{"id":6145,"date":"2026-07-07T15:08:45","date_gmt":"2026-07-07T15:08:45","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6145"},"modified":"2026-07-07T15:08:45","modified_gmt":"2026-07-07T15:08:45","slug":"ameerikaan-deeggarsa-maallaqaa-waraana-somaaliyaaf-taasistu-dhaabuu-irraan-kan-kae-gamtaan-afrikaa-walgaii-ariifachiisaa-waame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/ameerikaan-deeggarsa-maallaqaa-waraana-somaaliyaaf-taasistu-dhaabuu-irraan-kan-kae-gamtaan-afrikaa-walgaii-ariifachiisaa-waame\/","title":{"rendered":"Ameerikaan Deeggarsa Maallaqaa Waraana Somaaliyaaf Taasistu Dhaabuu Irraan Kan Ka\u2019e Gamtaan Afrikaa Walga\u2019ii Ariifachiisaa Waame"},"content":{"rendered":"<p>Ameerikaan sababa mormii Al-Shabaabiin loluu irratti bu\u2019aan barbaadamu argamuu dhabuu isaa caqasuun hanga xumura bara kanaatti deeggarsa maallaqaa Somaaliyaaf taasiftu dhaabuu beeksisuu hordofee, Gamtaan Afrikaa, Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa keessatti gaggeessu dhimma waraanaa Somaaliyaa keessa jiru irratti walga\u2019ii ariifachiisaa waameera. Gamtaan Afrikaa kan deeggarsaafi tasgabbii loltoota somaaliyaa deeggaru walga\u2019ii aarifachiisaa waameen\u00a0 sodaa deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii\/UN\/ kan Ameerikaan Mallaqaan deeggartuun ala diigamuu danda\u2019a jedhuuf furmaata kennuufi. Mootummaan Somaaliyaa itti gaafatamummaa nageenyaa fudhachuu dadhabuun kan qeeqame yoo ta\u2019u, dabalataan sababa tasgabbii dhabuu siyaasaatiin balaan kun caalaatti hammaachaa jira.<br \/>\nGamtaan Afrikaa, guyyaa Jimaataa dhimma Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa keessa jiru irratti walga\u2019ii ariifachiisaa waameera; kunis Waashingitan finciltoota Al-Shabaab irratti bu\u2019aan yookiin jijjiiramni argamuu dhabuu isaa sababa godhachuun deeggarsa maallaqaa murteessaa ta\u2019e akka addaan kuttu beeksisuu hordofeeti.<br \/>\nSomaaliyaan finciltoota Al-Shabaab gara waggoota digdamaa lolaa kan turte yoo ta\u2019u, \u00a0gareen Al-shabaab kun ammallee kutaalee biyyattii bal\u2019aa ta\u2019an to\u2019atee jira.Gamtaan Afrikaa,Deeggarsaafi Tasgabbii Somaaliyaaf taasisu \/AUSSOM\/ loltoota gara 12,000 dhiyeessuun, \u00a0raayyaa ittisaa Somaaliyaa deeggaraa jira.<br \/>\nWaashingitan xalayaa Adoolessa Tokko Gamtaa Afrikaaf barreessiteen, deeggarsa maallaqaa Waajjira Deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa keessa jiruuf (UNSOS) gootu, kan maddaa maallaqaa \u00a0Gamtaan Afrikaa Deeggarsaafi Tasgabbii Somaaliyaaf taasiftu\/AUSSOM\/ isa guddaa ta\u2019e, dhuma bara kanaatti akka addaan kuttu beeksisteetti.<br \/>\nXalayaan kun dippiloomaasii olaanaa Gamtaa Afriikaa bira jiraniin kan mirkanaa\u2019e yoo ta\u2019u, isaanis murteen kun kan duubatti hin deebineefi ergamni isaa kan xumurame ta\u2019uu ibsan.<br \/>\nKomishiniin Gamtaa Afrikaa Jimaata dhufutti walga\u2019ii ariifachiisaa \u00a0dhimma deeggarsaafi tasgabbii Somaaliyaa irratti xiyyeefatu irratti waamuu ragaan oduu AFP irraa argame ni mul\u2019isa.<br \/>\n\u201cDeeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) kan Ameerikaan maallaqaan deeggartu ala, ergama keenya isa Somaaliyaa keessaa galmaan ga\u2019uuf nidirqamna,\u201d jedhan dippiloomaatiin maqaan isaanii akka hin dhahamne\u00a0 gaafachuun AFP\u2019tti dubbatan tokko.<\/p>\n<p>Xalayaan kun mootummaan Somaaliyaa \u201cAl-Shabaab irratti tarkaanfii argame itti fufsiisuu, hojiiwwan nageenyaa isaa ofii isaatii to\u2019achuu, ykn sakatta\u2019iinsa fi fooyya\u2019iinsa jabaa gama damee nageenyaatiin gochuu\u201d dadhabuu isaatiin qeeqeera.Qeeqa ka\u2019e kanaaf Gama Gamtaa Afriikaa ykn Mootummaa Somaaliyaa irraa deebiin hatattamaan kenname hin jiru.<br \/>\nSomaaliyaan ajandaa garagaraatiin akka rakkataa jirtuufi yeroo ammaa kana ammoo rakkoo siyaasaa keessa kan jirtu dha.Pireezidaantiin Hasan Sheek Mahaamuud bara kana jalqaba irratti heera mootummaa akka jijjiiramu kan taasisan yoo ta\u2019u, kunis erga yeroon taayitaa isaanii Caamsa 15 xumuree booda yeroo aangoo isaanii waggaa tokkoon dheeressaniitidha.<br \/>\nPaartileen mormitootaa fi mootummootni naannolee jijjiirama kana kan morman yoo ta\u2019u, kunis magaalaa guddoo Moqaadishoo dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti walitti bu\u2019iinsa hamaa uumeera.<br \/>\nMahaamud erga bara 2022 aangoo qabatanii booda, duula waraanaa bal\u2019aa fi milkaa\u2019aa gaggeessuun tarkaanfii Al-Shabaab irratti fudhataniin olaantummaa gonfatanii ture.Haa ta\u2019u malee, injifannoowwan argaman keessaa baay\u2019een isaanii boodarra harkaa kan bahan yoo ta\u2019u, gareen finciltoota kun ammallee kutaalee giddu-galeessaa fi kibba Somaaliyaa bal\u2019aa ta\u2019an to\u2019annoo isaa jala akka oolfatetti jira.<br \/>\nLoltootni Somaaliyaa suuta jedhanii itti gaafatamummaa nageenyaa fudhachuu qabu turan, garuu kun ta\u2019aa hin jiru. Hoggantoota siyaasaa waraana irratti yeroon isaanii qabamuun akka hin milkoofne ta\u2019uu,Zakkaariyaas Bashaa qorataan dhaabbata falaasama \u2018Amani Africa\u2019 kan Itoophiyaa keessaa hima.<br \/>\nMaddi Odeeffannoo keenyaa AFP<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ameerikaan sababa mormii Al-Shabaabiin loluu irratti bu\u2019aan barbaadamu argamuu dhabuu isaa caqasuun hanga xumura bara kanaatti deeggarsa maallaqaa Somaaliyaaf taasiftu dhaabuu beeksisuu hordofee, Gamtaan Afrikaa, Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa keessatti gaggeessu dhimma waraanaa Somaaliyaa keessa jiru irratti walga\u2019ii ariifachiisaa waameera. Gamtaan Afrikaa kan deeggarsaafi tasgabbii loltoota somaaliyaa deeggaru walga\u2019ii aarifachiisaa waameen\u00a0 sodaa deeggarsa Dhaabbata Mootummoota [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6146,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6145"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6145"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6145\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6147,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6145\/revisions\/6147"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6146"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6145"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6145"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6145"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}