{"id":6160,"date":"2026-07-22T13:04:05","date_gmt":"2026-07-22T13:04:05","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6160"},"modified":"2026-07-22T13:14:05","modified_gmt":"2026-07-22T13:14:05","slug":"ukkaamsaafi-gaagaamni-dargaggoota-tigiraay-irra-gaaa-jiru-mormii-addabaabaayii-kaase","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/ukkaamsaafi-gaagaamni-dargaggoota-tigiraay-irra-gaaa-jiru-mormii-addabaabaayii-kaase\/","title":{"rendered":"Ukkaamsaafi Gaaga\u2019amni Dargaggoota Tigiraay Irra Ga\u2019aa Jiru Mormii Addabaabaayii Kaase"},"content":{"rendered":"<p>Gareen seeraan alaa ABUT Tigiraay keessatti dhalatee xannacha uummata Tigiraayitti ta\u2019uun hadholii Tigiraay boossisaa dargaggoo Tigiraay dhiiga dhangalaasaa jiraateera. Kan lammiileen Itoophiyaa biro hin beekneef boo\u2019ichi haadholii Tigiraayiifi Waraanaan dhumuun dargaggoota Tigiraay isaan nuffisiisuun uummatni Itoophiyaa fi hawaasni addunyaa akka beekaniif addababayiitti bahuun garee seeraan alaa kana mormuu eegalan.<br \/>\n\u201cTigiraayiif rasaasa osoo hin taane nageenyaafi misoomatu barbaachisa\u201d mata duree balaaleffannaa hirmaattota hiriira ukkaamsaafi gaaga\u2019amaa Tigiraay dha.<br \/>\nHiriirri mata duree \u201cUkkaamsaan Haa Dhaabbatu, Nageenyi Haa Bu\u2019u\u201d jedhuun qophaa\u2019ee, ukkaamsaafi miidhaa uummata naannoo Tigiraay irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuuf Magaalaa Addis Ababaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.<br \/>\nHiriirichis dhaadannoowwan; waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti kabajamuu qaba, walitti bu\u2019iinsi Naannoo Tigiraayitti deebi\u2019ee uumamuu hin qabu, nageenyi waaraan mirkanaa\u2019uu qaba, boo\u2019ichi haadholiifi duuti dargaggootaa haahafu, naannicha misoomatu barbaachisaafi rakkoon nageenyaa uummata naannichaa mudachaa jiru dhaabbachuu qaba jechuun gaafataniiru.<br \/>\nHirmaattonni hiriirichaa akka jedhanitti, gareen seeraan alaa kun dargaggoota naannichaa dirqamaafi humnaan waraanatti guuraa jiraachuu eerun, miidhaa namoomaafi dhiibbaa xiinsammuu gareen kun dargaggoota irran geessisaa jiru cimsuun balaaleffataniiru.<br \/>\nUummanni naannichaa uummata nageenya jaallatu ta\u2019uu eeruun, Tigiraayiif rasaasa osoo hin taane nageenyaafi misoomatu barbaachisa jedhaniiru. Gareen seeran alaa ABUT seera ukkaamsaa baasuun uummata naannichaa miidhaa cimaaf saaxilaa jira kan jedhan hiriirtonni kunneen, yeroon ammaa kun uummata Tigiraayiif yeroo baay\u2019ee ulfaataa ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\nUkkaamsaafi gaaga\u2019amni gareen seeraan alaa ABUT uummata naannichaa irraan gahaa jiru hatattamaan dhaabachuu akka qabuufi filannoon uummata Tigiraay nageenya ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\nHiriiricha irratti kan argaman Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Obbo Geetaachoo Raddaa, nageenyi waaraan Naannoo Tigiraay waraanaan osoo hin taane marii tasgabbaa\u2019aafi marii siyaasaan qofa mirkanaa\u2019uu akka danda\u2019u dubbataniiru.<br \/>\nObbo Geetaachoon akka jedhanitti, haadholiin Tigiraay daa\u2019imman umuriin isaanii waraanaaf hin geenye humnaan jalaa fudhatamaa jiraachuu himanii, uummanni naannichaa nageenya qofa akka barbaadu ibsaniiru. Kanaafuu, mootummaan Federaalaa lammiilee balaa irraa eeguu keessatti dirqama isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gareen seeraan alaa ABUT Tigiraay keessatti dhalatee xannacha uummata Tigiraayitti ta\u2019uun hadholii Tigiraay boossisaa dargaggoo Tigiraay dhiiga dhangalaasaa jiraateera. Kan lammiileen Itoophiyaa biro hin beekneef boo\u2019ichi haadholii Tigiraayiifi Waraanaan dhumuun dargaggoota Tigiraay isaan nuffisiisuun uummatni Itoophiyaa fi hawaasni addunyaa akka beekaniif addababayiitti bahuun garee seeraan alaa kana mormuu eegalan. \u201cTigiraayiif rasaasa osoo hin taane nageenyaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6161,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6160"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6160"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6160\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6173,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6160\/revisions\/6173"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6161"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6160"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6160"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6160"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}