{"id":6133,"date":"2026-07-07T15:03:22","date_gmt":"2026-07-07T15:03:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6133"},"modified":"2026-07-07T15:03:22","modified_gmt":"2026-07-07T15:03:22","slug":"gaee-afoolli-aadaa-wal-gargaarsaa-keessatti-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/gaee-afoolli-aadaa-wal-gargaarsaa-keessatti-qabu\/","title":{"rendered":"Ga\u2019ee Afoolli Aadaa Wal Gargaarsaa Keessatti  Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Aadaan wal gargaarsaa eenyummaa, tokkummaafi hariiroo hawaasaa afoolaan ibsuufi onnachiisuun dhalootaa dhalootatti daddarbaa dhufeera. Keessumaa hawaasa biyya keenyaa biratti namni rakkoo keessa jiru keessatti qofa isaa akka hin kufneef ollaa, firaafi hawaasni naannichaa aadaa isaa deeggaramuun jireeny walii isaa utubaa dhalootarraa dhalootatti darbuun har\u2019a gaheera. Sirnootni wal gargaarsaa kunis daboo, jigii, guuzaafi kanneen biroo ni jiru. Bulchiinsa Sablammii Oromoottis aadaan wal gargaarsaa kun har\u2019as bu\u2019uura jireenya hawaasaa ta\u2019ee tajaajilaa jira.<\/p>\n<p>Yeroo gaddaafi gammachuu, cidhaa, ijaarsa mana, sanyii facaasaa, sassaabbii oomishaa, yeroo balaa uumamaafi kanneen biroo keessatti hawaasni wal bira dhaabbachuun rakkoo waliif qooddachuun duudhaa isaa eeggatee jiraataa jira. Aadaa wal gargaarsaa kana kessatti immoo afoolli iddoo guddaa qaba. Keessumaa immoo Geerarsi hojii jajjabeessa; weedduun hojii dadhabina hir\u2019isa; mammaaksi gorsa dabarsa; seenaan afaaniin darbu ammoo dhaloota har\u2019aaf duudhaa kaleessaa barsiisa. Kanaaf afoolli aadaa wal gargaarsaa tiksuu keessatti gahee olaanaa qaba.<\/p>\n<p>Maanguddoo Obbo Suwaahili Sheekichaa jiraaataa Aanaa Dawwee Harawaa Ganda Goobeensaa akka jedhanitti, yeroo wal gargaarsa garagaraatti afoola akka humnaatti itti fayydamna jedhan. \u201cKeessumaa immoo yeroo Dabootti sirna nyaataafi dhugaatii biratti geerarsa, weedduu, walaloofi gareen wal arrabsuun hojiin saffisaan akka hojjetamuuf kan itti gargaaramnudha,\u201d jedhan. Fakkeenyaaf shamarri yeroo gamtaadhaan hojjetan \u2018holillehee\u2019 jechuun yeroo sirban wal onnachiisuu wal faarfatu, jaalala waliif qaban, hawwii garaa isaanii baasanii himatu jedhaniiru. Dargaggootnis wayita sirban, \u201cyaa\u2026 hoo!, \u201cyaa\u2026 hoo!\u00a0 jechuun waliin lafa hoo\u2019isanii sirbaa hojjetu, kun faayidaan isaa dachaadha\u201d jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.<\/p>\n<p>Namoonni hojii keessa jiran dabaree dabareedhan wal jajjabeessuuf weedduu hojii wal harkaa fuudhaa sirbaa; gootummaa faarsaa, obsaafi tokkummaa ibsuuf geerarsa fayyadamuun hojii isaanii gammachuudhaan dadhabbii tokko malee akka xumuran dubbataniiru. Obbo Suwaahiliin akka jedhanitti, yeroo amma kana teeknooloojiin dhaloota aadaa isaa dagachiisaa akka jiru ibsaniiru. Dhaloonni aadaa isaa beeku eenyuma isaa beeka kanaaf; dhaloonni ammaa aadaa isaa kabajuufi kunuunfachuu akka qabus dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Mammaaksonnis sirna kana keessatti bakka guddaa qabaachuus kaasu. Fakkeenyaaf, \u201cQunceen wal gargaartee arba hiiti,akkuma jedhan tokkummaan waan ulfaataa salphisuu akka danda\u2019u barsiisa\u201d jedhu maanguddoon kun. \u201cIlmi namaa waliif kafana\u201d jechuun hawaasni wal deeggaruun jireenya akka itti fufu hubachiisa jedhaniiru. Seenaa afaaniin daddarbu keessatti Oromoon wal gargaaruun balaa, beelaafi rakkoo adda addaa keessaa akka ba\u2019an himaniiru. Afoolli kunneen dhaloonni har\u2019aa tokkummaa, waliif yaaduufi wal kabajuu akka baratu gumaacha guddaa qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Mootii Margaa Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Aanaa Dawwee Harawaatti, Ogeessa kunuunsa misooma Turizimiiti. Afoolli aadaa wal gargaarsaa kan jajjabeessuu qabeenya aadaa hin sochoone keessaa isa ijoo ta\u2019uu kaasun; seenaa, duudhaafi eenyummaa hawaasaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Isaanis akka waajjirichaatti afoolli aadaa kun jabaatee akka itti fufuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jirra jedhaniiru. Kanaaf afoolli kanneen galmeessuu, eeguufi dhaloota haaraatti beeksisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa hawaasa maraa waan ta\u2019eef namni hundi gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniru<\/p>\n<p>Qajeelcha Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchinsa Sablammii Oromootti, Abbaa Adeemsaa Garee Sonaawwan Aadaa, Aadde Baayyisee Taakkalaa akka jedhanitti, daboon, jigiifi guuzni qabeenya aadaa Oromoo Walloo keessaa kanneen hariiroo hawaasaa, wal amanuufi tokkummaa cimsan ta\u2019uu ibsanii, afoolli isaan waliin walqabatu ammoo hojii qofa osoo hin taane eenyummaa sabichaa kan ibsudha jedhan.\u00a0 \u201cAfoolli aadaa qabeenya dhalootaa waan ta\u2019eef tikfamee dhalootaaf darbuu akka danda\u2019uuf irratti hojjechaa jirra\u201d jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kanaaf manneen barnootaa, maatiin, manguddoonniifi miidiyaaleen wal ta\u2019uun afoola aadaa wal gargaarsaa galmeessuu, barsiisuufi beeksisuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Babal\u2019achuun magaalotaafi guddinni teeknooloojii aadaa tokko tokko akka dagataman taasisaa jira kan jedhan Aadde Baayiseen, afoolaalee akka geerarsaa, weedduu hojii, mammaaksaafi seenaa afaaniin darbu walitti qabanii bifa kitaabaan, sagaleefi viidiyoodhaan galmeessaa akka jiran himaniiru.<\/p>\n<p>Hawaasni gamasaatiin ijoollee isaanii hojii waloo keessatti hirmaachisuu, afoola aadaa barsiisuu, manguddoota irraa seenaa dhaggeeffachuufi yeroo sirna aadaa geerarsaafi weedduu hojii akka baratan taasisuun dirqama dhaloota irratti qabu bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru. Kanaaf qaamoleen hawaasaa, mootummaa naannoo, manneen barnootaa, miidiyaaleefi manguddoonni walta\u2019uun duudhaa kana tiksuufi dhalootaaf dabarsuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Aadaan wal gargaarsaa eenyummaa, tokkummaafi hariiroo hawaasaa afoolaan ibsuufi onnachiisuun dhalootaa dhalootatti daddarbaa dhufeera. Keessumaa hawaasa biyya keenyaa biratti namni rakkoo keessa jiru keessatti qofa isaa akka hin kufneef ollaa, firaafi hawaasni naannichaa aadaa isaa deeggaramuun jireeny walii isaa utubaa dhalootarraa dhalootatti darbuun har\u2019a gaheera. Sirnootni wal gargaarsaa kunis daboo, jigii, guuzaafi kanneen biroo ni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6134,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6133"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6133"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6133\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6135,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6133\/revisions\/6135"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6134"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6133"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6133"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6133"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}