{"id":5991,"date":"2026-05-08T07:52:50","date_gmt":"2026-05-08T07:52:50","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5991"},"modified":"2026-05-08T07:52:50","modified_gmt":"2026-05-08T07:52:50","slug":"yaadannoo-guyyaa-goototaa-yeroo-kabajnu-hojii-gootummaarratti-argamuu-barbaada","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/08\/yaadannoo-guyyaa-goototaa-yeroo-kabajnu-hojii-gootummaarratti-argamuu-barbaada\/","title":{"rendered":"Yaadannoo Guyyaa Goototaa Yeroo Kabajnu Hojii Gootummaarratti Argamuu Barbaada"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hojiin gootummaa dhimmoota adda addaan ibsamuu danda\u2019a. Barataan barumsa isaatti xiyyaffatee bu\u2019aa qabeessa ta\u2019e gootadha. Qonnaan bulaan cimee qotuun maatiisa sooruufi hirkattummaa jalaa bahe gootadha. Hojjetaan mootummaa antummaa uumataan hojiisaa loogii tokko malee tajaajila qulqullina qabu yoo keenne kunis gootummaadha. Lammiin biyyattii kamuu yeroo birmadummaan biyyattii sarbamu fedhii ofiin aadda waraanaatti argamuun bilisummaa biyyaaf dhaabbachuun gootummaadha. Kun kan hojii gootummaa hunda caaludha. Sababni isaas, hojii biyyaaf of kennuufi\u00a0 aarsaa lubbuu bakka hin buune kan gaafatudha.<\/p>\n<p>Yeroo guyyaa goototaa 85ffaa kabajnu goototaa lafee isaanii caccabsaniifi lubbuu isaanii aarsaa taasisan yaadachuu keenyaati. Adwaatti akaakileen keenya gootummaa cichoomina qabun Xaaliyaanii meeshaa waraanaan ammayyoofte injiifachuun danda\u2019ameera. Waggoottan 40 booda haloo nurratti baasuuf irra deebiin weerara nurratti banteetti. Xaaliyaaniin waggaa 40 yeroo qophiirra turteetti gama Itoophiyaan qophiifi hojii gahaa taasifamaa hin turre. Kanaan kan ka\u2019e Adwaatti yeroo gabaabaan injiifachuun danda\u2019ame waggaa shaniif gootootnii Itoophiyaa qabsoo hadhaawaa taasisuuf dirqamaniiru.<\/p>\n<p>Yeroon gootootnii keenya qabsoo keessa turan dheeratus injifannoo Itoophiyaanootaan goolabameera. Yeroo gita bittuun Xaaliyaanii Itoophiyaa keessa turteetti uummanni biyyattii wareegamaafi dararaa guddaa keessa darbuuf dirqameera. Uummatni keenya hedduun jumlaafi haala sukkannessaan akka ajjefaman taasifameera. Hariiroo, aadaafi duudhaa uummata biyyattii diiguuf hojiin hedduu hajjetameera. Finxaalessummaa sabaafi afaanii yeroo booda biyyattii keessatti mul\u2019atan maddi isaa weerartoota Xaaliyaanii kan jedhaniis hedduudha. Yeroo sanatti gita bittoonni Awuroppaa hedduun shiira qoqqoodanii bulchuu (Divide and Rule) hordoofaa turaniiru. Shiirri kun hundi qabsoo gootota keenyaan fashalaa\u2019e jira.<\/p>\n<p>Itoophiyaan bilisummaashee goonfattee Ebla 27 bara 1933 alaabaashee ol fanniisuu dandesseetti. Kabajniifi galatni gootota keenyaaf mala! Yeroo guyyaa yaadanno kana kabajnu hojii gootummaan argamu barbaada. Yeroo ammaa biyyi keenya guddina diinagdeefi hawaasummaan taasisaa jirtu hirmaannaa lammilee hundaa barbaada. Siyaasa\u00a0 biyyattii tasgabbessuufi waligaltee biyyaalessaa uumuuf hojilee hojjetamaa jiranis hirmaannaa dammaqinaafi hundagalessa barbaadudha. Walitti bu\u2019insi keessoofi dibbeen waraanaa biyyootni ollaas ija qaroon waan ilaalamu qabudha. Itoophiyaan biyya carraa guddachuu guddaa qabdudha. Qabeenya uumamaafi nam-tolcheen kan badhaatedha. Biyya uummata guddaa qabdudha. Uummta qabdu keessaa immoo baay\u2019inaan dargaggoota hojiif gahaanidha.<\/p>\n<p>Lammileen Itoophiyaa hundi gootummaa hundagalessa yeroo taasisuu qabanurratti argamna. Biyyi keenya abdiifi yaaddooo gidduutti argamti. Jaalala biyyaafi jaalala sabaan dhaabbachuun yaaddoo biyyattiin keessa seente ofirraa qolachuun lammileen \u2018\u2019ani goota\u2019\u2019 jedhanii of waaman hundarraa kan eegamudha. Rakkoo keessoo furuun tokkummaan dhabbachuu barabaada. Kun gootummaa bara baraan yaadatamudha. Siidaan injifannoo kanaa nageenya, tokkummaafi bilisummaa biyyattiiti. Yaadannoo guyyaa goototaa yeroo kabajnu, gootummaa keenyas goochaan of ibsaa deemuu barbaachisa.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Hojiin gootummaa dhimmoota adda addaan ibsamuu danda\u2019a. Barataan barumsa isaatti xiyyaffatee bu\u2019aa qabeessa ta\u2019e gootadha. Qonnaan bulaan cimee qotuun maatiisa sooruufi hirkattummaa jalaa bahe gootadha. Hojjetaan mootummaa antummaa uumataan hojiisaa loogii tokko malee tajaajila qulqullina qabu yoo keenne kunis gootummaadha. Lammiin biyyattii kamuu yeroo birmadummaan biyyattii sarbamu fedhii ofiin aadda waraanaatti argamuun bilisummaa biyyaaf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5992,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5991"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5991"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5991\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5993,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5991\/revisions\/5993"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5992"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5991"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5991"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5991"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}