{"id":6026,"date":"2026-05-23T08:48:56","date_gmt":"2026-05-23T08:48:56","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6026"},"modified":"2026-05-23T08:48:56","modified_gmt":"2026-05-23T08:48:56","slug":"fooramiin-nageenyaafi-tasgabbii-naannawaa-gaanfa-afriikaa-jigjigaatti-adeemsifame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/05\/23\/fooramiin-nageenyaafi-tasgabbii-naannawaa-gaanfa-afriikaa-jigjigaatti-adeemsifame\/","title":{"rendered":"Fooramiin Nageenyaafi Tasgabbii Naannawaa  Gaanfa Afriikaa Jigjigaatti Adeemsifame"},"content":{"rendered":"<p>Naannoo Somaalee, magaalaa Jigjigaa keessatti fooramiin naannawaa nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Fooramiin kun mata-duree, \u201cGaanfa Afriikaatti Nageenya Waaraa Mirkaneessuufi Hariiroo Naannawaa Cimsuu\u201d jedhuun adeemsifameera. Hoggantoota mootummaa olaanoo biyyoota naannawichaa walitti fiduu ibsameera. Waltajjicharratti Af-yaa\u2019iin Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa Taaggasee Caafoofi Af-yaa\u2019iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar, dabalatee mootummaa federaalaafi naannolee irraa hooggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMariin taasifameen nageenyaafi tasgabbii naannolee cimsuu, daldala daangaa ce\u2019uufi walitti-hidhamiinsa diinagdee guddisuurratti xiyyeeffateera. Akkasumas qormaatilee nageenyaa walxaxaa ta\u2019an irratti furmaata waaraa fiduufi mootummaa naannolee gidduutti hojii waloo cimsuun akka barbaachisu irratti mari\u2019ataniiru. Fooramichi rakkoolee yeroo dheeraaf Gaanfa Afriikaa keessatti dhalootarraa dhalootatti ce\u2019aa turan furuuf, qindoomina mootummaa naannoolee cimsuufi haala yeroo ammaa giddu-galeessa godhateen furmaata haaraa irratti hojjechuun murteessaa akka ta&#8217;uuf mari&#8217;atameera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMinisteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka beeksisetti, mootummaa Itoophiyaa yaadama \u201cIda\u2019amuu\u201d jedhu, kan Ministira Muummee Abiy Ahmad (Dr) irratti hundaa\u2019e hojii irra oolchuun, walitti-hidhamiinsa naannawaa saffisiisuufi hojii daldala bilisaa Afriikaa cimsuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jiraachuun ibseera.<br \/>\n\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Naannoo Somaalee, magaalaa Jigjigaa keessatti fooramiin naannawaa nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Fooramiin kun mata-duree, \u201cGaanfa Afriikaatti Nageenya Waaraa Mirkaneessuufi Hariiroo Naannawaa Cimsuu\u201d jedhuun adeemsifameera. Hoggantoota mootummaa olaanoo biyyoota naannawichaa walitti fiduu ibsameera. Waltajjicharratti Af-yaa\u2019iin Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa Taaggasee Caafoofi Af-yaa\u2019iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar, dabalatee mootummaa federaalaafi naannolee irraa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6027,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6026"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6026"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6026\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6028,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6026\/revisions\/6028"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6027"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6026"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6026"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6026"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}