{"id":6102,"date":"2026-06-23T07:02:12","date_gmt":"2026-06-23T07:02:12","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6102"},"modified":"2026-06-23T07:02:12","modified_gmt":"2026-06-23T07:02:12","slug":"gumaachi-misooma-koriidarii-guddina-turizimiitiif-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/06\/23\/gumaachi-misooma-koriidarii-guddina-turizimiitiif-qabu\/","title":{"rendered":"Gumaachi Misooma Koriidarii Guddina Turizimiitiif Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan qabeenya uumamaa, seenaa dheeraa, hambaa aadaafi amantii addunyaan beekaman hedduu qabdi. Yeroo dheeraaf garuu qabeenyi kun sadarkaa barbaadamuun misoomfamee fayyadamaa hin turre. Haala kana jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojiiwwan misooma koriidarii bal&#8217;aa hojjetamaa tureen turizimiin akka dagaaguf gumaacha olaanaa taasiseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMisoomni koriidarii daandiiwwan ammayyaa, iddoo magariisaa, paarkiiwwan, bakka bashannanaa, tajaajila geejjibaafi bu&#8217;uuraalee misoomaa biroo walitti hidhanii magaalota ammayyeessuufi hawwata daawwattootaa taasisuudha. Hojiiwwan kunneen miidhagina magaalaa qofaaf osoo hin taane, dagaagina turizimiifis gumaacha olaanaa qabu. Keessumaa Naannoo Amaaraa keessatti hojiiwwan misooma koriidarii yeroo dhiyoo asitti magaalota garaagaraatti hojjetamaniin qabeenyi turizimii naannichaa daran hawwataafi dhaqqabamaa taasisuu keessatti bu&#8217;aa qabatamaa agarsiisaa jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHojiin sosochii turiziimiif gumaacha olaanaa qabu misoomni koriidarii magaalaa Kamiseettis haala miidhagaa ta\u2019en adeemsifamaa jira. Obbo Ahmad Maammudee jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee ganda 03ti. Waggoota dhiyoo asitti misoomni koriidarii Magaalaa Kamisee keessatti gaggeeffamaa jiru bifa magaalattii jijjiiruun alatti guddina damee turizimiifis gumaacha guddaa taasisaa jira jedhaniiru. &#8220;Daandileen babal&#8217;ifamuu, miidhaginni magaalaa fooyya&#8217;uu, bakka bashannanaafi iddoowwan uummanni itti wal argu ijaaramuunn Kamiseen caalaatti hawwataa ta&#8217;aa jirti&#8221; jedhaniiru. Gara fuulduraattis magaalaan isaanii miidhaginaan faayamtee turistootaf iddoo hawwataa akka taatuf abdii qabna jedhaniru. Kunis haala amma eegaleen yeroo xumuramutti maagalattiin turistootaaf mijataa ta&#8217;uu akka dandeessu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nItti gaafatamaan Biiroo Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Naannoo Amaaraa, obbo Malkaamuu Tsaggaayee, misoomni koriidarii qabeenyaalee turizimii naannichaa daawwattootaaf dhaqqabamaafi hawwataa taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalota keessatti daandiiwwan ammayyaa, paarkiiwwan, bakka bashannanaafi tajaajilli turistootaa babal&#8217;achuun daawwattoonni yeroo dheeraa akka turan taasisaa jira jedhaniiru. Kunis galii damee turizimii guddisuun hojii uumuufi diinagdee naannichaa cimsuuf gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Naannoon Amaaraa qabeenya seenaa, amantiifi uumamaa hedduu qabaachuun isaa mootummaafi hawaasni misooma koriidariitiin deeggaramuun bu&#8217;aa olaanaa gama turizimiin akka argamsiisu danda&#8217;u dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, misoomni koriidarii hojii miidhagina magaalaa qofa osoo hin taane diinagdee, hawaasummaafi damee turizimii keessatti jijjiirama guddaa fiduuf kan kaayyeffate ta&#8217;uu dubbataniiru. Magaalotni hawwatoofi qulqulluu ta&#8217;an daawwattoota baay&#8217;ee simachuuf carraa akka uumuu kaasaniiru. Misoomni koriidarii hojjetamuun isaa iddoowwan turizimii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojii bal&#8217;aa hojjechaa jira jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eNaannoo Amaaraa qofa keessatti osoo hin taane guutuu biyyattiitti misoomni koriidarii hojjetamaa jiru turizimii Itoophiyaa haaromsuu keessatti shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Magaalota guguddoo keessatti hojiiwwan suphaa daandii, bakka bashannanaa, iddoowwan magariisummaa, daandii miilaafi qulqullina naannoo irratti hojjetaman fuullee biyyattii jijjiiruun daawwattootaaf mijataa taasiseera jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Muummichi Ministiraa Abiy Ahmad (Dr) yeroo adda addaatti akka ibsanitti, misoomni koriidarii magaalota biyyattii gara giddugala daldalaafi turizimiitti jijjiiraa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa yeroo hojii misooma koriidarii Magaalaa Baahir Daar daawwatan, magaalattiin giddugala daldalaafi turizimii cimaa ta&#8217;aa jiraachuu ibsaniiru. Muummichi ministiraa akka jedhanitti, misoomni koriidarii qabeenya uumamaafi seenaa naannolee gara carraa dinagdeetti jijjiiruuf ni gargaara. Hojiiwwan naannawaa Haroo Xaanaatti hojjetaman haroo kana bakka bashannanaafi hawwata turistootaa caalaatti mijataa akka ta&#8217;uuf gumaachi misooma koriidarii isa olaanaa ta&#8217;uus kaasaniiru. Daandiiwwan, paarkiiwwanfi buufattoonni geejjibaa haaraan ijaaraman daawwattoonni tajaajila gaarii akka argatan taasisuu kaasaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMootummaa federaalaatiin hojiiwwan misoomaa akka maaddii dhalootaa pirojaktoonni biroo qabeenya turizimii biyyattii guddisuuf hojjetamaa akka jiran himaniiru. Pirojaktoonni kunneen qabeenya uumamaafi hambaa seenaa eeganii misoomsuun daawwattoota biyya keessaafi alaa hawwachuuf kan kaayyeffatanidha jedhaniiru. Magaalaa Addis Ababaa keessattis hojiiwwan misooma koriidarii bal&#8217;aan hojjetaman lakkoofsa daawwattootaa dabaluuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalaan Addis Ababaa yeroo ammaa giddugala hojii mootummaafi dippilomaasii qofa osoo hin taane, bakka bashannanaafi hawwata turistootaa ta&#8217;aa\u00a0 jiraachuu dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan qabeenya uumamaa, seenaa dheeraa, hambaa aadaafi amantii addunyaan beekaman hedduu qabdi. Yeroo dheeraaf garuu qabeenyi kun sadarkaa barbaadamuun misoomfamee fayyadamaa hin turre. Haala kana jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojiiwwan misooma koriidarii bal&#8217;aa hojjetamaa tureen turizimiin akka dagaaguf gumaacha olaanaa taasiseera. \u200e \u200eMisoomni koriidarii daandiiwwan ammayyaa, iddoo magariisaa, paarkiiwwan, bakka bashannanaa, tajaajila geejjibaafi bu&#8217;uuraalee misoomaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6103,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6102"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6102"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6102\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6104,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6102\/revisions\/6104"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6103"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6102"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6102"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6102"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}