{"id":5999,"date":"2026-05-23T08:26:19","date_gmt":"2026-05-23T08:26:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5999"},"modified":"2026-05-23T08:26:19","modified_gmt":"2026-05-23T08:26:19","slug":"qusquwaam-maariyaam-calaqqee-aadaa-itoophiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/qusquwaam-maariyaam-calaqqee-aadaa-itoophiyaa\/","title":{"rendered":"Qusquwaam Maariyaam:\u00a0 Calaqqee Aadaa Itoophiyaa"},"content":{"rendered":"<p><strong>Qusquwaam Maariyaam:\u00a0 Calaqqee Aadaa Itoophiyaa<\/strong><br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu yoo taatu, iddoowwan seena qabeessa hedduu kanneen akka masaraa mootummoota durii, manneen amantaa, bosona, holqaawwan, gaarreniifi laggeen akkasumas iddoowwan aadaa uummata ishee calaqqisiisan hedduu qabdi. Isaan keessaa tokko Masaraa mootummaafi Mana Amantaa Ortodoksii ta\u2019ee tajaajilaa kan ture ijaarsa seena qabeessa Qusquwaam Maariyaamidha. Qusquwaam Maariyaam bara mootummaa Gondaritti, mootittii Itegee Mintiwwaabin jaarraa 18ffaa keessa (bara 1730 tti) akka ijaarame seenaan ni ibsa. Ijaarsi kun mana amantaafi masaraa mootummaa waliin walitti hidhamee kan ijaarame yoo ta\u2019u, yeroo mootummaa durii irraa eegalee hanga ammaatti mallattoo seenaafi hawwata turizimii ta\u2019ee tajaajilaa jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAbbaan Amantaa Gabratsiggee Andu\u2019aalam mana amantaa Qusquwaam Maariyam keessatti barsiisaa amantiti. Haalli ijaarsa iddoo seena qabeessa kanaa gamoo Faasil waliin wal fakkaataafi hariiroo seenaa cimaa kan qabu ta\u2019uu ibsaniiru. Ijaarsi isaa meeshaalee kanneen akka nuugii, talbaa, qamadii, nooraafi kanneen biroo fayyadamuun kan ijaarame yoo ta\u2019u, kunis ijaarsa yeroo dheeraa turuu danda\u2019u taasisuu isaa himaniiru. Akkasumas, Itegee Mantiwwaab dubartii beekumsa qabduuufi ogeettii ta\u2019uun ishee seenaa keessatti beekamtii argatteetti jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Qusquwaam Maariyaam iddoowwan seena qabeessa amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti iddoo olaanaa qabu keessaa tokko ta\u2019ee tajaajilaa turuu himaniiru. Bakki kun yeroo dheeraaf iddoo sagadaa, barnoota amantaafi jireenya abbootii amantaa ta\u2019ee tajaajilaa tureera jedhaniiru. Amantiin Ortodoksiifi hawaasni naannichaa hariiroo cimaa waliin qabaachuun isaanii guddina aadaafi amantaa keessatti shoora guddaa qabaachuu abbaan amantaa kun ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Itti aanaa Itti Gaafatamaan Biiroo Aadaa Turizimiifi Ispoortii Naannoo Amaaraa Ayyalaa Annaawuxee (Dr), akka ibsanitti, Qusquwaam Maariyaam iddoowwan seena qabeessa mootummaa Itoophiyaa durii keessaa isa olaanaa ta\u2019uu ibsaniiru. Ijaarsi isaa dallaa dhakaan marfamee kan ijaarame yoo ta\u2019u, keessa isaatti kutaa mootummaa, mana sagadaa, bakka keessummoonni itti simataman, waajjiraalee mootummaa, akkasumas bakka mariin mootummaa itti gaggeeffamu akka qabatu eeraniiru. Doktar Ayyalaan itti dabaluudhaan akka ibsanitti, Qusquwaam Maariyaam aadaa, amantaafi seenaa walitti hidhuu keessatti gahee olaanaa qaba. Hawaasni bakka kana keessatti ayyaanota amantii kabaju, sirna aadaa raawwatu, akkasumas tokkummaa isaanii cimsataa turuu isaanii ibsaniiru. Akkasumas, madda beekumsaafi barnootaa ta\u2019ee tajaajiluu isaa kaasaniiru. Keessumaa barnoonni afaan Gi\u2019iizii, ogummaan harkaafi beekumsi amantii bakka kanatti kennamaa ture guddina seenaa Itoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e&#8221;Yeroo ammaa Qusquwaam Maariyaam tajaajila amantaa, turizimiifi hojii seenaa barsiisuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira&#8221; jedhaniiru. Bakki kun daawwattoota biyya keessaafi alaatiin daawwatamaa akka jirus himaniiru. Gara fuulduraattis mootummaafi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta\u2019uun bakka kana suphuu, babal\u2019isuufi seenaa isaa dhalootaaf dabarsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qusquwaam Maariyaam:\u00a0 Calaqqee Aadaa Itoophiyaa \u200e \u200eItoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu yoo taatu, iddoowwan seena qabeessa hedduu kanneen akka masaraa mootummoota durii, manneen amantaa, bosona, holqaawwan, gaarreniifi laggeen akkasumas iddoowwan aadaa uummata ishee calaqqisiisan hedduu qabdi. Isaan keessaa tokko Masaraa mootummaafi Mana Amantaa Ortodoksii ta\u2019ee tajaajilaa kan ture ijaarsa seena qabeessa Qusquwaam Maariyaamidha. Qusquwaam Maariyaam [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6000,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5999"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5999"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5999\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6001,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5999\/revisions\/6001"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6000"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5999"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5999"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5999"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}