{"id":6166,"date":"2026-07-22T13:07:22","date_gmt":"2026-07-22T13:07:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6166"},"modified":"2026-07-22T13:17:52","modified_gmt":"2026-07-22T13:17:52","slug":"mariin-biyyyaalessaa-itoophiyaa-aadaa-siyaasaa-haaraa-kan-banu-dha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/mariin-biyyyaalessaa-itoophiyaa-aadaa-siyaasaa-haaraa-kan-banu-dha\/","title":{"rendered":"Mariin Biyyyaalessaa Itoophiyaa  Aadaa Siyaasaa Haaraa Kan Banu Dha"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota sirna mootummaa jabaafi seenaa dheeraa qaban keessa ishee tokko dha.Biyyoota addunyaa irratti qaroomina durii qaban arfan keessaas ishee tokko dha.Uummata gurraacha gita bittaa biyyoota biroon hin koloneeffamnedha;seenaan Itoophiyaa hedduun biyyoota muraasa keessaa tokko kan ishee taasisu dha.<br \/>\nItoophiyaan biyya qarooma durii dursitee eegalteefi gootummaan diina qolachuun beekamtudha. Haata\u2019u malee hiyyummaafi maraamartoo walwaraansaafi walitti bu\u2019insa keessoo ishee furachuu dhabuun lammiilee biyyatti boquu gadi qabeera. Maraamartoon kun seenaa ta\u2019uu otoo qabuu; jaarraa 21ffaa keessa yerootti biyyootni seenaa qaroominaa hin qabne qaroomaniifi kan seenaa maariin rakkoo furachuu hin qabne rakkoo isaanii furatanitti Itoophiyaan biyyi qaroomaafi falaasamaan biyyoota addunyaaf fakkeenya ta\u2019aa turte kanaan rakkachuun qaanii guddaadha. Maraanmartoon kun yoom dhaabata? kan jedhu gaaffii Itoophiyaanootaa hedduuti. Ijaarsa sirna mootummaa dheeraa qabaannus,sirnootni mootummaa kan jijjiramaa dhufan waraanaafi foonqolchaani. Waraanaan aangoo walirraa fudhachuun guddinni biyyattii akka quucaruufi qaroominni biyya keenyaa akka ittifufinsa hin qabaanne taasiseera.<br \/>\nWalwaraansi fi walitti bu\u2019insi Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru. biyyoota guddina biyyattii hin barbaanneefi diinummaa qabaniin kan deeggarame dha.Seenaa walitti bu\u2019insa Itoophiyaan dabarsiteefi dabarsaa jirtu keessaa harki qaama sadaffaa dhibee hin beeku.Yeroo jeequmsi biyya keessa jiraatu biyyootni deeggarsa meeshaa taasisanii lammiilee biyyattii walwaraansisan ni jiru. Hanqinoota keenyatti fayyadamuun dantaa biyyaalessaa isaanii mirkaneeffachuuf biyya keenya walwaraansaan dadhabsiisuuf hojjatu.<br \/>\nSeenaa siyaasaa afaan qawweef dursa kennee jijjiiruuf rakkoolee jiran mariif marabbaan,olaantummaa yaadaan waliif abboomamuu barbaada. Waliigaltee lammiilee biyyattii gidduutti uumuuf yeroo jalqabaaf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamee waggoottan arfaan darban keessattii hojiileen garaagaraa hojatamaa turaniiru. Komishiniin kun dhabbata bilisaafi sagalee caalmaa bakka bu\u2019oota uummataan komishineerota 11 filachuun hunda\u2019e.<br \/>\nKomishiniin marii biyyaalessaa waggottan arfan darban naannoolee biyyatti fi bulchiinsa magaalota lamaan hundarraa ajandaalee mariif dhiyaatan sassaabaa tureera;rakkoo nageenyaafi irratti hirmaachuuf fedhii dhabuu aanga\u2019oota irraan kan ka\u2019e Naannoo Tigiraayitti gaggeefamuu dhabus, dhalattootni naannichaa Uummata Tigiraay bakka bu\u2019an kan Addis Ababaa jiraatan ajandaa qaban dhiheessanii jiru. Sadarkaa biyyaatti ajandaalee kuma lama sassaabamaniiru.Kun akka biyyaatti dhimmoota hedduu irratti waliigalteen akka hin jirre kan agarsiisu dha.Uummatni rakkoolee fi dhimmootni nafhaa ilaalaman jadhan kaasan hedduu dha.Ajandaaleen kunneen baroota hedduuf deebiifi waliigalteen dhabuun kan lafarra harkifataa dhufani dha. Ajandaalee walitti qabaman keessaa ajandaalee gurguddoo saddeet qofti marii biyyaalessaaf dhihaataniiru.Ajandaaleen kunnen dhimmota adda addaa ofjalatti qabataniiru. Mariin waliigalaafi boqonnaa xumuraa Adoolessa 8 Addis Ababaatti jalqabee jira.Hirmaattotni kuma afur biyyattii hundarraa baba\u2019an argamaniiru.Mariin kun Itoophiyaaf aadaa siyaasaa haaraa kan uumu dha.<br \/>\nDhimmoota sirna mootummaa cimaafi ijaarsa biyyaarratti waligalteen biyyaaleessa hin uumamne, walshakkiifi walgaarreffachuu uummataa uumaa turaniiru;sababni waliigalteen hin uumamne immoo carraan marii waan hin jirannefi.Yoo jiraates mariin taasifama ture uummata bal\u2019aa kan hin hirmaachisne ture.Kanaanis siyaasni biyyattii shira adda addaan waltakaalaa as gahee jira.<br \/>\nAbbaantummaan biyya kanaa kan jaarmiyaalee siyaasaa qofa fakkatu ture,yeroo dheeraaf uummatni biyyattii daldala siyaasaan rakkoolee hedduuf saaxilamaa turus dhimma biyyaarratti dhaggefatamaa hin turre.Mariin biyyaalessaa kun seenaa anatu siifbeekaa kan cuufu dha.Daldalaa,qootee bulaa, horsiisee bulaanis dhimmaa biyyaarratti abbantummaa kan qabuufi murteessudha. Abbantummaan biyyattii kan lammiilee biyyattii hundaati. Carraa kana akka biyyaatti sirnaan fayyadamuu barbaachisa.Jaarraa kana keessatti rakkoolee jiran mariifi olaantummaa yaadaan hiikuu barbaachisa.<br \/>\nWaltumsuun yeroon biyya keenya diinagdeefi hawwasummaan jijjiiruu qabnudha.Addunyaan rakkoo ishee mariin furachuun diinagdee ishee jijjiiraa jirti;Itoophiyaanis furmaani guddaan jiru marii ta\u2019uu amantee mari\u2019achaa jirti. Biyya dorgoomaa taateefi dhaggeettii qabdu uumuuf nageenyaa waaraa fi tokkummaa keessoo cimsuun barbachisaadha. Siyaasa keenya qaroomaafi tasgabaa\u2019aa taasisuuf marii biyyaaleessaa kana sirnaan fayyadamuu qabna. Fuuldurattis rakkoolee jiraniifi garaagarummaa yaadaa mariin furuun afaan qawwee yeroo dhumaaf cufamuu qaba.Kun hawwii Itoophiyaanotaafi ejjennoo gaazexaa keenyaa dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota sirna mootummaa jabaafi seenaa dheeraa qaban keessa ishee tokko dha.Biyyoota addunyaa irratti qaroomina durii qaban arfan keessaas ishee tokko dha.Uummata gurraacha gita bittaa biyyoota biroon hin koloneeffamnedha;seenaan Itoophiyaa hedduun biyyoota muraasa keessaa tokko kan ishee taasisu dha. Itoophiyaan biyya qarooma durii dursitee eegalteefi gootummaan diina qolachuun beekamtudha. Haata\u2019u malee hiyyummaafi maraamartoo walwaraansaafi walitti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6167,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6166"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6166"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6166\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6174,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6166\/revisions\/6174"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6167"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6166"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6166"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6166"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}