{"id":6139,"date":"2026-07-07T15:06:25","date_gmt":"2026-07-07T15:06:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6139"},"modified":"2026-07-07T15:06:25","modified_gmt":"2026-07-07T15:06:25","slug":"tola-ooltummaa-waldeeggarsa-hawaasummaa-cimsaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/tola-ooltummaa-waldeeggarsa-hawaasummaa-cimsaa-jiru\/","title":{"rendered":"Tola Ooltummaa Waldeeggarsa Hawaasummaa Cimsaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Tola ooltummaan gocha namni tokko yookiin gareen tokko fedhii fi jaalalaan, faayidaa tokko malee nama, hawaasa yookiin garee hawaasaa beekumsa,humna isaafi mallaqa isaan itti tajaajiluudha. Kunis hariiroo hawaasummaa cimsuu, wal amantaa uumuufi misooma namoomaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu aadaa uummatni Itoophiyaa rakko nama dhuunfaafi garee mudate ittiin furatudha. Tola ooltummaan waliin jireenyaa, tokkummaa fi obbolummaa cimaa uuma;rakkoo hawaasummaa hiikuu keessatti gahee guddaa qaba.<\/p>\n<p>Magaalaa Kamiseetti hawaasni hojii tola ooltummaan rakkoolee namoota mudatan ittiin furachaa jiru. Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa,Daa\u2019immaniifi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaala Kamisee Aadde Aanshaa Alii.\u00a0 tola ooltummaa gannaatiif qophii gahaa\u00a0 taasisuufi hojii bu\u2019aa qabeessa kan rakkoo furuu irratti xiyyeeffate gaggeessuuf karooraan qabatanii\u00a0 jiraachuu himan. Hojiin hojjetamu dhimmi irratti hojjetamu dursee kan adda baafame;namoota harka qalleeyyii wantoota bu\u2019uura jireenyaa ta\u2019an kan akka sooraataafi uffataa, qaama miidhamtoota meeshaalee deeggarsa qaamaa, humnaan gargaaruufi mallaqaan bira dhaabachuu, manguddootaa humnaan gargaaruufi dhiiga arjoomuuf qophii akka taasisan himan.<\/p>\n<p>[Aadde Aminaat Naasiir jiraattuu Magaalaa Kamiseeti,Harka qalleessa waan turaniif waan isaan hojjetanii maatii isaanii ittiin bulchan konteenerii keessatti shayiifi buna hojjetaniifi kan ittiin hojicha eegalan bulchinsi magaalichaa deeggarsa taasiseen yeroo ammaa of danda\u2019anii maatii isaanii bulchaa jiru. Rakkoo hojii dhabdummaa kan isaaniif fureefi hojii tola ooltummaa isaaniif taasifametti gammaduus himan. \u201cNama humna hin qabne gargaaruun baay\u2019ee nama gammachiisaa;miira jaalalaafi hariiroo gaarii nama gidduutti cimsa.Dubbartoota hirkatummaa diinagdee Jalaa baasuufis ofii dandeenye akka dhaabbannuufis kan nuu gargaareedha\u201d jedhan.<\/p>\n<p>Itti Gaafatamtuun Dhimma Dubbartoota, Daa\u2019immanii fi Hawaasummaa Aadde Aanshaa Aliitiifi Itti Gaafatamtuun Hoggantuu Paartii Badhaadhinaa Aadde Zamzam Mahaammad wajjiin ta\u2019uun mana maanguddoo ijaaruu, hanga nyaata harka qalleeyyii deeggaraa turuus himan. Bara kanas\u00a0 mana dulloomeefi kan eenyuu dursa haaromfamuu akka qabu adda baasuun\u00a0 hojjechaa akka jiranis himan. Tola ooltummaan rakkoo diinagdeefi dhiphina sammuu akka fureef himan;Kanaaf namni kamiyyuu yaadan,mallaqaan,humnaan waan danda\u2019uun akka nama bira dhaabbatu erga dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Aadde Hiikmaa Abduus,\u00a0 jiraattuu\u00a0 Magaalaa Kamisee akkuma Aadde Aminaat Naasir hojii tola ooltummaan deeggaramanii rakkoon isaanii furameefidha. Waajjirri dhimma Dubartootaa, Daa\u2019immaniifi Hawaasummaa Magaalaa kamisee hojii tola ooltummaan deeggarsa taasisaniifiin yeroo ammaa carraa hojii uummachuun jiruufi jireenyaa isaanii gaggeeffachaa jiru.\u201dErgaan carraa kana argadhee hojjedhee ofjijjiiruu irra darbee namoota biroos gargaaraan jira\u201d jedhan. Carraa hojii isaaniif uumameen mana bunaa isaaniitti hojii dhabdoota qacarachuun carraa hojiis uumuufiis himan; Kana malees maatii harka qaleeyyiidhaaf\u00a0 nyaata irra hanga uffataatti deeggaruu dabalataanis daa\u2019imman umuriin isaanii barnootaaf gahee maatiin barsiisuu hin dandeenyeef meeshaalee barumsaaf barbaachiisaan deeggaruun barsiisaa jiraachuu isaaniis himaniiru. Akkuma isaaniif tola oolamuun rakkoon isaanii furame hojii tola ooltummaa bara kanaa mana namootaa haaromsuufi hojii biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuuf fedhii kan qaban ta\u2019uus himan.<\/p>\n<p>Hawaasa jaalala qabu qabaachuu isaaniitti kan gammadan ta\u2019uufi\u00a0 nama deeggaruun wanta hundaa olitti kan namatti toluu ta\u2019uufi hanga humna isaanii kan deeggaruu itti fufan ta\u2019uus himan.<\/p>\n<p>Akka Aadde Aanshaan jedhanitti tola ooltummaan baroottan darban taasifaman: \u201cNyaata kennuu irraa eegalee hanga mana namaaf ijaaruutti\u00a0 hojii tola ooltummaatti gargaaramneerra\u201d jedhan. Bara darbe mana maanguddoo humna hin qabnee 8 ijaaruu fi mana namoota harka qalleeyyii 24 haroomsuu isaanis eeranii;kun gara mallaqaatti yoo jijjiiramu guddaa ta\u2019uus ibsan. Hojii tola ooltummaa bara kanaan hanga tilmaama birrii miliyoona 1.8 ta\u2019u hojjechuuf karoorsuu isaaniis kaasaniiru. Barana Magaalaa Kamiseetti mana jiraattota dhibba 4 ta\u2019anii ijaaruufi haaressuuf\u00a0 adda baasanii hojjeetaa jiru.<\/p>\n<p>Tola ooltuummaan hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee Ol-aanaa qaba. Nama gargaaruuyookiin namaaf tola ooluun jaalala obbolummaafi tokkummaa waan cimsuuf namni otoo of hin qusatiin waan qabuun humna,qabeenyaafi beekumsa qabuun nama gargaaruun akka irraa eegamu kaasuun; nama gargaaruuf nama ta\u2019uu qofti gahaa akka ta\u2019es Aadde Aanshaan kaasaniiru. Dabalatanis nama gargaaruun wantoota namuummaa nama irra eegamu kan ibsu waan ta\u2019eef kanaaf namni hunduu hanga humna ofii qabuun gargaarsaa gochuu akka qabu waamichas godhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dargaggoonni tajaajila hawaasummaarratti bobba\u2019an aadaa fi jireenya naannoo addaddaa keessatti wal argachuun wal-baranii fi aadaa waliif qooddatan uumuuf sadarkaa biyyaatti dargaggoo hojii tola ooltuummaa daangaa ce\u2019een hariiroon sabaafi sablammootaa akka cimu taasifamaa jira.Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hariiroo hawaasaa cimsuuf hojiin tola ooltummaa akkasii cimee itti fufuu barbaachisa.<\/p>\n<p>Tola ooltummaan aadaa walgargaarsaa fi tokkummaa uumuudhaan walitti dhufeenya hawaasummaa cimsudha. Hawaasa keessatti kabaja, jaalalaa fi miira abbummaa guddisuun namoonni akka wal-jaallatan, wal-tumsanii fi waliin jiraatan taasisa.Namni rakkoon isaa hojii tola ooltummaan furame nama akkasaa biroof akka tola oolu jalala biyyaa akka qabaatu taasisa.<\/p>\n<p>Wantoota qabeenya mootummaan gargaaranii geessisuu hin dandeenye hawaasni bal\u2019aan tola ooltummaan deeggaruun kan rakkoo keessa jiru rakkoo irraa baasuu;kan misoomuu qabu misoomsuun dirqama lammummaa bahuun irraa eegama!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tola ooltummaan gocha namni tokko yookiin gareen tokko fedhii fi jaalalaan, faayidaa tokko malee nama, hawaasa yookiin garee hawaasaa beekumsa,humna isaafi mallaqa isaan itti tajaajiluudha. Kunis hariiroo hawaasummaa cimsuu, wal amantaa uumuufi misooma namoomaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu aadaa uummatni Itoophiyaa rakko nama dhuunfaafi garee mudate ittiin furatudha. Tola ooltummaan waliin jireenyaa, tokkummaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6140,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6139"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6139"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6139\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6141,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6139\/revisions\/6141"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6140"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6139"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6139"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6139"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}