{"id":6065,"date":"2026-06-07T13:09:59","date_gmt":"2026-06-07T13:09:59","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6065"},"modified":"2026-06-07T13:09:59","modified_gmt":"2026-06-07T13:09:59","slug":"waraanni-bahaa-giddu-galeessaa-dhi-ibbaa-daaimman-afrikaa-irratti-uume","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/07\/waraanni-bahaa-giddu-galeessaa-dhi-ibbaa-daaimman-afrikaa-irratti-uume\/","title":{"rendered":"Waraanni Bahaa Giddu Galeessaa Dhi ibbaa Daa\u2019imman Afrikaa Irratti Uume"},"content":{"rendered":"<p>Sababa waraana Bahaa Giddu Galeessaatiin baasiin olaanaa taasifamaa waan jiruuf Daa&#8217;imman Afrikaa Irratti Dhiibbaa Guddaa Uumeera. Waraanni Ameerikaafi Israa&#8217;el Iraan irratti taasisan gara guyyoota 100 &#8216;tti kan dhihaate yoo ta\u2019u, naannawicha bahuun baasii talaallii daa\u2019immanii Afrikaafi guutuu addunyaatti miidhaa jira jechuun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera. Cancalli dhiheessii gargaarsa namoomaa addunyaa irratti mudate daa\u2019imman addunyaa irra jiran baasii geejjibaa sadarkaa hundatti dabalaa jira, jechuun itti gaafatamaan loojistiksii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni Gargaarsa Daa\u2019immanii (UNICEF) Jaan Sederim Mewis dubbataniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Baasiin geejjibaafi loojistiksii qofti dhiibbaa guddaa qaba. Daandiiwwan jijjiiramaa galaanaa naannoo Keep of Good Hope amma yeroo geejjibaa torbaan lamaa hanga afuriitti dabalaa jira,&#8221; jechuun Mewis ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti kennaniin dubbataniiru. Daandiiwwan Baha Giddu Galeessaa irratti dandeettiin fe\u2019umsa qilleensaa cimee kan ture yoo ta\u2019u, dhiphinni buufata doonii Afrikaafi sanaa ol babal\u2019achaa jira\u201d jedhaniiru qondaalli UNICEF kun.<\/p>\n<p>Doolaarri dabalataa UNICEF geejjibaaf \u00a0baasu tokkoon tokkoon isaa doolaarri tokko dhiheessii daa\u2019immaniif oola. Baasiin geejjibaa dabaluu isaatiin dhiheessiin lubbuu baraaruu daa\u2019immanif barbaachisan geessuuf maallaqni xiqqaachuu jechuudha, kunis dhaabbilee akka UNICEF\u2019f haala balaa uumuufi hojiiwwan irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.<\/p>\n<p>\u201cBaasiin geejjiba qilleensarraan talaallii Hindii irraa gara Itoophiyaa, Naayijeeriyaafi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti geessu dhibbeentaa 50 hanga 70 dabaleera,\u201d jechuun Mewis ibsaniiru. Baasiin konkolaataa fe\u2019umsa nyaata yaalaaf itti fayyadamuuf qophaa\u2019eef oomishtoota Keeniyaa irraa gara Somaaliyaa, Sudaan Kibbaafi Koongootti dhibbeentaa 30n dabaluusaa eeraniiru.<\/p>\n<p>Haaluma wal fakkaatuun fe\u2019umsi galaanaa meeshaalee barnootaa Chaayinaa irraa gara Yamaniifi Mozaambiik geejjibsiisu dhibbeentaa 100 hanga 150 dabaleera. Naayijeeriyaa keessatti duula talaallii ittisa pooliyoo daa\u2019imman miliyoona 12 irratti xiyyeeffateef baasiin siriinjii jijjiiruuf bahu doolaara kuma 200 dabalataan dabaleera; kunis geejjibaa dhibbeentaa 56 &#8216;n dabaleera,\u201d jedhan qondaalli UNICEF kun.<\/p>\n<p>Maaliitti baajatni fe\u2019umsaa idil-addunyaa kurmaana jalqabaa keessa\u00a0 dhibbeentaa 36 dabaluun daballii guddaa agarsiisuu eeranii, baasiin dabaluu isaatiin UNICEF Maaliin filannoo baay\u2019ina dhiheessii ajajameefi baay\u2019ina daa\u2019imman yaalamuu danda\u2019an hir\u2019isuun ishee mudachuu dubbataniiru. Buufatni doonii Beeyiraa, Koonaakrii, Abidjaan, Daaresalaamiifi Mombaasaa hundi isaanii harkifannaa guddaaf saaxilamaa jiraachuu qondaalli kun ibsaniiru. Akka isaan jefhanitti biyyoonni lafaan marfamoo koriidaroota kanneen irratti hirkatan rakkoo hammaataaf saaxilamuu itti fufaniiru. Koriidariin Itoophiyaa-Jibuutii, karra gargaarsa namoomaa biyyattii isa guddaa ta\u2019e dhiibbaan daran dabalaa dhufeera.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sababa waraana Bahaa Giddu Galeessaatiin baasiin olaanaa taasifamaa waan jiruuf Daa&#8217;imman Afrikaa Irratti Dhiibbaa Guddaa Uumeera. Waraanni Ameerikaafi Israa&#8217;el Iraan irratti taasisan gara guyyoota 100 &#8216;tti kan dhihaate yoo ta\u2019u, naannawicha bahuun baasii talaallii daa\u2019immanii Afrikaafi guutuu addunyaatti miidhaa jira jechuun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera. Cancalli dhiheessii gargaarsa namoomaa addunyaa irratti mudate daa\u2019imman addunyaa irra [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6066,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6065"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6065"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6065\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6067,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6065\/revisions\/6067"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6066"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6065"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6065"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6065"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}