{"id":5979,"date":"2026-05-08T07:43:38","date_gmt":"2026-05-08T07:43:38","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5979"},"modified":"2026-05-08T07:43:38","modified_gmt":"2026-05-08T07:43:38","slug":"hojaata-galii-diijitaalessuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/hojaata-galii-diijitaalessuu\/","title":{"rendered":"Hojaata Galii Diijitaalessuu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eGaliin mootummaa utubaa misoomaati. Magaalaan tokko tajaajila bishaanii, ibsaa, daandiifi ijaarsa bu\u2019uuraa kanneen biroo uummataaf dhiyeessuuf maddi ishee inni guddaan gibira irratti hirkata. Haqa qabeessummaan, iftoomniifi amanamummaan yoo jiraatan, amantaan hawaasni mootummaarra qabu ni cima. Bulchiinsi Magaalaa Kamisees kana dhugoomsuuf adeemsa galii isaa gara mala diijitaalaatti jijjiiruudhaan hojii boonsaa hojjechaa jira.<\/p>\n<p>\u200eMagaalaan Kamisee yeroo ammaa sochii diinagdee ho\u2019aa keessatti kan argamtu yoo ta\u2019u, galiin sassaabamu akkuma duraan hojii harkaatiin osoo hin taane, teeknoolojii ammayyaatiin deeggaramaa jira. Kunis daldaltoonni osoo hin dhama\u2019in tajaajila saffisaafi amansiisaa akka argatan taasiseera.<\/p>\n<p>\u200eObbo Huseen Ahmad, kan jiraatan Magaalaa Kamiseetti yoo ta\u2019u hojii daldalaani carraaqanii kan bulan. \u201cKanaan dura kaffaltii gibiraa raawwachuuf daldala keenya cufnee waajjira galii deemuun tartiiba dheeraa eeggachuun sa\u2019aatii baay\u2019ee nu jalaa gubaa tureera,\u201d jedhaniiru. Nagaheen harkaatti barreeffamu dogoggora qabaachuu eerun, malaammaltummaaf karaa banaa turuu isaatin qormaataaf saaxilamaa turuu isaanii kaasaniiru. Erga sirni kaffaltii diijitaalaa dhufee booda garuu utuu hojii isaanii hin dhaabin bakka jiranitti daqiiqaa muraasa keessatti kaffaltii isaanii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis saffisaafi mijaa\u2019ummaa uumuun bira darbee, kaffaltiin raawwatamu kallattiidhaan galii mootummaa ta\u2019uu isaa bilbila isaanii irratti waan mirkaneeffataniif iftooma uumuu akka danda&#8217;u ibsaniiru. Nagaheen diijitaalaa kunis dogoggora kanaan duraa hambisuun boqonnaa haaraa nuuf fideera jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eDaldalaan Magaalaa Kamisee kan biraa, Adam Alii, sirna kaffaltii diijitaalaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Daldalaan kun akka jedhanitti, kanaan dura\u00a0 maallaqni yeroo harkatti qabatanii deemaniitti isaan jalaa hatamaa tureera. Kunis karaa diijitaalaa ta\u2019uun isaa rakkoowwan kana irraa walaba nu baasuu danda&#8217;a jedhaniiru. Kaffaltiin diijitaalaa maallaqa keenya kallattiin baankii irraa gara galii mootummaaatti waan dabarsuuf, daldalaan tokko ragaa amansiisaa baankii biratti akka qabaatu taasisuu eeraniiru. Kun immoo gara fuulduraatti liqii baankii argachuuf isaan akka gargaaru eraniiru.<\/p>\n<p>Daldalaan kun \u2018\u2019mootummaan kaffaltii kana qofa osoo hin taane, neetworkiifi tajaajila interneetii amansiisaafi itti fufiinsa qabu akka nuuf uumu ni barbaadna\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eItti gaafatamaan Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Kadir Juhaar, akka jedhanitti, guddina itti fufiinsa qabu fiduuf madda galii ammayyeessuufi iftooma uumuun barbaachisaadha. \u201cNutis akka Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, sassaabbii gibiraa harka irraa gara diijitaalatti ceesisuun milkaa\u2019ina boonsaa galmeessisaa jirra. Sassaabbii gibiraa keenya ammayyeessuuf yeroo ammaa teeknoolojiiwwan kaffaltii diijitaalaa kanneen akka CBE Birr, Telebirr, Awash Birr fi HelloCash daldaltoonni keenya akka fayyadaman gochuun, kaffaltiin gibiraa kallattiidhaan gara kuusaa mootummaaatti akka galu taasisaa jirra\u201d jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eYeroo ammaa daldaltoonni magaalichaa dhibbantaa 71.7 ta\u2019an kaffaltii isaanii osoo waajjira hin dhufin, bakka jiranitti bilbila isaanii fayyadamuun kaffaltii raawwachaa akka jiran himaniiru. Kunis yeroofi humna daldaltootaa qusachuu bira darbee, malaammaltummaafi loogii harkaan hojjechuun dhufu balleessuun iftooma akka mirkaneessu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u201cKaroorri keenya waggaa itti aanutti kaffaltoonni hundi dhibbantaa 100 karaa kanaan akka kaffalan gochuudha\u201d jedhaniiru. Kanaafis daldaltoota hundaaf leenjii teeknoolojii kaffaltii irratti kennamaa jiraachuun kaasun, sirna \u2018E-Tax\u2019 caalaatti babal\u2019isuun kaffaltiin hundi diijitaala akka ta\u2019uuf hojjechaa jirra jedhaniiru. \u201cGibira kaffaluun lammummaadha, karaa diijitaalaa kaffaluun immoo ammayyummaadha\u2019\u2019 kan jedhan itti gaafatamaan kun, \u2018\u2019galii nuti karaa iftooma qabuun sassaabnuun daandii, bishaan, ibsaafi mana barumsaa ijaarra\u2019\u2019 jedhaniiru. Obbo Kadir, daldaltoonni magaalichaa hundi teeknoolojii kanneenitti fayyadamuu akka cimsan hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; \u200eGaliin mootummaa utubaa misoomaati. Magaalaan tokko tajaajila bishaanii, ibsaa, daandiifi ijaarsa bu\u2019uuraa kanneen biroo uummataaf dhiyeessuuf maddi ishee inni guddaan gibira irratti hirkata. Haqa qabeessummaan, iftoomniifi amanamummaan yoo jiraatan, amantaan hawaasni mootummaarra qabu ni cima. Bulchiinsi Magaalaa Kamisees kana dhugoomsuuf adeemsa galii isaa gara mala diijitaalaatti jijjiiruudhaan hojii boonsaa hojjechaa jira. \u200eMagaalaan Kamisee yeroo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5980,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5979"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5979"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5979\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5981,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5979\/revisions\/5981"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5980"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5979"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5979"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5979"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}