{"id":6014,"date":"2026-05-23T08:39:22","date_gmt":"2026-05-23T08:39:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6014"},"modified":"2026-05-23T08:39:52","modified_gmt":"2026-05-23T08:39:52","slug":"abbaantummaan-fillannoo-waliigalaa-kan-uummataati","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/abbaantummaan-fillannoo-waliigalaa-kan-uummataati\/","title":{"rendered":"Abbaantummaan Fillannoo Waliigalaa  Kan Uummataati"},"content":{"rendered":"<p>Barbaachisummaan filannoo waliigalaa biyya tokkoo mootummaa fudhatamummaa qabu ijaarudha. Biyyi tokko birmadummaanshe eegameefi dhageeti idil-addunyaa qabaattee jiraachuuf barbaachisan keessaa tokko mootummaa fudhatammummaa argate qabaachudha. Mootummaan fudhatamummaa qabu kan ijaaramu filannoo waligalaa madaallii buu&#8217;uraalee filannoo guttate aangoo qabatedha. Biyyi uummataafi daangaa qabdu qoofti akka biyyaatti hin ilaalamtu. Mootummaan fudhatamummaa qabu jiraachuun dirqamadha. Kunis birmadummaa biyyaa ni uuma. Filannoon callaqqee sirna dimookiraasii biyya tokkooti.Dimookiraasiin adeemsa mootummaa uummataan filamee, uummataaf hojjetu ijaarudha. Kanaafuu,filannoon adeemsa uummatni mootummaa isaaf malu filatee gara aangootti fidudha. Dhimmi filannoo dhimma uummataati. Abbaan angoo olaanaa biyya tokkoo uummata.<\/p>\n<p>Filannoon adeemsa uummatni bakka bu&#8217;oota isaa filatee abbummaa angoosaa goonfatudha. Itoophiyaan kufaatii dargiin booda filannoo waligalaa jaha taasifteetti. Filannoo jahan keessatti ciminaaleefi banaalee turan hedduudha. Filannoo kunneen keessatti muuxannoo baay&#8217;een argameera. Muxannoo ciminaan ilaalaman keessaa inni guddaan filannoon sirna mootummaa fudhatamummaa qabu ijaaruf oolee jira. Filannoolee darban keessaa banaaleen jiran hedduun immoo dhimmi filannoo abbaantummaa uummataa kan hin mirkanessine ta&#8217;udha. Adeemsa filannoo keessatti sochiileen paartiin aangoorra turees ta&#8217;ee paartilee moorkattootaa kanneen gahe uummataa kan giddugaleeffate hin turre. Abbaantummaan aangoo olaanaa biyyattii uummata ta&#8217;uun isaa yeroo dagatamutu ilaalamaa tureera. Yaadniifi feedhii uummataa osoo dhaggeefatamu qabu, &#8220;aanatu siif beekaatu&#8221; caalaa ture. Mirgaafi dandeetti uummataa, mootummaa ijaarufis ta&#8217;e mootummaa jijjiiruf qabu gadi xiqqeessanii ilaalutu ture. Aangoon mootummaa uummata tajaajiluf, feedhiifi faayidaa uummataa eegsisuf kan ooludha. Aangoon mootummaa gareefi saba tokkoof kan oolu miti.<\/p>\n<p>Mootummaan biyya tokkoo, mootummaa lammilee hundaa biyyattiiti. Kana jechuun mootummaan biyya tokkoo lammilee hundaan kan filatamedha jechuu miti. Mootummaan biyya tokkoo paartii sagalee caalmaa argateen kan ijaaramudha. Paartiin sagalee caalmaa argate mootummaa lammilee isa filatanis ta&#8217;e isa hin filanne hundaati. Kun yaadrimeefi hojjira oolmaa fillannoo waliigalaa biyya tokkooti. Bu&#8217;uura kanaan abbaantummaan fillannoo waliigalaa biyya tokkoo kan uummata bal&#8217;aa biyyattiiti. Filannoo waliigalaa biyya tokkoof hirmaannaan uummataa gahee bakka hin buune qaba.<\/p>\n<p>Gaheen mootummaa inni xiqqaafi inni jalqabaa adeemsa filannoo keessatti nageenya uummataa tiksuudha. Itoophiyaan filannoo waligalaa 7ffaa taasiftuf hojileen hojjetaman hedduudha. Gama boordii filannoo biyyaatinis ta&#8217;e gama mootummaan hojileen hojjetaman hedduudha. Kun baajataa mootummaafi yeroo hojii hedduu kan gaafatedha. Hojileen kunneen gahee filannoon waliigalaa mootummaa fudhatamummaa qabu ijaaruf qabu kan giddugaleffatedha. Adeemsa filannoo kana keessatti abbaantummaa uummaataa mirkaneessuuf ammas dhimma caalmaan hojjetamuu qabudha. Filannoon waligalaa fedhii uummataa mirkaneessuf oolu qaba. Adeemsa filannoo sadan keessaa dursi filanno xumuramuuf guyyootni hafan xiqqaadha. Guyyaan filannoo dhihaateera. Guyyaan kun guyyaa murtoo uummataa ittiin ibsamudha. Yeroon filannoo boodas dhimma ummataan xiyyefannoon ilaalamudha.<\/p>\n<p>Adeemsa filannoo hunda keessatti uummatni abbaantummaa guddaa qaba. Filannoon waliigalaa abbaantummaa uummataa mirkanessee mootummaa fudhatamummaa qabuufi birmadummaa biyyaa tiksu ijaaruuf dandeessisa.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Barbaachisummaan filannoo waliigalaa biyya tokkoo mootummaa fudhatamummaa qabu ijaarudha. Biyyi tokko birmadummaanshe eegameefi dhageeti idil-addunyaa qabaattee jiraachuuf barbaachisan keessaa tokko mootummaa fudhatammummaa argate qabaachudha. Mootummaan fudhatamummaa qabu kan ijaaramu filannoo waligalaa madaallii buu&#8217;uraalee filannoo guttate aangoo qabatedha. Biyyi uummataafi daangaa qabdu qoofti akka biyyaatti hin ilaalamtu. Mootummaan fudhatamummaa qabu jiraachuun dirqamadha. Kunis birmadummaa biyyaa ni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6015,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6014"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6014"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6014\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6016,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6014\/revisions\/6016"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6015"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6014"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6014"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6014"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}