{"id":6023,"date":"2026-05-23T08:46:38","date_gmt":"2026-05-23T08:46:38","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6023"},"modified":"2026-05-23T08:46:38","modified_gmt":"2026-05-23T08:46:38","slug":"gareen-hordoffii-boordichaan-bobbaafame-gabaasa-dhiheesse","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/gareen-hordoffii-boordichaan-bobbaafame-gabaasa-dhiheesse\/","title":{"rendered":"Gareen Hordoffii Boordichaan  Bobbaafame Gabaasa Dhiheesse"},"content":{"rendered":"<p>Gareen hordoffii boordii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan boobbaafame Filannoo Haala Nageenyaa Naannolee Filannoo Waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu ilaalchisee gabaasa bal\u2019aa dhiheesseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBoordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Amajjii 25 bara2018 haala nageenyaa naannolee filannoon waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu irratti miseensonni boordii shanan, bulchitoonni naannoleefi kantiibaa magaalotaa, hoggantoonni dhaabbilee nageenya federaalaafi naannoo, dhaabbilee siyaasaafi bakka bu\u2019oonni dhaabbilee hawaasa siivikii hirmaachisuun yeroo adda addaatti qooda fudhattoota waliin marii garagaraaa geggeessaa tureera.<\/p>\n<p>Amajjii 25 bara 2018 boordii kun, odeeffannoo mootummoota naannoleefi bulchiinsa magaalotaa akkasumas dhaabbilee nageenyaa irraa walitti qabame irratti hundaa\u2019uun haala nageenyaa magariisa, keelloofi diimaan ramadame agarsiisu irratti hundaa\u2019uun, qooda fudhattoota waliin mari\u2019achuu bira darbee Bitootessa 28 bara 2018 gareen hordoffii paartilee siyaasaa, jaarmiyaalee hawaasa siivikiifi boordiin of keessaa qabu ijaaramee haala nageenyaa qabatamaafi haala siyaasaa naannolee sana hordofee gabaasicha irratti, gabaasa nageenyaa qaamoleen mootummaa dhiheessan waliin garaagarummaa adda baasuun akka ture ni beekama. Gareen hordoffii kun hordoffii isaa erga gaggeessee booda Caamsaa 6 bara 2018 gabaasa isaa boordiifi qooda fudhattootaaf ifatti dhiheesseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWaltajjicharratti walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu filannoon dura hojiilee hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisanii, dhaabbilee hawaasa siiviilii\u00a0 hojii taajjabbii filannoo irratti bobba\u2019aniif beekamtii kennuun hojii tokko akka ta\u2019e kaasaniiru.<\/p>\n<p>Hirmaannaan taajjabdootaa iftoomina, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa filannichaaf murteessaa akka ta\u2019e eeruun, adeemsa galmee filattootaa hordofee dhaabbiilee hawaasa siiviilii\u00a0 filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeessan galateeffataniiru. Dhaabbileen hawaasa siiviilii filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeesssuun isaanii sirni filannichaa ammayyaa\u2019uufi dimookiraatawaa akka ta\u2019uuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Tumsi kun hiikkaa kan qabaatu seera hordofuun wayita hojjetamu ta\u2019uu ibsuun, waltajjiin kunis hammattoo seera filannoo, qajeelfama taajjabdootaafi adeemsa filannoo waliigalaa irratti hubannoo uumuuf akka ta\u2019e hubachiisaniiru. Waltajjiin kun dhaabbilee kanaan dura taajjabbii filannoo irratti hirmaatanii beekaniifi xiyyeeffannoo olaanaan akka taajjabaniif, warreen haaraa galmaa\u2019aniif ammoo hubannoo uumuuf yaadamee qophaa\u2019uu ibsuu isaanii ragaan Boordicharraa argame ni mul\u2019isa.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gareen hordoffii boordii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan boobbaafame Filannoo Haala Nageenyaa Naannolee Filannoo Waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu ilaalchisee gabaasa bal\u2019aa dhiheesseera. \u200e \u200eBoordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Amajjii 25 bara2018 haala nageenyaa naannolee filannoon waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu irratti miseensonni boordii shanan, bulchitoonni naannoleefi kantiibaa magaalotaa, hoggantoonni dhaabbilee nageenya federaalaafi naannoo, dhaabbilee siyaasaafi bakka bu\u2019oonni dhaabbilee hawaasa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6024,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6023"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6023"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6023\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6025,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6023\/revisions\/6025"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6024"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6023"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6023"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6023"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}