{"id":6011,"date":"2026-05-23T08:37:50","date_gmt":"2026-05-23T08:37:50","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6011"},"modified":"2026-05-23T08:37:50","modified_gmt":"2026-05-23T08:37:50","slug":"karoora-maatii-jireenya-miidhagaaf","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/karoora-maatii-jireenya-miidhagaaf\/","title":{"rendered":"Karoora Maatii: Jireenya Miidhagaaf"},"content":{"rendered":"<p>Karoora maatii fayyadamuun haadholiifi daa&#8217;imman fayyaa ta&#8217;an qabaachuufi jireenya maatii fooyyessuuf bu&#8217;aa guddaa qaba. Barruu keenya har\u2019aatiin dhimma kanarratti haati karoora maatii fayyadaman tokko yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Jiraattuun magaalaa Kamisee aadde Zabiibaa Nuuriyyee, erga gaa&#8217;ila godhatanii waggaa 10 ol ta&#8217;uu yaadatanii, yeroo ammaa haadha ijoollee afurii ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Aadde Zabiibaan ijoollee isaanii arfanuu tooftaa walirraa fageessanii da\u2019uu fayyadamuun walirraa siqsanii akka da&#8217;an himanii, karoora maatii fayyadamanii ijoollee da&#8217;uun isaanii fayyaa ofiisaaniifi ijoollee isaanii eeguu keessatti gumaacha guddaa kan taasiseef akka ta&#8217;e ibsaniiru. Jiraattuun tun &#8221;ijoollee koo karoora maatii fayyadamee da&#8217;uun koo ijoolleen argadhe kunuunsee guddisuufi dinagdeen cimee haala barnoota isaanii mijawaa gochuuf nu gargaareera; kanaafuu karoora maatiii fayyadamuun mishaadha&#8221; jechuun dubbataniiru. Muuxannoo isaanii kanaas haadholii ollaasaanii jiraataniif qooduun gara karoora maatii fayyadamuutti akka dhufan taasisuu himaniiru. Aadde Zabiibaan gara fuulduraattis haaluma kanaan kan itti fufan ta&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Sheeh Mahaammadsaanii Ahimad, Imaama Masgiida Kadijjaa magaalaa Kamisee yoo ta&#8217;an, yeroo dheeraaf hawaasa naannawaa isaanii amantii islaamummaa hordofan barsiisuu, gorsuufi jireenya hawaasummaa akkaataa fedhii \u2018Rabbii\u2019 irratti hundeessuun tajaajilaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Sheeh Mahaammadsaaniin, seenaa barsiisa amantaa Islaamaa keessa jiru bu&#8217;uureffachuun bara durii namoonni hiyyummaa sodaatanii daa&#8217;imman isaanii lubbuun dabarsaa akka turan yaadachiisaniiru. &#8221;Kana booddee Rabbiin ijoollee keessan hiyyummaa sodaattanii hin ajjeesiinaa; isiniinis ta&#8217;e isaaniinis kan nyaachisu anadha&#8221; jechuun akka dubbate hubachiisaniiru. Barsiisni amantichaa caasaan fayyaalessa ta&#8217;e kan miirri itti gaafatamummaa maatii itti dhaga&#8217;amu maatii keessa akka jiraatuuf kan jajjabeessu ta&#8217;uu kaasanii, waan fayyaa haadholii miidhu taanaan daa&#8217;ima walirraa butanii da&#8217;uun amantichaan kan walitti hin buune akka ta&#8217;e eeraniiru.<\/p>\n<p>Barsiisni amantichaa caqasa kamirrattuu malleen ittisa ulfaa ammayyaa ifatti akka hindhorkineefi hin hayyamne kan himan Sheeh Mahaammadsaaniin, ta&#8217;us fayyaa haadholiifi daa&#8217;immaniif xiyyeeffannoon guddaa kennamuu akka qabu barsiisa amantichaa keessatti kan jajjabeeffamu akka ta&#8217;ee cimsanii dubbataniiru. Sababoota fayyaa haadholii miidhaniifi dhimmoota hawaasummaafi dinagdee maatii huban giddu galeeffachuun haala qaala&#8217;insa jireenyaa yeroo ammaa kanaan fayyaa haadholiifi daa&#8217;immanii eeguuf daa&#8217;imman walirraa siqsanii da&#8217;uun amantii faana walitti kan hin buune ta&#8217;uu hubachiisaniiru. &#8221;Sodaa hiyyummaa jalaa bahuuf namni hunduu hojjechuu akka qabu ni barsiisna; Rabbillee nama hojjetu gargaara&#8221; jechuun, namuu hojjetee maatiifi hawaasa isaa gargaaruu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Usmaan Alii, karoora maatii sirnaan fayyadamuun dhiiga haadholii yeroo da&#8217;umsaa garmalee dhangala&#8217;u kan hambisuufi haadholiifi daa&#8217;imman dhukkubaaf akka hinsaaxilamne taasisa jedhaniiru. \u201cKaroorri maatii du&#8217;aatii haadholiifi daa&#8217;immanii ni hir&#8217;isa\u201d kan jedhan itti gaafatamichi, daa&#8217;imman karooraan dhalatan harma haadhaa ga&#8217;aa, uffataafi nyaata madaalawaa argachuuf carraa qabaachuu kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti, karoora maatii sirnaan fayyadamnaan dinagdeen maatiifi biyyaa ni guddata. Sababni isaas maatiin karoora qabu qabeenya isaa sirnaan fayyadama jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamichi, maatiiwwan karoora qaban tajaajila hawaasummaa argachuuf carraa bal&#8217;aa qabaachuu akka danda&#8217;an eeraniiru. Sadarkaa magaalattiitti ilaalchi hawaasni karoora maatiif qabaachaa ture gadaanaa ta&#8217;uu kaasanii, hojii hubannoo uumuu yeroo gara yerootti xiyyeeffannoon hojjetamaa dhufeen ilaalcha sana cabsuun lakkoofsi fayyadamtoota karoora maatii dabalaa jiraachuu himaniiru.<br \/>\nMagaalattiitti haadholiin buufata fayyaatti da&#8217;uufi tajaajila karoora maatii fayyadamuu erga jalqaban du&#8217;aatiin haadholiifi daa&#8217;immanii hir&#8217;achuu dubbataniiru. Bu&#8217;aa abdachiisaa gama kanaan argamaa jiru ciminaan itti fufsiisuuf bara kana malleen ittisa ulfaa yeroo dheeraa haadholii kuma 2 fi 75 kennuuf karoorsanii, ji&#8217;oota kudhan darbanitti haadholii kuma 2 fi 146 raawwachuun dhibbeentaa 103 irra gahuu danda&#8217;uu addeessaniiru. \u201cTajaajila karoora maatii yeroo gabaabaan karoorri keenya kuma 6 fi 225 ture\u201d kan jedhan itti gaafatamichi, hanga ammaatti haadholii kuma 13 fi 189 raawwachuun dhibbeentaa 211 irra gahuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Akka obbo Usmaan jedhanitti, raawwiin kun magaalattiitti haadholiin baay&#8217;een tajaajilamtoota karoora maatii ta&#8217;uu isaanii kan agarsiisudha. Fayyaan haadholiifi daa&#8217;immanii guddina dinagdee biyyaaf murteessaadha kan jedhan itti gaafatamichi, akka biyyaatti wal gahinsa tajaajila karoora maatii guutummaatti hojiirra oolchuuf waadaa galame milkeessuu keessatti tumsi dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa akkasumas abbootii amantii barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Karoora malee ulfaa&#8217;uun du&#8217;aatii haadholiifi daa&#8217;immanii sababoota hordofsiisan keessaa tokko ta&#8217;uu kaasanii, karoora maatii irratti hojjetamuun guddina fayyaa hawaasaaf faayidaa dam-daneessa waan qabuuf yeroo kamuu caalaa irratti hojjetamuun barbaachisaa akka ta\u2019e gorsaniiru.<br \/>\nGuddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Karoora maatii fayyadamuun haadholiifi daa&#8217;imman fayyaa ta&#8217;an qabaachuufi jireenya maatii fooyyessuuf bu&#8217;aa guddaa qaba. Barruu keenya har\u2019aatiin dhimma kanarratti haati karoora maatii fayyadaman tokko yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Jiraattuun magaalaa Kamisee aadde Zabiibaa Nuuriyyee, erga gaa&#8217;ila godhatanii waggaa 10 ol ta&#8217;uu yaadatanii, yeroo ammaa haadha ijoollee afurii ta&#8217;uu dubbataniiru. Aadde Zabiibaan ijoollee isaanii arfanuu tooftaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6012,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6011"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6011"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6011\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6013,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6011\/revisions\/6013"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6012"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6011"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6011"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6011"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}