{"id":6148,"date":"2026-07-07T15:11:11","date_gmt":"2026-07-07T15:11:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6148"},"modified":"2026-07-07T15:11:11","modified_gmt":"2026-07-07T15:11:11","slug":"jruuf-jireenya-jiraataa-baadiyaa-fooyyeessuun-uummata-balaa-biyyattii-hundeerraa-jijjiiruu-dha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/07\/jruuf-jireenya-jiraataa-baadiyaa-fooyyeessuun-uummata-balaa-biyyattii-hundeerraa-jijjiiruu-dha\/","title":{"rendered":"Jruuf Jireenya Jiraataa Baadiyaa Fooyyeessuun Uummata Bal\u2019aa  Biyyattii Hundeerraa Jijjiiruu Dha"},"content":{"rendered":"<p>Uummatni Itoophiyaa dhibbeentaa 80 caalu baadiyyaa keessa jiraata;irra caalaan\u00a0 qoote bulaafi horsiisee bulaa dha.Qooteefi horsiisee biyya kan soorudha.Uummatni kun diinagdee biyyaattif hundeedha.Qootee bulaas ta\u2019e horsiisee bulaan Itoophiyaa, yeroo nagaa misoomatti cichoomaadha.Yeroo biyy aggammii waraanaa keessa seente immoo adda waraanaatti argamuun birmadummaa biyyaa gootummaan tiksu. Hundee biyyaa kan ta\u2019an qotee bulaafi horsiisee bulaan, hedduminaan jiruuf jireenyi isaanii\u00a0 boodatti hafaafi rakkoo fayyaafi hawwaasummaaf kan saaxilame dha.Kun seenaa Itoophiyaa jaarraa hedduu lakkofsise dha. Jiraattotni\u00a0 baadiyyaa biyyattii baroota hedduuf kan dagatameefi jiruuf jireenya isaa sirnaan jijjiruuf kan hin hojatamne ture. Qaamooleen siyaasaa hedduun qootee bulaafi horsiisee bulaa dahoo godhachuun\u00a0 akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuunis ni jira.Gandootni baadiyyaa biyyattii daandii gurguddoorraa fagoo dha.<\/p>\n<p>Uwwisni bu\u2019uuralee misoomaas xiqqaa dha;halli jireenyi isaas faffaca\u2019aa dha.Bakka tokkotti wal ijaareefi waliin tumse rakkoolee isa mudatan waliin qoolachuuf carra hin qabu.Sababa kanaan qe\u2019een qoote bulaafi horsiisee bulaa Itoophiyaa maraamartoo walwaraansa biyyattiin taasisfte hundaaf saxilamaadha. Rakkoolee diinagdeefi hawwasummaa hedduu keessa darbuuf ni dirqama .Kanarraa kan ka\u2019e jiraatan baadiyyaa yeroo gara garaatti carraa argateen gara magaalotaatti baqata. Buqqaatiin Kun hundee diinagdee biyyattii buqqisa.Gara magaalaatti yeroo seenu hojii dhabdummaafi jireenya haaraatu isa mudata.Kunis Jiraattota magaalaa saffisiisuun magaaloota keessatti rakkoo diinagdeefi hawwasummaa ni fida. Uummatni biyyattii hedduminaan baadiyyaa keessa jiraatu jiruuf jireenya isa jijjiruuf imammaataafi tarsiimoo haaraafi kutannoo motummaa barbaada.\u00a0 Bara Mootummaa Dargii qoote bulaafi horsiisee bulaa bakka tokkotti sassaabuun bakka jiranitti jiruufi jireenya isaanii jijjiiruufi bu\u2019uuralee misoomaa dhiheessuuf yaaliin taasifamee, bu\u2019aa gaariis fideera.Bakki uummatni baadiyyaa sassaabamee jiraachaa ture yeroo ammaa kana magaalaa\u00a0 ta\u2019anii jiru. Yaaliin kun yeroo ADWUI itti fufuu hin dandeenye.Yeroos xiyyeeffannon kan kenname uummata baadiyyaa bakka jiruutti bu\u2019uuralee misoomaa guutuufiidha.<\/p>\n<p>Hojiileen kunneen jiraataan baadiyyaa hedduun dhiheenyaatti daandii baadiyyaafi magaalaa qunnamsiisan akka argattu taasiseera.Mana barumsaafi manneen yaala dhiheenyatti argachuus danda\u2019eera.Hojiileen kunneen jijjirama gurguddoo kan fidan ta\u2019us\u00a0 irra caalaa\u00a0 uummata baadiyyaa waliin kan walsimatu miti.Ammas jiraattotni baadiyyaa hedduun bu\u2019uuralee misoomaa gahaa hin qabani.Jiruufi jireenyi uummata baadiyyaa sirnaan jijjiruu hin danda\u2019amne. Jiraataan baadiyyaa hedduun duuressas ta\u2019e harka qalleessa, haalli jireenya isaanii walfakkaataafi boodatti hafaa dha. Rakkoo kana hundeen jijjiiruuf hojiin Koridarii Baadiyyaa jalqabame jijjirama guddaa fidu kan danda\u2019u dha.<\/p>\n<p>Koridariin baadiyyaa haala jiruufi jireenya uummata baadiyyaa hundee irraa kan jijjiirudha. Jireenya ammayyaa kan uumudha.Jiraataan baadiyyaa bakka jirutti bu\u2019uura diinagdeesaa qonnaa irraa osoo hin buqqa\u2019iin akka jiraatu ni taasisa.Jiraataa baadiyyaa bakka jirutti fooyya\u2019ee akka jiraatuuf godaansa gara magaalotaatti ta\u2019u kan biyya keessaa ittisuudha.<\/p>\n<p>Walumaagalatti uummata baadiyyaa\u00a0 jireenya isaa fooyyessuun, biyya keenyaaf fuullee haaraa kan fidu dha.Hojiin kun naannoolee muraasa keessatti jalqabameefi naannoolee biyyattii hundaa keessatti hojatamuu kan qabudha.Kana goochuf tarsimoo ifaafi abbantummaa uumu barbada. Hojii itti fufinsa qabu goochuuf imaammataafi tarsimoon deeggaruufi uummata bal\u2019aaf hubbannoo uumu barbaada. Jiruufi jireenya jiraataa baadiyyaa fooyyeessuun uummata bal\u2019aa biyyattii hundee irraa jiruufi jireenya isaa fooyyessuudha. Xiyyeeffannoon kennamee\u00a0 hojjetamuu qaba.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Uummatni Itoophiyaa dhibbeentaa 80 caalu baadiyyaa keessa jiraata;irra caalaan\u00a0 qoote bulaafi horsiisee bulaa dha.Qooteefi horsiisee biyya kan soorudha.Uummatni kun diinagdee biyyaattif hundeedha.Qootee bulaas ta\u2019e horsiisee bulaan Itoophiyaa, yeroo nagaa misoomatti cichoomaadha.Yeroo biyy aggammii waraanaa keessa seente immoo adda waraanaatti argamuun birmadummaa biyyaa gootummaan tiksu. Hundee biyyaa kan ta\u2019an qotee bulaafi horsiisee bulaan, hedduminaan jiruuf jireenyi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6149,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6148"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6148"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6148\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6150,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6148\/revisions\/6150"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6149"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6148"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6148"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6148"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}