{"id":6002,"date":"2026-05-23T08:30:28","date_gmt":"2026-05-23T08:30:28","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6002"},"modified":"2026-05-23T08:30:28","modified_gmt":"2026-05-23T08:30:28","slug":"qabiyyee-marii-pireezidaantotaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/qabiyyee-marii-pireezidaantotaa\/","title":{"rendered":"Qabiyyee Marii Pireezidaantotaa"},"content":{"rendered":"<p>Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi, waliin galma guddaa ummataa Beejiingitti argamutti marii taasisaniiru. Shiin Jiinpiing waggoota darban keessatti Puutiin waliin yeroo baay\u2019eefi walitti dhiheenyaan kan wal argan yoo ta\u2019u, waliin ta\u2019uun moodeela haaraa hariiroo biyyoota gurguddoo walkabajuu, haqummaafi tumsa mo\u2019ataa of keessaa qabu uumuun addunyaaf tasgabbii baay\u2019ee barbaachisu kan fidu ta\u2019uu dubbataniiru. Chaayinaa fakkeenya dippiloomaasii bara kanaa ta\u2019uu Pireezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hariiroon biyyoota lameenii qajeeltoo fayyadamummaa waloofi wal amantaa irratti hundaa\u2019e ta\u2019uu kaasanii, kaayyoon isaas nageenyaafi guddina uummata biyyoota lameenii mirkaneessuu akka ta\u2019e eeraniiru. Puutiin akka jedhanitti, Raashiyaan Chaayinaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu, qindoomina tarsiimoo cimsuu, mirkanaa\u2019ummaafi tasgabbii hariiroo Raashiyaafi Chaayinaatiin nagaafi badhaadhina addunyaaf gumaacha haaraa taasisuu hawwii guddaan eeggachaa jirti.<\/p>\n<p>Gama lachuun tumsa tarsiimoo bal\u2019aa Chaayinaafi Raashiyaa guddisuu irratti waliigaltee barbaachisaa haaraa irra ga\u2019uu isaanii kan eere yoo ta\u2019u, Shii Jiinpiingi gama lachuu irraa tattaaffii hin dhaabbanne taasifamuun hariiroon Chaayinaafi Raashiyaa sochii misooma qulqullina olaanaa qabu irratti akka ijaaramuufi olka\u2019iinsa haaraa akka guddisu amantaa qaban ibsaniiru. Puutiin daawwannaan kun qabatamaa, gahumsaafi bu\u2019aa qabeessa ta\u2019uu isaa jajataniiru. Shii Jiinpiingi guddina hariiroo Raashiyaafi Chaayinaa gamaaggamuun, dhimmoota adda addaa irratti yaada gadi fageenyaan wal jijjiiruun, tumsa gara fuula duraatiif kallattii kaa\u2019uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hoggantoonni lameen mariin booda dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigalteewwan mallatteessuu gabaafameera. Hariiroon biyyoonni lameen dameewwan diinagdee, siyaasaa, loltummaafi uummataan qaban yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufeera. Tumsa diinagdeen Chaayinaan boba\u2019aa Raashiyaa bituun biyya jalqabarra jirtu yoo taatu, waljijjiirraan daldalaa biyyoota lameeniis waggaatti Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 35 hanga Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 40 akka ta\u2019e ragaan BBC irraa argame ni mul\u2019isa.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi, waliin galma guddaa ummataa Beejiingitti argamutti marii taasisaniiru. Shiin Jiinpiing waggoota darban keessatti Puutiin waliin yeroo baay\u2019eefi walitti dhiheenyaan kan wal argan yoo ta\u2019u, waliin ta\u2019uun moodeela haaraa hariiroo biyyoota gurguddoo walkabajuu, haqummaafi tumsa mo\u2019ataa of keessaa qabu uumuun addunyaaf tasgabbii baay\u2019ee barbaachisu kan fidu ta\u2019uu dubbataniiru. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6003,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6002"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6002"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6002\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6004,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6002\/revisions\/6004"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6003"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6002"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6002"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6002"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}