{"id":6056,"date":"2026-06-07T13:05:22","date_gmt":"2026-06-07T13:05:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6056"},"modified":"2026-06-07T13:05:22","modified_gmt":"2026-06-07T13:05:22","slug":"sirna-rakaboot-duudhaa-wal-dhabdee-hiikuufi-nagaa-buusuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/07\/sirna-rakaboot-duudhaa-wal-dhabdee-hiikuufi-nagaa-buusuu\/","title":{"rendered":"Sirna Rakaboot: Duudhaa Wal-dhabdee  Hiikuufi Nagaa Buusuu"},"content":{"rendered":"<p>Wal-diddaafi walitti bu\u2019iinsi wantoota uumamaan jiran keessaa tokkodha. Qaama hawaasaa kamiyyuu keessatti gareewwan, maatiiwwaniifi namoota dhuunfaa gidduutti walitti bu\u2019iinsi uumamuu ni danda\u2019a. Hawaasnis walitti bu\u2019iinsa hir\u2019isuufi hiikuuf maloota aadaa garaagaraatti fayyadama. Sirnoonni aadaa kunneen walitti bu\u2019iinsi akka hin babal\u2019anne ittisuun, kan miidhame gargaaruun, kan miidhe adabuun, akkasumas kan wal-lolan araarsuun nageenya buusuu keessatti shoora olaanaa qabu. Hawaasa Bulchiinsa Sablammii Oromoo biratti duudhaalee aadaa wal-dhabdee hiikuuf tajaajilan keessaa tokko sirna \u201cRakaboot\u201d dha. Sirni Rakaboot dhaloota haaraafi aadaa Oromoo walitti fiduuf gahee olaanaa qaba. Sirni Rakaboot sirna aadaa araaraa jedhamuunis ni beekama. Kunis namoonni dhuunfaas ta\u2019e gareedhaan yeroo wal dhabanitti rakkoo gidduu isaanii jiru karaa aadaatiin hiikuudha.<\/p>\n<p>\u200eJiraataan Magaalaa Kamisee Sheeh Anuwaar Mahaammad, sirni Rakaboot seenaafi aadaa dhalootaa irraa dhalootatti darbaa nu bira ga\u2019eedha jedhaniiru. Sirni kun hawaasa keessatti nageenya tiksuufi wal-dhabdee hawaasaa hiikuuf gahee guddaa akka qabu dubbataniiru. Akka sirna kanaatti, namoonni yeroo wal dhaban dhimma irratti wal dhaban sun yoo salphaa ta\u2019e karaa jaarsummaatiin akka araaraman, dhimmichi jaarsummaan xumuramuu yoo dadhabe immoo sirna Rakabootiin akka araaraman ibsaniiru. Jiraataan kun akka jedhanitti, sirna kana keessatti namoota wal dhaban lamaan wabii waamsisuun, isa miidheefi isa miidhame adda baasuun sirni araaraa maanguddoota Rakabootiin gaggeeffama. Hawaasni yeroo wal lolanii araaraman haaloo akka walitti hin qabanneef akka gargaaru kaasaniiru. Kanaaf sirni kun hawaasa keessatti baay\u2019ee jaalatamaa akka ta\u2019e eeruun, aadaan jaalatamaan kun hawaasni sirnaan akka itti fayyadamuuf mootummaanis deeggarsa akka taasisaa jiru dubbataniiru.<\/p>\n<p>Maanguddoo \u00a0Jamaal Mahaammad, sirna araaraa kana keessatti sadarkaa wal-dhabdee isaanii irratti hundaa\u2019uun murteen garaagaraa namoota wal dhaban irratti fudhatama. Wal-dhabdeen kun yoo arrabsoo qofaan walitti darbuu ta\u2019e jaarsummaan kan xumuramu yoo ta\u2019u, miidhaan qaamaa yoo irra ga\u2019e garuu namni miidhe haala miseensonni Rakaboot ajajan irratti hundaa\u2019uun horii qalmaa bitee isa miidhameef kennuun akka araaramu ibsaniiru. Namni yakka ajjeechaa raawwate immoo laga torba ce\u2019ee akka baqatu dubbataniiru. Erga baqatee laga torba ce\u2019ee booda maatiin isaa maanguddootaafi Rakaboot waammachuun gara warra miidhameetti sirna araaraaf akka deeman kaasaniiru. Kana booddes karaa sirna kanaatiin adeemsi araaraa akka xumuramu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAbbaan Gadaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Ahmad Jawaar, sirni Rakaboot durii eegalee abbootiin isaanii itti fayyadamaa kan turaniifi isaanis abbootii isaanii irraa kan dhaalan ta\u2019uu dubbataniiru. Namoota wal dhaban keessaa qaamota seeraafi mana sirreessaa keessa jiranillee sirna kanaan walitti fiduun isa miidhe adabanii, isa miidhame immoo gargaaranii kan araarsan ta\u2019uu dubbataniiru. Sirni araaraa kun namoota dhuunfaafi garee qofa osoo hin taane, sabaafi saba gidduuttis araara buusaa turuu kaasaniiru. Namoonni sirna kanaaf ajajamuu didan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan eeran Abbaan Gadaa kun, tarkaanfiiwwan kunneenis adabbii maallaqaa irraa eegalee hanga biyya irraa baasuutti murtoon irratti kan fudhatamu ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAbbaan Gadaa kun akka jedhanitti, Oromoo Walloo biratti namni lammii isaa ajjeese bakka jireenya isaa irraa baqatee fagaachuu qofa osoo hin taane, sirna Rakabootiin erga araaramee boodas kabajni hawaasa keessatti qabu gadi aanaa ta\u2019a. Keessumaa harka mirgaatiin nyaachuun, teessoo irratti nama waliin taa\u2019uun, meeshaa namni ittiin nyaateefi ittiin dhuge irraa fayyadamuun akka seera Rakabootitti kan hin eeyyamamne ta\u2019uu dubbataniiru. Kunis hawaasni nagaafi jaalalaaf iddoo guddaa akka kennu kan agarsiisu ta\u2019uu ibsaniiru. Erga namni yakka ajjeechaa raawwate baqatee booda firri isaa walitti qabamuun maatii isa miidhameef gumaa kaffalu. Sana booda isa miidhe biyyaa baqate gara manaatti deebisuun sirna kakuu qaamota lamaan gidduutti raawwachiisuun akka walitti hin deebineetti akka araarsan himaniiru. Sirni araaraa kun erga xumuramee booda maatiin gama lamaaniyyuu akkuma duraanitti deebi\u2019anii waliin akka jiraatan dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nWaajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Abbaan Adeemsa Kunuunsa Hambaa, Mahaammad Ahmad akka jedhanitti sirni Rakaboot aadaafi duudhaa uummata Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Sirni kun hawaasni, maatiinifi hiriyoonni yeroo wal dhaban sirna ittiin araara guutuu buusan ta\u2019uu kaasaniiru. Aadaafi duudhaan akkanaa hawaasa keessa jiraachuun namoonni osoo mana murtii deemanii baasiif hin saaxilamin haala salphaan akka araaraman kan gargaaru ta\u2019uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Yeroo ammaas mootummaan kana hubannoo keessa galchuun duudhaalee aadaa akkanaa jajjabeessaa jiraachuu dubbataniiru. Akka bulchiinsichaatti sirni Rakaboot manneen murtii aadaa keessaa tokko ta\u2019ee hanga gandaaatti beekamtii guutuu argatee jiraachuu ibsaniiru. Kana malees manneen murtii aadaa biroo waliin yeroo garaagaraatti leenjiin kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Sirni aadaa kun gara dhaloota itti aanuutti akka darbuuf hojiiwwan sirnaawaa irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Dhaloonni ammaas duudhaa kana beekee itti fayyadamuun nageenyafi tokkummaa hawaasaa cimsuu akka qaban dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Wal-diddaafi walitti bu\u2019iinsi wantoota uumamaan jiran keessaa tokkodha. Qaama hawaasaa kamiyyuu keessatti gareewwan, maatiiwwaniifi namoota dhuunfaa gidduutti walitti bu\u2019iinsi uumamuu ni danda\u2019a. Hawaasnis walitti bu\u2019iinsa hir\u2019isuufi hiikuuf maloota aadaa garaagaraatti fayyadama. Sirnoonni aadaa kunneen walitti bu\u2019iinsi akka hin babal\u2019anne ittisuun, kan miidhame gargaaruun, kan miidhe adabuun, akkasumas kan wal-lolan araarsuun nageenya buusuu keessatti shoora olaanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6057,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6056"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6056"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6056\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6058,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6056\/revisions\/6058"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6057"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6056"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6056"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6056"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}