{"id":5988,"date":"2026-05-08T07:51:17","date_gmt":"2026-05-08T07:51:17","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5988"},"modified":"2026-05-08T07:51:17","modified_gmt":"2026-05-08T07:51:17","slug":"keeniyaafi-taanzaaniyaa-gufuuwwan-daldalaa-maqsuuf-guyyaa-xumuraa-caamsaa-2026f-murteessan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/keeniyaafi-taanzaaniyaa-gufuuwwan-daldalaa-maqsuuf-guyyaa-xumuraa-caamsaa-2026f-murteessan\/","title":{"rendered":"Keeniyaafi Taanzaaniyaa Gufuuwwan Daldalaa Maqsuuf Guyyaa Xumuraa Caamsaa 2026\u2019f Murteessan"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Prezidaanti Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi gitni isaanii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluhu dhuma Akka lakkoofsa Awroppaa, Caamsaa 2026tti daldala biyyoota isaanii gidduutti guufuwwan taarifaan ala ta\u2019an hunda maqsuun ida\u2019amuu naannoo cimsuuf waadaa galuu isaanii irra deebi\u2019anii mirkaneessaniiru. Qajeelfamni kun kan ba\u2019e marii sadarkaa olaanaa biyyoota lamaanii Mana Maree Mootummaa Daares Salaamitti gaggeeffameen yoo ta\u2019u, daldalaafi tumsa dinagdee Keeniyaafi Taanzaaniyaa guddisuuf tarkaanfii guddaa fudhatamedha.<\/p>\n<p>Akka Kaarooliin Kaaruguu jettetti murtoon kun boqonnaa guddaa daldala daangaa qaxxaamuraa banuun daldaltootaafi fayyadamtoota naannichaa kan fayyadudha. &#8220;Hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo kana keessatti gufuuwwan taarifaan ala ta&#8217;an hunda furuuf kutannoon isaanii dandeettii daldala naannoo guutuu banuuf fedhii siyaasaa cimaa agarsiisa,&#8221; jetteetti. Gufuuwwan taarifaan ala ta\u2019an kanneen akka harkifannaa gumurukaa, danbiiwwan wal hin simanneefi rakkoo bulchiinsaa yeroo dheeraaf akka gufuulee ijoo daldala Hawaasa Bahaa Afrikaa keessatti kaafamanii turanidha. Ittifamuun isaanii baasii daldala hojjechuuf bahu haalaan hir\u2019isuufi saffisa meeshaaleefi tajaajiloota daangaa ce\u2019anii socho\u2019an ni ariifachiisa jedhamee eegama.<\/p>\n<p>Waliigalteen yeroo dhihoo kun tattaaffii biyyoonni miseensa Bahaa Afrikaa, imaammata walsimsiisuu, bu\u2019uuraalee misoomaa fooyyessuufi mala haala mijeessummaa daldalaa guutuu gamtichaa guddisuuf taasisaa jiran irratti kan hundaa\u2019edha. Xiinxaltoonni akka jedhanitti tarkaanfiin kun heddummina daldala naannoo keessaa guddisuu, dhiheessa cimsuufi Afrikaa Bahaa wiirtuu dinagdee dorgomaa ardii Afrikaa taasisuu danda\u2019a. Yeroon xumuraa Caamsaa 2026 amma murtaa\u2019ee kun bu&#8217;uuruma taa&#8217;een, qooda fudhattoonni mootummoonni lamaan waadaa galan akka raawwataniifi imaammata kana gara bu\u2019aa qabatamaatti akka jijjiiran waan barbaadaniif xiyyeeffannaan gara hojiirra oolmaatti kan ce\u2019udha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Prezidaanti Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi gitni isaanii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluhu dhuma Akka lakkoofsa Awroppaa, Caamsaa 2026tti daldala biyyoota isaanii gidduutti guufuwwan taarifaan ala ta\u2019an hunda maqsuun ida\u2019amuu naannoo cimsuuf waadaa galuu isaanii irra deebi\u2019anii mirkaneessaniiru. Qajeelfamni kun kan ba\u2019e marii sadarkaa olaanaa biyyoota lamaanii Mana Maree Mootummaa Daares Salaamitti gaggeeffameen yoo ta\u2019u, daldalaafi tumsa dinagdee [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5989,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5988"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5988"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5988\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5990,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5988\/revisions\/5990"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5989"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5988"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5988"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5988"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}