{"id":6040,"date":"2026-06-07T12:49:02","date_gmt":"2026-06-07T12:49:02","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6040"},"modified":"2026-06-07T12:49:02","modified_gmt":"2026-06-07T12:49:02","slug":"filannoo-waliigalaa-7ffaa-gaggeeffameen-itoophiyaan-injifatteetti-mana-maree-waloo-paartilee-siyaasaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/07\/filannoo-waliigalaa-7ffaa-gaggeeffameen-itoophiyaan-injifatteetti-mana-maree-waloo-paartilee-siyaasaa\/","title":{"rendered":"&#8220;Filannoo  Waliigalaa 7ffaa Gaggeeffameen Itoophiyaan Injifatteetti&#8221;, Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa"},"content":{"rendered":"<p>Filannoon Waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame haala nagaa, bilisaafi haqa qabeessummaa qabuun gaggeeffamee xumurameera. Filannichi lammiileen dhiibbaa tokko malee sagalee isaanii bilisaan akka kennatan taasiseera. Adeemsi kunis dimokiraasii biyyattii keessatti jajjabina guddaa agarsiiseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eFilannoon kun dirree siyaasaa bal\u2019isuun paartileen siyaasaa dorgoman yaada isaanii iftoominaan akka waljijjiiran kan taasise yoo ta\u2019u, mootummaa filatame irratti amantaa uummataa cimsuun itti gaafatamummaa dabaleera. Cee\u2019umsi aangoo karaa nagaa ta\u2019uun, hirmaannaan lammiilee akka dabalu, mirgoonni namoomaafi duudhaaleen dimokiraasii akka kabajaman taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuun ibsameera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBulchaan Olaanaa Naannoo\u00a0Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, filannichi karaa\u00a0 nagaa, diimokiraatawaafi haqa qabeessa ta&#8217;een xumuramuu ibsaniiru.\u00a0\u00a0\u00a0 Filannoon kun muuxannoo diimokiraasii biyyattii keessatti babal&#8217;isuun Itoophiyaa gara sirna mootummaa hirmaachisaafi nageenya irratti hundaa\u2019eetti tarkaanfachiisu keessatti gahee guddaa qabaachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Tokkummaan biyyaalessaa cimuun sabaafi sablammoonni hundi carraa walqixa akka argatan gochuun hirmaannaa isaanii mootummaa keessatti qaban dabaluus ibsaniiru. \u200eFilannoo Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame ilaalchisee, taajjabdoonni idil-addunyaafi Gamtaan Afrikaa akkasumas IGAD adeemsa filannoo milkaa\u2019aafi diimokiraatawaa ta\u2019uu isaa mirkaneessaniiru.<br \/>\nFilannoo<\/p>\n<p>Dursaan garee taajjabaa filannoo, Gamtaa Afrikaa, Pireezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaan garee taajjabdootaa IGAD waliin ta\u2019uun gabaasa filannoo dhiyeessaniiru. Filannichi milkaa\u2019inaan xumuramuu isaatiin Itoophiyaanonni boonuu akka qaban ibsaniiru. Uummanni Itoophiyaa seenaa cululuqaa kana bara baraan yaadachuu qabas jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eManni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, filannoon waliigalaa 7ffaa ulaagaalee hundaan Itoophiyaan akka injifattuu kan taasise, seenaafi haala nagaa qabuun xumuramuu ibsaniiru. Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa obbo Salamoon Ayyalee, adeemsi filannichaa jalqaba irraa kaasee Paartilee Siyaasaa hedduu hirmaachisuufi dorgommii falmii yaadaa\u00a0 keessumsiisuun kan raawwatamedha jedhaniiru.Filannichi milkaa&#8217;ina, haala nagaafi dimokiraatawaa ta&#8217;een akka xumuramuuf manni marichaa qindoominaafi kutannoon hojjechaa akka ture beeksisaniiru<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWalitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluu, adeemsi sagalee kennuu gaggeeffamaa ture milkaa\u2019inaan xumuramuu ibsaniiru. Boordichi komiiwwan garaagaraa keessummeessaa akka tureefi tarkaanfii sirreeffamaa kennuu ibsaniiru. Boordichi akka ibseetti, koomiwwaan furmaata hin argannee hiikuuf odeeffannoo walitti qabuufi qulqulleessaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Filannoon Waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame haala nagaa, bilisaafi haqa qabeessummaa qabuun gaggeeffamee xumurameera. Filannichi lammiileen dhiibbaa tokko malee sagalee isaanii bilisaan akka kennatan taasiseera. Adeemsi kunis dimokiraasii biyyattii keessatti jajjabina guddaa agarsiiseera. \u200e \u200eFilannoon kun dirree siyaasaa bal\u2019isuun paartileen siyaasaa dorgoman yaada isaanii iftoominaan akka waljijjiiran kan taasise yoo ta\u2019u, mootummaa filatame [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6041,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6040"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6040"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6040\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6042,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6040\/revisions\/6042"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6041"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6040"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6040"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6040"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}