{"id":6127,"date":"2026-07-07T15:00:05","date_gmt":"2026-07-07T15:00:05","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6127"},"modified":"2026-07-07T15:00:05","modified_gmt":"2026-07-07T15:00:05","slug":"meeshaaleen-qonnaa-ammayyaa-oomishtummaa-qonnaa-guddisuuf-gaee-qaban","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/meeshaaleen-qonnaa-ammayyaa-oomishtummaa-qonnaa-guddisuuf-gaee-qaban\/","title":{"rendered":"Meeshaaleen Qonnaa Ammayyaa Oomishtummaa Qonnaa Guddisuuf  Ga\u2019ee Qaban"},"content":{"rendered":"<p>Qonni utubaa diinagdee Itoophiyaa isa ijoodha. Jireenyi lammiilee Itiyoohiyaa harki caalaan qonna irratti hirkata. Haa ta\u2019u malee, yeroo dheeraaf hojiin qonnaa meeshaalee aadaa irratti hirkachuun oomishaafi oomishtummaa lafa irraa argamu daangeesse ture. Haala kana jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoon -kennuun qonna ammayyeessuun qonnaan bulaa gara fayyadamaa teknooloojii qonnaatti ceesisuuf hojii bal\u2019aan hojjetamaa jira. Meeshaaleen qonnaa kanneen akka tiraakteeraa, paampii bishaanii, kombaayieearotaafi meeshaaleen qonnaa ammayyaa biroon hojii qonnaa ammayyeessuu qofa osoo hin taane, oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabu.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Jiillee Dhummugaattis makaanaayizeeshinii qonnaa cimsuuf hojii bal\u2019aan hojjetamaa jira. Aanichatti meeshaalee qonnaa ammayyaa qonnaan bultootaaf karaa liqiifi qusannoottiin\u00a0 mootummaan, waajjirri Qonnaafi baankonni waliin qindoominaan dhiyeessaa jiru. Adeemsi kun qonnaan bultoonni hirmaannaa isaanii guddisuun meeshaalee kana fayyadamoo akka ta\u2019an taasisaa jira. Raabsi meeshaalee qonnaa ammayyaa adeemsa iftoominaafi haqa-qabeessa ta\u2019een gaggeeffamaa jira. Tiraakteroonni, motoroonni bishaaniifi meeshaaleen biroo qonnaan bultootaaf karaa liqiifi qusannoo mijataa ta\u2019een dhiyaachuun hojii qonnaa saffisiisuu, oomisha dabaluufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf bu\u2019uura ta\u2019aniiru.<\/p>\n<p>Obbo Indiris Ahamad Qonnaan bulaa meeshaalee qonnaa ammayyaa fayyadamaa jiranidha. \u201cMeeshaaleen qonna ammayyaa kunneen hojii qonnaa isaanii ammayyeessuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu kaasun, tiraakteerri hojii keenya salphisuu irraa kan ka\u2019e yeroo gabaabaa keessatti lafa bal\u2019aa qotuunis danda\u2019ameera,\u201d jedhan. Kunis oomishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.<\/p>\n<p>Obbo Aliyyii Muhee Aanaa Jiillee Dhummuugaatti namoota bara kana tiraakteera bifa liiqiifi qusannaatiin fudhatan keessaa isa tokkodha. Haalli dhiyeessii meeshaalee qonna ammayyaa, qonnaan bultootaaf taasifamaa jiru haala gaariirra kan jiru yoo ta\u2019u, karaa ifaafi bilisa ta\u2019een dabarfamee kennamaa kan jiru ta\u2019uu kaasaniiru. Haa ta\u2019u malee hojii raabsa kana keessatti qormaatileen tokko tokko akka mul\u2019atan obbo Aliyyiin eeraniiru. Kunis fedhiin qonnaan bultootaa dabalaa dhufus baay\u2019inni meeshaalee amma jiran guutummaatti gahaa ta\u2019uu dhabuu, hanqinni kutaa jijjiirraafi tajaajila suphaa yeroo tokko tokko mudachuu dubbatu. Kanaaf mootummaa, dhiyeessitoonniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu rakkoolee kana nuuf furuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Abdallaa Muusaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Jiillee Dhummuugaatti. Makaanaayizeeshinii qonnaa babal\u2019isuuf dhiyeessiin meeshaalee qonnaa ammayyaa murteessaa ta\u2019uu dubbatu. Isaanis hojii gama kanaan hojjechaa jiraniin bara kana qofa tiraakteroota qonnaa haaraan lama, motora bishaanii 12 gara aanaatti galchuun qonnaan bultoota biraan gahuu ibsaniiru. Ammas namoota saddeet hulaagaa guutaniif tiraakteroota afur ajajanii jiraachuu isaanii kaasaniiru.<\/p>\n<p>Meeshaaleen kunneen qonnaan bulaa bira ga\u2019uuf adeemsi filannoo fayyadamtootaa iftoominaafi haqaqabeessummaa irratti hundaa\u2019uun akka raawwatamu kaasaniiru. Haalli kun mootummaafi hawaasa gidduutti wal amantaa uumaa akka jirus dubbataniiru. Qonnaan bultoonni ulaagaalee kaa\u2019ame guutan filannoo isaanii dhiyeessuun haala ifaa ta\u2019een tajaajila akka argataniif waamicha taasisaniiru.<\/p>\n<p>Bakka bu\u2019aan dhiyeessaa meeshaalee qonnaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Suleemaan Hasan, meeshaaleen qonnaa ammayyaa kanneen akka tiraakteerotaa, paampiilee bishaaniifi meeshaaleen qonnaa biroo yeroo hojii hir\u2019isuun oomishtummaa guddisuuf gahee olaanaa akka qaban himaniiru. Haala yeroo waliin deemuufi diinagdee qonnaan bulaa guddisuuf immoo meeshaalee qonnaa ammayyaa fayyadamuun filannoo qofa osoo hin taane dirqama ta\u2019aa dhufuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Qonni ammayyaa teknooloojii malee bu\u2019aa barbaadamu fiduu hin danda\u2019u kan jedhan Obbo Suleemaan, mootummaan, abbootiin qabeenyaafi hawaasni walta\u2019uun qonnaan bulaaf meeshaalee ammayyaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>\u201dAkka bulchiinsichaatti, qonnaan bulaan maallaqa dursaa muraasa baankiitti qusachuun, walta\u2019iinsa Waajjira qonnaafi baankii gidduutti uumameen meeshaaleen qonnaa bifa liqiitiin rabsamaa jira, \u201c jedhan. Haaluma kanaan akka bulchiinsichaatti Tiraakteroonni qonnaa 60 ol qonnaan bulaa harka gahuun hojii qonnaarratti bobba\u2019uu ibsan.<\/p>\n<p>Kana malees motorawwan bishaanii lakkoofsan hedduu ta\u2019an qonnaan bulaaf rabsamuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Walumaagalatti, yeroo itti aanu keessatti hojii makaanaayizeeshinii qonnaa kana daran cimsuuf, rakkoolee dhiyeessiifi tajaajila boodaa furuun qonnaan bulaa caalaatti fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. Keessumaa hanqinaalee kutaa jijjiirraafi tajaajila suphaa muudatan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin furuuf hojjechaa akka jiran himan.<\/p>\n<p><u>Moosisaa Fufaatiin<\/u><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qonni utubaa diinagdee Itoophiyaa isa ijoodha. Jireenyi lammiilee Itiyoohiyaa harki caalaan qonna irratti hirkata. Haa ta\u2019u malee, yeroo dheeraaf hojiin qonnaa meeshaalee aadaa irratti hirkachuun oomishaafi oomishtummaa lafa irraa argamu daangeesse ture. Haala kana jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoon -kennuun qonna ammayyeessuun qonnaan bulaa gara fayyadamaa teknooloojii qonnaatti ceesisuuf hojii bal\u2019aan hojjetamaa jira. Meeshaaleen qonnaa kanneen akka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6128,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6127"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6127"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6127\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6129,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6127\/revisions\/6129"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6128"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6127"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6127"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6127"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}