{"id":6053,"date":"2026-06-07T13:03:51","date_gmt":"2026-06-07T13:03:51","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6053"},"modified":"2026-06-07T13:03:51","modified_gmt":"2026-06-07T13:03:51","slug":"biyya-ofiitti-hojjetanii-jijjiiramuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/07\/biyya-ofiitti-hojjetanii-jijjiiramuu\/","title":{"rendered":"Biyya Ofiitti Hojjetanii Jijjiiramuu"},"content":{"rendered":"<p>Godaansi karaa seeraan alaa raawwatamu yeroo hedduu balaafi rakkoo cimaaf nama saaxila. Keessumaayyuu dargaggoonni hojiifi jireenya fooyya\u2019aa barbaacha karaa seeraan alaa biyya isaanii irraa ba\u2019uun rakkoolee kanneen akka saamicha, dararaa, hidhaafi lubbuu dhabuutiif yeroo saaxilaman ni mul\u2019ata. Bulchiinsa Sablammii Oromoo, aanaa Baateetti mootummaan godaantota seeraan alaa biyya irraa bahanii deebi\u2019an simachuun, deeggarsa gochuufi biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuun akka danda\u2019amu hubannoo uumuu irratti hojjechaa jira. Aanicha keessattis carraa hojii uumuu, leenjii kennuufi hojii dhuunfaa keessatti hirmaachisuun dargaggootaaf abdii haaraa uumamaafi jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraattuu aanaa Baatee ganda Mahaammad, Zahaabuu Huseen, karaa seeraan alaa biyya irraa baatee turuu ishee kaasun, yeroo sana jireenya fooyya&#8217;aa argadha jettee yaadaa turuu ishee dubbatteetti. Garuu rakkoo, dararaafi sodaa hedduu keessa darbuu kaasteetti.\u00a0 Godaansi seeraan alaa jijjiiramuuf furmaata akka hin taane eerun, biyya ofii keessatti hojjetanii jijjiramuun akka danada&#8217;amu himteerti. &#8220;Amma gara biyyatti deebi&#8217;uun deeggarsa mootummaafi hawaasaatiin hojii dhuunfaakoo jalqabee hojjechaan jira&#8221; jechuun kan dubbatte jiraattun tun dargaggoonni biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuu abdii isaanii godhachuun, carraa hojii jiru akka fayyadamaniifi karaa seeraan alaa biyyaa bahuurraa akka of qusatan gorsiteetti.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDargaggoo Jamaal Muhee jiraataa aanaa Baatee ganda Mahaammadiiti. Waggoota muraasa dura jireenya fooyya&#8217;aa barbaachaaf jecha karaa seeraan alaa biyya irraa bahuu isaa kaaseera. Yeroo sana biyya alaa deemuun rakkoo koo hunda naaf fura jechuun yaadee ture\u00a0 kan jedhu dargaggoon kun, garuu imalli koo akkan yaade hin turre jedheera. Rakkoo hedduu beela, dheebuu, sodaa, dararaafi rakkoo garaagaraaf akka saaxilame ibseera. Boodas gara biyyaatti deebi&#8217;uun hawaasa naannoo isaatiin simannaan taasifamuufi isaatti baay&#8217;ee gammaduu dubbateera. \u00a0Gorsaafi deeggarsa waajjirri hawaasummaa, dubartootaafi daa&#8217;immaniitin isaaf taasifameen hojii dhuunfaa jalqabuun hojii dhuunfaa isaa hojjechaa jiraachuu eerera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e&#8221;Har&#8217;a maatii koo waliin jiraachuun koo gammachuu guddaa naaf kenneera&#8221; jechuun dubbateera. Dargaggoon kun akka jedheetti, dargaggoonni jireenya fooyya&#8217;aa barbaaduun gaariidha; garuu karaa seeraan alaa biyya dhiisuun furmaata akka hin taane ibseera. &#8220;Biyya keessatti carraa hojii jiru fayyadamuun, hojii uumachuuniifi ciminaan hojjechuun jijjiirama dhugaa fiduu danda&#8217;a&#8221; jechuun dargaggoota biroof ergaa qabu dabarseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti gaafatamtuun waajjira Hawaasummaa, Dubarootaafi Daa&#8217;immanii aanaa Baatee, Aadde Zahaaraa Saanii, akka waajjira isaaniitti godaantota seeraan alaa biyyoota adda addaa irraa deebi\u2019an simachaa jiraachuu ibsaniiru. Godaansi seeran alaa rakkoowwan hawaasummaa, dinagdeefi xiinsammuu akka nama miidhu kaasun, isaanis tajaajila simannaa, gorsa xiinsammuufi deeggarsa barbaachisaa ta\u2019e ni kennina jedhaniiru. Akka waajjira isaanittis hawaasa waliin qindoomun namoonni kunneen hawaasa isaaniitti akka deebi\u2019anii makaman, hojii isaanii akka eegalaniifi jireenya idilee isaanii akka itti fufan irratti hojii bal\u2019aa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru. Keessumaayyuu dargaggoonni baay&#8217;een jireenya fooyya\u2019aa barbaaduf jecha karaa seeraan alaa biyya gadhiisanii deemuun furmaata waaraa akka hin taane ibsuun, isaanis dhimma kanarratti yeroodhaa gara yerootti leenjii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiran kaasaniiru. Jijjiiramni dhugaan biyya keessatti hojjechuun, carraa jiru fayyadamuun hojii uumachuun biyya keessatti hojjetanii jijjirramuun akka danda&#8217;amu gorsaniiru. &#8220;Godaantonni biyya alaarraa deebi\u2019an hojii waaraa akka qabaataniif mootummaafi dhaabbilee deeggartoota waliin qindoomuun carraa hojii adda addaa uumuu irratti hojjechaa jirra&#8221; jedhaniiru. Akka aanichaatti namoonni baay\u2019een deebi\u2019anii hojii dhuunfaa jalqabanii of danda\u2019anii jiraachuu eegalus kaasaniiru. &#8220;Gara fuulduraatti hojii hubannoo uumuufi carraa hojii babal\u2019isuun irratti ciminaan hojjechuuf karoorfanneerra&#8221; jedhaniru. Dhumarrattis godaansi seeraan alaa yaaddoo hawaas-diinagdeefi nageenya biyya keessaafi alaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa waan jiruuf, mootummaan, dhaabbilee hawaasaafi maatiin waliin ta\u2019uun hubannoo uumuu, carraa hojii biyya keessaa babal\u2019isuufi gorsa sirrii kennuun tattaaffii godaansa seeraan alaa taasifamu ittisuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Godaansi karaa seeraan alaa raawwatamu yeroo hedduu balaafi rakkoo cimaaf nama saaxila. Keessumaayyuu dargaggoonni hojiifi jireenya fooyya\u2019aa barbaacha karaa seeraan alaa biyya isaanii irraa ba\u2019uun rakkoolee kanneen akka saamicha, dararaa, hidhaafi lubbuu dhabuutiif yeroo saaxilaman ni mul\u2019ata. Bulchiinsa Sablammii Oromoo, aanaa Baateetti mootummaan godaantota seeraan alaa biyya irraa bahanii deebi\u2019an simachuun, deeggarsa gochuufi biyya keessatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6054,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6053"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6053"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6053\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6055,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6053\/revisions\/6055"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6054"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6053"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6053"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6053"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}