggarsa kaawunsilii Biriitishifi gaggeessummaa Waldaa Bobbocaa Baala Adaraa Itoophiyaatin hojiin suphaa taasisudhaan dawwannaaf banaa ta&#8217;uu himeera. Godambaan kun sadarkaa naannottis isa jalqabaafi akka biyyaatti godambaa biyyoolesssatti aanee hundeeffamuu addeessaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKutaa aadaafi jireenya hawaasummaa keessatti uffataawwan aadaa Walloo keessatti beekaman, faayawwan sibiilaafi albuuda garaa-garaa irraa hojjetaman, akkasumas meeshaaleen nyaataafi dhugaatii kanneen akka okkotee, gaaniifi waancaa miidhagoo ta\u2019an godambicha\u00a0 keessatti argamuu kaasaniiru.\u00a0 Meeshaaleen muuziqaa kanneen akka maasiinqoo, kiraaraafi dibbee sirboota aadaa naannichaa ittiin weeddisaa turan dhaloota haaraatti aadaa isaa barsiisuuf ijaaramuu dubbataniiru. Teessumni mootummaa Nigus Mikaa\u2019eel Walloo, kofoon isaan itti tajaajilamaa turaniifi fakkiiwwan gurguddoo bulchitoota seenaa keessatti iddoo qaban kanneen akka Liij Iyyaasuufi mootota biroo kutaa kana keessatti argamuu dubbataniiru .<\/p>\n<p>\u200eDaawwachiisaan kun akka jedhetti, Kitaabonni amantaa duriifi ragaaleen barreeffamaa baroota baay&#8217;ee lakkoofsisan qabeenya godambichaa caalaatti gabbisu. Qabeenya seenaa uummata Walloo qofa osoo hin taane, iddoo Itoophiyaanonni itti of arganiifi dhaloonni itti seenaa isaa baratu akka ta&#8217;es eeraniiru. &#8220;Giddu-galli kun kabaja goototaafi bilchina aadaa hawaasichaa agarsiisuun, badhaadhina seenaa magaalaa Daseefi naannoo ishee addunyaatti kan beeksisuudha&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Isxifaanos Huseen waajjira Aadaa Turizimiifi ispoortii Bulchiinsa magaalaa Daseetti, ogeessa kunuunsaafi Eegumsa Bobbocaati. Magaalan Dasee iddoolee aadaafi seena qabeessa turizimiif oolan hedduu qabaachuu eerun, isaan keessaa godambaan Dasee isa tokko ta&#8217;uu kaasaniiru. Godambaan kun meeshaalee seenaa garaagaraa kan akka uffata aadaa, meeshaalee waraanaa yeroo Adwaa, meeshaalee mootummaa durii, akkasumas wantoota jiruuf jireenya uummata walloo ibsan of keessatti haammachuu ibsaniiru. Kunis daawwattoonni seenaafi duudhaa uummata naannichaa hubachuu akka danda&#8217;uuf kan gargaaru ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eOgeessi kun akka jedhanitti, Kaayyoon isaanii guddaan qabeenya seenaa kana tikfachuu qofa osoo hin taane, akka inni madda galii ta\u2019ee tajaajilu gochuudha. Dhaabbanni mootummaafi miti mootummaa damee kana irratti fuulleffachuun hunda&#8217;an jiraachuus eeraniiru. Garuu kuni qofti gahaa miti kan jedhe ogeessi kun, hawaasni naannichaa eeguufi kunuunsuu irratti gahee isa bahachuu qaba jedhaniiru. Gara fuulduraattis, muuziyeemicha babal\u2019isuun, tajaajila isaa ammayyeessuun dargaggootaaf sagantaalee barnootaa bal\u2019inaan kennuuf karoorfamee akka jiru ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Obbo Isxifaanos Huseen waajjira Aadaa Turizimiifi ispoortii Bulchiinsa magaalaa Daseetti, ogeessa kunuunsaafi Eegumsa Bobbocaati. Magaalan Dasee iddoolee aadaafi seena qabeessa turizimiif oolan hedduu qabaachuu eerun, isaan keessaa godambaan Dasee isa tokko ta&#8217;uu kaasaniiru. Godambaan kun meeshaalee seenaa garaagaraa kan akka uffata aadaa, meeshaalee waraanaa yeroo Adwaa, meeshaalee mootummaa durii, akkasumas wantoota jiruuf jireenya uummata [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5977,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5976"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5976"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5976\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5978,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5976\/revisions\/5978"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5977"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5976"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5976"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5976"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}