{"id":6136,"date":"2026-07-07T15:04:47","date_gmt":"2026-07-07T15:04:47","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6136"},"modified":"2026-07-07T15:04:47","modified_gmt":"2026-07-07T15:04:47","slug":"milkaaina-dippiloomaasii-itoophiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/milkaaina-dippiloomaasii-itoophiyaa\/","title":{"rendered":"Milkaa\u2019ina Dippiloomaasii Itoophiyaa"},"content":{"rendered":"<p>Dippiloomaasiin hariiroo mootummaan tokko mootummaa biraafi dhaabbilee idil-addunyaa waliin faayidaa waloo irratti hundaa\u2019uun ijaaruudha. Kaayyoon isaas wal-hubannaa cimsuu, nageenya mirkaneessuu, daldalaafi invastimantii guddisuu, akkasumas hariiroo biyyoota gidduutti fayyadamummaa waloo uumuudha. Addunyaa walitti dhufeenyi ishee yeroo kamiyyuu caalaa cime keessatti, milkaa\u2019inni dipiloomaasii birmadummaa biyyaa eeguu, nageenya lammiilee tiksuufi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Biyyi keenya Itoophiyaanis yeroo ammaa hojii dipiloomaasii ishee cimsuuf sochii bal\u2019aa taasisaa jirti.<\/p>\n<p>Keessumaayyuu hariiroo biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii fi Sudaan waliin qabdu cimsuun nageenya naannawaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, daldalaafi walitti dhufeenyaa uummatootaa babal\u2019isuufis hojjechaa jirti. Kana malees, dhaabbilee idil-addunyaa hedduu keessummeessuudhaan beekamtii addunyaa argatteetti. Magaalaan Addis Ababaa teessoo Gamtaa Afrikaa ta\u2019uun ishee immoo caalatti carraa diiplomaasii bal\u2019aa uumuun, hoggantoonni biyyoota garaagaraa yeroo hedduu magaalichatti wal arganii dhimmoota naannawaafi idil-addunyaa irratti akka mari\u2019atan taasiseera. Kunis Itoophiyaan hariiroo diplomaasii biyyoota ollaafi\u00a0 idil-addunyaa akka guddiftuuf shoora olaanaa taphateera.<\/p>\n<p>Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii, Obbo Taammanee Magarsaa akka jedhanitti, Itoophiyaan damee dipiloomaasii irratti hojii bal\u2019aa hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hariiroo gaarii Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabaachuun immoo birmadummaa biyyaa eeguuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Kunis wal amantaa uuma, walitti bu\u2019iinsa hir\u2019isa, rakkoolee daangaafi nageenyaa karaa mariitiin akka furamaniif nigargaara jedhan. Kunis birmadummaa biyyaa eeguufi kabaja ishee cimsuuf faayidaa guddaa qabaachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Hariiroon dipiloomaasi gama diinagdeetiin faayidaa guddaa qabaachuus dubbatu. Kunis investimentii alaa hawwachuu, daldala idil-addunyaa babal\u2019isuufi sharafa alaa guddisuuf akkasumas, teeknooloojii ammayyaa, beekumsaafi deeggarsa maallaqaa gara biyyaatti fiduun oomishtummaafi misooma diinagdee akka saffisiisu ibsaniiru. Kanaaf, dipiloomaasiin cimaa bu\u2019uura guddina diinagdee ta\u2019uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dargaggoo Mararaa Joonsee, jiraataa Magaalaa Addis Ababaa, akka jedhetti, dipiloomaasiin sirna biyyoonni ittiin wal kabajan, wal hubataniifi rakkoo isaanii mariifi waliigalteen ittiin hiikkatanidha jedhaniiru. Biyyoonni hariiroo dipiloomaasii cimaa qaban nageenya isaanii eegsisuu, diinagdee isaanii guddifatu, Akkasumas kabaja isaanii sadarkaa idil-addunyaatti kan cimsatan ta\u2019uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Akka Dargaggoon kun jedhetti, dipiloomaasiin mootummaa qofaaf osoo hin taane lammiilee hundaaf bu\u2019aa qaba. Hariiroon biyyoota biroo waliin qabnu yoo cime nageenyi ni cima; nageenyi yoo jiraate immoo misoomni ni saffisa jedhaniiru. Kanaaf hojii mootummaan gama dipiloomaasiitiin hojjetu cimsuun barbaachisaa ta\u2019uu ibseera.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Ogeessi Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa Obbo Tarreessaa Baalchaa gamasaaniin akka ibsanitti, milkaa\u2019inni dipiloomaasii birmadummaa biyyaa tiksuuf meeshaa ijoo ta\u2019uu ibsaniiru. Biyyoonni hariiroo cimaa addunyaa waliin qaban rakkoo nageenyaa, diinagdeefi siyaasaa isaanii karaa mariifi wal hubannaatiin hiikachuun isaanii bu\u2019aa guddaa akka qabu ibsaniiru. Itoophiyaanis rakkoowwan siyaasaa, nageenyaafi diinagdee ishee karaa dipiloomaasiitiin hiikuuf xiyyeeffannaa kennuu qabdi jedhaniiru. Diipploomaasiin mootummaa tokkoof gaachana nageenyaa qofa osoo hin taane, karaa guddinaafi misoomaa ta\u2019uus kaasaniru.<\/p>\n<p>Hayyuun kun akka jedhanitti, gama diinagdeetiinis, hariiroon biyyoota waliin uumamu investimentiin alaa akka dabalu, gabaan daldalaa akka babal\u2019atu, akkasumas carraan hojii akka uumamu taasisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaanis hariiroo biyyoota garaagaraa waliin qabdu fayyadamuun investeroota hawwachuu, hojii misoomaa babal\u2019isuufi guddina diinagdee saffisiisuuf carraa bal\u2019aa argachaa jiraachuu himan. Kun immoo jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti shoora guddaa qaba jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Tarreessan akka himanitti, gama nageenyaatiin, dipiloomaasiin rakkoolee daangaa ce\u2019anii mudatan hiikuuf murteessaa ta\u2019uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u201cShororkeessummaan, daldalli meeshaa waraanaa seeraan alaafi rakkooleen nageenyaa biroon biyya tokko qofaan hiikamuu hin danda\u2019an; Kanaaf hariiroon biyyoota ollaa waliin taasifamu nageenya naannawaa cimsuuf murteessaadha\u201d jedhan. Itoophiyaanis mootummoota ollaa ishee waliin hojii nageenyaa waloo hojjechuun tasgabbii naannawaafi nageenya lammiilee mirkaneessuuf tattaaffii cimaa taasisaa akka jirtu eeraniiru. Walumaagalatti, dipiloomaasiin mootummaa tokkoof hariiroo biyyoota biraa waliin qofa osoo hin taane, nageenya, diinagdee, misoomaafi kabaja biyya sanaa sadarkaa addunyaatti cimsuuf utubaa murteessaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dippiloomaasiin hariiroo mootummaan tokko mootummaa biraafi dhaabbilee idil-addunyaa waliin faayidaa waloo irratti hundaa\u2019uun ijaaruudha. Kaayyoon isaas wal-hubannaa cimsuu, nageenya mirkaneessuu, daldalaafi invastimantii guddisuu, akkasumas hariiroo biyyoota gidduutti fayyadamummaa waloo uumuudha. Addunyaa walitti dhufeenyi ishee yeroo kamiyyuu caalaa cime keessatti, milkaa\u2019inni dipiloomaasii birmadummaa biyyaa eeguu, nageenya lammiilee tiksuufi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Biyyi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6137,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6136"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6136"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6136\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6138,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6136\/revisions\/6138"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6137"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6136"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6136"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6136"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}