{"id":6084,"date":"2026-06-23T06:46:45","date_gmt":"2026-06-23T06:46:45","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6084"},"modified":"2026-06-23T06:46:45","modified_gmt":"2026-06-23T06:46:45","slug":"ragaan-taajjabdoonni-alaa-kennan-guddina-filannoo-biyya-keenyaatiif-gahee-olaanaa-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/23\/ragaan-taajjabdoonni-alaa-kennan-guddina-filannoo-biyya-keenyaatiif-gahee-olaanaa-qaba\/","title":{"rendered":"Ragaan Taajjabdoonni Alaa  Kennan Guddina Filannoo Biyya  Keenyaatiif Gahee Olaanaa Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, hirmaannaa lammiilee, paartilee siyaasaafi qaamolee nageenyaa tumsa taasisanii karaa nagaa, diimokiraasiifi iftoomina qabuun gaggeeffameera. Keessumaa immoo taajjabdoonni biyya keessaafi alaa adeemsa filannoo kana hordofuun iftoominaafi amanamummaa isaa cimsuuf hojii olaanaa hojjetaniiru. Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa irratti taajjabdoonni biyya keessaa akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa keessaa kanneen akka IGAD, Gamtaa Afrikaafi Gamtaan Awurooppaa hirmaataniiru. Hirmaannaa isaaniitiin adeemsi filannoo haqa qabeessa, iftoominaafi seera qabeessa turuu isaa mirkaneessaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eTaajjabdoonni kunneen filannoo waliigalaa irratti argamuun isaanii guddina filannoo biyya keenyaaf faayidaa olaanaa qaba. Taajjabdoonni alaa kanneen akka IGAD, Gamtaa Afrikaafi Gamtaan Awurooppaa biyyoota isaanii keessatti muuxannoo dheeraa filannoo hordofuufi madaaluu qabu. Muuxannoo isaanii kana Itoophiyaa keessatti hojii irra oolchuun ciminaalee jiran jajjabeessuufi hanqinoota mul&#8217;atan irratti qaamolee dhimmi ilaallatuuf yaada fooyya&#8217;insa kennaa turaniiru. Kunis guddina filannoo biyya keenyaa yeroo irraa gara yerootti akka fooyya&#8217;aa deemu taasiseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eTaajjabdoonni hojii isaanii guyyaa filannoo qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane,\u00a0 yeroo qophiin filannoo eegalu irraa kaasee hanga lakkoofsa sagaleefi labsii bu&#8217;aa filannootti hojii isaanii irratti argamu. Haala galmee filannoo, qophii buufataalee filannoo, adeemsa sagalee kennuu, eegumsa sanduuqa sagaleefi lakkoofsa sagalee hordofuun hojii taajjabdummaa isaanii milkeessaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Burraayyuu Obbo Baqqalaa Fufaa, &#8220;taajjabdoonni adeemsa filannoo irratti argamuun isaanii iftoominaafi amanamummaa filannicharra qabnu nuuf dabaleera&#8221; jedhaniiru. Bu&#8217;aa sagalee keenyaa dhaga&#8217;uuf hawwii guddaadhan eegaa jirra jedhaniiru. Yeroo filannoon qaamolee walaba ta\u2019aniin taajjabamutti bu\u2019aa filannoo irratti amanamummaan isaanii akka dabalu kaasaniiru. Kunis filannoo sirna dimokiraasii biyyattii cimsuuf gumaacha guddaa qabaachuu himaniiru. Filannoon itti aanu caalaatti iftoomaa, hirmaachisaafi amanamaa akka ta&#8217;uufis gaheen taajjabdootaa olaanaa ta&#8217;uu dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<\/p>\n<p>Koollejjii Barsiisota Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Barsiisaa Lamummaafi Amala Gaarii, barsiisaa Magarsaa Baayisaa, taajjabdoonni filannoo iftoominaafi amanamummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. &#8220;Adeemsi filannoo galmee filattootaa irraa eegalee hanga sagaleen lakkaa\u2019amee bu\u2019aan labsamutti hordofuudhaan hojiiwwan seeraan alaafi hanqinoota mudatan adda baasuun isaanii gumaacha guddina filannoo biyya keenya kan mirkaneessudha&#8221; jedhaniiru. Kunis qaamoleen filannoo raawwatan hojii isaanii haqa, iftoominaafi itti gaafatamummaa irratti hundaa\u2019anii akka hojjetan taasisuu eeraniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e&#8221;Keessumayyuu tajjabdoonni Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaafi IGAD filannicha irratti argamuun isaanii filannichi hawaasa biratti amanamummaa kan uumuufi boruu filannoo biyya keenyaaf agarsiiftuu guddaadha&#8221; jedhaniiru. Kana malees, argamuun taajjabdoota kanaa, uummanni bu\u2019aa filannoo irratti mootummaa amanuu akka danda\u2019u taasisuu dubbataniiru. &#8220;Yeroo filannoon gaggeeffamutti qaamolee walaba ta\u2019aniin hordofamuun, wal shakkiin ni hir\u2019ata&#8221; kan jedhan barsiisan kun, wal-dhabdeen filannoo boodaa uumamus ni xiqqaata jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Kanaaf taajjabdoonni filannoo guddina dimokiraasii, nageenya siyaasaafi mootummaa irratti amanamummaa uummataa cimsuu keessatti shoora olaanaa akka qaban himaniiru. Dura Taa\u2019an Garee Taajjabdoota Gamtaa Afrikaafi Pirezidaantiin mootummaa Keeniyaa duraanii Uhuruu Keniyaattaa, filannoon Itoophiyaa keessatti gaggeeffame mootummaafi uummanni biyyattii nageenya, mootummaa seeraafi dimokiraasii cimsuuf kutannoo qaban kan agarsiisedha jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti gaheen taajjabdootaa iftoominaafi amanamummaa filannoo cimsuu, bu\u2019aa filannoo irratti uummatni amantaa mootummaarraa qabu guddisuufi filannoowwan fuulduraa caalaatti fooyya\u2019anii akka gaggeeffamaniif gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Kunis guddina filannoo dimokiraasii Itoophiyaa keessatti shoorri taajjabdootaa olaanaa ta&#8217;uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, hirmaannaa lammiilee, paartilee siyaasaafi qaamolee nageenyaa tumsa taasisanii karaa nagaa, diimokiraasiifi iftoomina qabuun gaggeeffameera. Keessumaa immoo taajjabdoonni biyya keessaafi alaa adeemsa filannoo kana hordofuun iftoominaafi amanamummaa isaa cimsuuf hojii olaanaa hojjetaniiru. Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa irratti taajjabdoonni biyya keessaa akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa keessaa kanneen akka IGAD, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6085,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6084"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6084"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6084\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6086,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6084\/revisions\/6086"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6085"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6084"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6084"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6084"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}