{"id":6163,"date":"2026-07-22T13:05:58","date_gmt":"2026-07-22T13:05:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6163"},"modified":"2026-07-22T13:05:58","modified_gmt":"2026-07-22T13:05:58","slug":"yaaiin-mana-maree-hojii-milkaaaan-hojjetamuu-mirkaneesse","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/yaaiin-mana-maree-hojii-milkaaaan-hojjetamuu-mirkaneesse\/","title":{"rendered":"Yaa\u2019iin  Mana Maree Hojii Milkaa\u2019aan Hojjetamuu Mirkaneesse"},"content":{"rendered":"<p>Manni maree Bulchinsa Sablammii Oromoo Yaa\u2019ii Idilee 28ffaa Marsaa 5ffaa isaa gaggeesseen gabaasa raawwii kan bara 2018 dhaggeeffachuun ciminoota jiran itti fufsiisuufi banaa jiran akka sirraa\u2019u kallattii kaa\u2019era. Manni marichaa karoora bara bajataa 2018 irrattis mari\u2019ateera. Bara 2019tti dhimmota nageenyaa, misoomaafi hawaasummaan milkaa\u2019ina eegamu galmaan ga\u2019uuf marii bal\u2019aa gaggeessaniiru.<\/p>\n<p>Afa-Yaa\u2019iin Mana Maree Bulchinsa Sablammii Oromoo Aadde Faaxumaa Mollaa haasaa taasisaniin qaamoleen garee finxaaleyyiitti dabalamanii bosona keessa taa\u2019uun nageenya booressaa turan hirmaannaa hawaasaafi qaamolee callisaan gara nagaatti akka deebi\u2019an taasifamuu ibsan. Keessumaa Aanaa Dawwee Harawwaatti nageenyi waaraan akka bu\u2019uuf hojii bal\u2019aan hojjetamuu himan.<\/p>\n<p>Muummichi Ministira Dr.Abiyyii Ahimad xiyyeeffannoo guddaa kennuun godinicha dawwchuun hojiin nageenyaafi misoomaa akka hojjetamu<\/p>\n<p>jajjabeessuufi ogeessotaan deeggarsi akka taasifamu taasisaniin bulchinsi sablammichaa hojii hedduu milkeessuus himan. Keessummaa gaaffiin bu\u2019uuraalee misoomaa kan akka daandii asfaaltii Magaalaa Kamisee, bishaan dhugaatii Aanaa Dawwaa Caffaa, Ganda Billiidaa,Haroo Baaqeloofi Garbii deebii kan argatan yoo ta\u2019u;Aanaa Jillee Dhummuugaa irraa Gandi Garbii, Mudhii Waaccuu,Garbii Dirree Galmaa,Funyaan Dambii ,Mudhii Faca\u2019aafi Izgiyyee yoo ta\u2019an Aanaa Arxummaa Fursii Iddoo Madiinee gara hojiitti kan galame yoo ta\u2019uufi gaaffii yeroo dheeraa hawaasni gaafate deebii argatan ta\u2019uu himan.<\/p>\n<p>Gaaffileen ibsaa gandootni Bulchinsa Sablammii Oromoo kaasan hedduun isaanii deebii kan argatan ta\u2019uus Aadde Faaxumaan yaa\u2019ii mana mareef ibsaniiru. Dabalataanis kuduraafi muduraan bal\u2019inaan misoomee hawaasni akka fayyadamoo ta\u2019an taasifameera jedhan.Misoomni muuzii tuteeffamaan Aanaa Dawwaa Caffaa, Jillee Dhummuugaafi Magaalaa Kamiseetti hojjetaman qonnaan bultootni galii gaarii akka argatan kanneen taasisan ta\u2019uus himan. Tuteeffama Maangoo,avokaadoofi paappayyaan immoo Aanaaleen akka Arxummaa Fursiifi Baatee fayyadamoo ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Miseensa Mana Maree Bulchinsa Sablammii Oromoo kan ta\u2019an Aadde Ashiraqaa Bakirii manni marichaa raawwii hojiilee hanga gandaatti gadi bu\u2019uun hordofaafi deeggaraa turuu kaasuun ,hordoffii taasisaniin bu\u2019aa gaariin galmaa\u2019uus himan.Piroojektoota misoomaa hedduun ijaaramanii xumuramuun bara eebbifamuun hojiitti galaniifi gaaffileen misoomaa hedduun deebii kan itti argatan ta\u2019uu kan ibsan immoo miseensa mana marichaa Obbo Sayid Aliiti.Gama Nageenyaan hojiin hojjetames kan nama gammachiisu ta\u2019uufi itti fufunsa isaaf deeggarsi walirraa hin citne barbaachisaa ta\u2019uus hubachiisan.<\/p>\n<p>Bulchaa Olaanaan Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo Ahimad Alii bara kana hojii qonnaa bifa qulqullina qabuun lafa hektaara kuma shantamii sadiifi dhibba sadii fi 68 irratti kan misoomsameefi galteewwan qonnaa ilaalchisee, karoora qabamee olitti raabsaan\u00a0 dhibbeentaa dhibba tokkoofi 14.98 ta\u2019uus ibsan. Dhiyeessiin Sanyii filatamaa karooraa ol dhibbeentaa 25.2 raabsamuu kaasanii,mala qonnaa ammayyeessuuf hojiin bal\u2019aan hojjetamuun bara kana lafa qonnaa misoome keessaa hektaarri kuma digdamii afuriifi dhibba dhibba torbaafi saddeettamii shan\u00a0 tiraakteeraan kan qotameee ta\u2019uus himan. Kunis sagantaa makaanayizeeshinii mala qonnaa ammayyeessuuf taasifamaa jiru milkeessuu keessatti gahee olaanoo kan taphate tahuu eerameera.<\/p>\n<p>Gama damee jallisiitiin milkaa\u2019ina gaarii galmeessuun, karoora qabamee ol oomisha kuntaala miliyoona sadiifi kuma dhibba sagaliifi kuma shantamii shaniifi 14, dhibbeentaan dhibba tokkofi 12\u00a0 raawachuu yaadachiisanii, qamadiin bonaa oomishamees hektaara tokko irraa callaan kuntaala 26.7 argamuus ibsan.<\/p>\n<p>Odaa Likkiisaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni maree Bulchinsa Sablammii Oromoo Yaa\u2019ii Idilee 28ffaa Marsaa 5ffaa isaa gaggeesseen gabaasa raawwii kan bara 2018 dhaggeeffachuun ciminoota jiran itti fufsiisuufi banaa jiran akka sirraa\u2019u kallattii kaa\u2019era. Manni marichaa karoora bara bajataa 2018 irrattis mari\u2019ateera. Bara 2019tti dhimmota nageenyaa, misoomaafi hawaasummaan milkaa\u2019ina eegamu galmaan ga\u2019uuf marii bal\u2019aa gaggeessaniiru. Afa-Yaa\u2019iin Mana Maree Bulchinsa Sablammii Oromoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6164,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6163"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6163"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6163\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6165,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6163\/revisions\/6165"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6164"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6163"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6163"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6163"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}