{"id":6169,"date":"2026-07-22T13:11:03","date_gmt":"2026-07-22T13:11:03","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6169"},"modified":"2026-07-22T13:11:03","modified_gmt":"2026-07-22T13:11:03","slug":"galchoo-qonnaa-yeroodhaan-dhiyaate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/galchoo-qonnaa-yeroodhaan-dhiyaate\/","title":{"rendered":"Galchoo Qonnaa Yeroodhaan Dhiyaate"},"content":{"rendered":"<p>Diinagdeen biyya keenyaa dhibbeentaa 85ol kan ta\u2019u qonna irratti hirkataadha. Qonnaa duddisuun diinagdee biyyaatti guddisuu irra darbee wabii midhaan nyaataan of danda\u2019uuf murteessadha. Oomisha fi oomishummaa dabaluun biyya keenya soda midhaan nyaataa jalaa baasuuf mootummaan xiyyeeffannoo qonna ammayyeessuu irratti taasisee jira. Qonna ammayyeessanii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf dhiyeessiin galchoo qonnaa murteessaadha.<\/p>\n<p>Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf dhiyeessiin galchoo qonna gahee oolaanaa qaba; xaa\u2019oofi sanyiin filaatama yeroo sirriifi haala gaariin dhiyaachuun qonna ammayyeessuuf murteessadha.Aanaan Jiilee Dhummuugaas oomishaafi oomishtummaa dabaluuf kan isa gargaaru deegarsa ogummaa qonnaan bultootaaf taasifamuun cinaatti Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa irraan dhiyeessii sanyii filatamaafi xaa\u2019oo guuttachuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa kan bara 2018\/2019 milkeessuuf hojjechaa jira.Xaa\u2019oofi sanyiin filatamaanaanichaaf dhiyaatan fedhii qonnaan bulaa irratti kan hunda\u2019eefi haala qilleensa baramaa aanichaa waliin kan wal bare ogeessaan adda baafamanidha.<\/p>\n<p>Jiraataan Aanaa Jiilee Dhummuugaa Obbo Aadam Jamaal \u201cOomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf\u00a0 galtee oomisha qonnaa dabalan kan akka xaa\u2019oo,sanyii filaatamaa iddoo oolaanaa qabu\u201d jedhan. Galchoowwan kun oomisha lafa tokkorra argamu dachaan dabaluudhaan diinagdee qonnaan bulaa fooyyeessuuf shooraa olaanaa qabu; kunis fayyadama isaa kan ogummaan deeggarame taasisuun murteessaadha. Oomishaafi Oomishtummaa dabaluuf qonnaa irra kaasee hanga sassaabbiitti karaa ammayyaafi tuteeffamaan gaggeeffamuun barbaachisaa akka ta\u2019es ibsaniiru.<\/p>\n<p>Akkaata itti fayyadamaa xaa\u2019oo fi sanyii filaatama irratti ogeessota misooma qoonnaan hubannoon uumamuun immoo calla gaarii akka argataniif haala mijeessuufii dubbatu. Dabalatanis yeroo sanyii filataa fayyadamanii fi sanyii filatamaa hin fayyadamne garaagarummaan calla waan jiruuf calla gaarii argachuuf fedhiin sanyii filatamaa fayyadamuu dabalaa dhufuus himan.Sanyii filatamaa\u00a0 fayyadamuun oomishni lafa dachaan dabaluu isaas himan.<\/p>\n<p>Oomishaafi oomishtummaan qonnaa dabaluun jiruufi jireenya qonnaan bulaafi diinagdee guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Wajjiirra Misooma Qonnaa Aanaa Jiilee Dhummuugaa Obbo Abdalla Muusaa dubbataniiru.Hojii qonnaa milkeessuuf, bu\u2019aa qonnaa irraa argamu dabaluuf dhiyeessiin qonnaa kanakka xaa\u2019oofi sanyii filatamaa murteessaadha ta\u2019uu ibsuun,rakkoo hanqinni<\/p>\n<p>dhiyeessii galchoowwaan qonnaa kun kan waggoota\u00a0 darbee irraa kan bara kana fooyyee qabaachuu isaas dubbataniiruu.Yeroo amma kana xaa\u2019oo kuntalaa 619 gandoota aanichaaf rabsuus himan. Gama sanyii filatamaan wagga darbee keessa kuntaala 8 ture bara kana kuntaala 233 ol kan dhiyaateef, qulqullinni isaas amansiisaa ta\u2019uus himan. Kan bara darbee irras fooyyee qabaachuufi haala qulqullina qabuun qotee bulaa bira gahuu isaas kaasaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluuf carraqqiin qonnaan bulaan taasisuu kessatti Biiroon Qonnaa Naannoo Amaaraa dhiyeessii sanyii filatamaafi xaa\u2019oo yeroo isaa eeggate dhiyeessaa jiraachuus himan.<\/p>\n<p>\u201cOomishaafi oomishtummaa dabaluun karoora imala badhaadhinaa biyyi qabatte milkeessuuf qindoominaan hojjechaa jirra\u201d jedhan.Dabaalatanis karooricha qabame galmaan gahuufis dhiyeessii galtee qonnaa yeroo isaa eeggate qonnaan bultootaaf dhiyeessaas jira jedhaniiruu.<\/p>\n<p>Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sab-Lammii Oromoo Obbo Jamaal \u2026..akka jedhanitti, oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf\u00a0 galteewwaan qonnaa fayyadamuun murteessaa ta\u2019uu himan. Bara Ommishaa 2018\/19 xaa\u2019oo kuntaala kuma 40 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfatanii, xaa\u2019oo kuntaala kuma 45 fi 900 ol qonnaan bultootaaf dhiyeessuu\u00a0 ibsan. Yeroo ammaas gara aanotaatti rabsaamuun qotee bulaa bira gahaa jiraachuu kaasaniiruu. Dhiyeessiin xaa\u2019oo yeroo waqtii gannaa irra hafuun hanga oomisha jaallisiif akka gahutti kan dhiyaate; qotee bulaan yaaddoo malee akka itti fayyadaman kan taasisu ta\u2019uu dubbataniiruu.<\/p>\n<p>Sanyii filatamaan oomishaafi oomishtummaa guddisuuf dhiyeessi galchoo qonna keessa tokkodha. Sanyii filatamaa Bulchinsa sablammichaa barbaadu kan oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaa dabalu kanneen akka: mishiingaa, boqqolloo, marraa, Maashoofi kan biroos qonnaan bultootaaf dhiyaachuu himan.Bara kana sanyii filatamaa kuntaala 2500 hawaasaaf dhiyeessuu isaanii itti gaafatamaan kun dubbataniiru. Kana malees\u00a0 \u201csanyii yeroo gabaabaa keessatti gahuu kan akka Boqqolloo, Mishiingaafi kan biras kuntaalli 500 qotee bulaa bira akka gahu taasifneerra; akkaata itti fayyadamaa isaas haala gaariin ogeessa qonnattiin akka deeggaraman taasisneerra jirra\u201d jedhan.<\/p>\n<p>Qonnaan bultootni xaa\u2019oo uumamaas ooyiruutti naquun itti gargaaramaa kan jiran ta\u2019uus nuuf ibsaniiru. Bara Oomishaa 2018\/19f\u00a0 xaa\u2019oon uumamaa yookiin kompostiin meetirkiyuubii kuma 45 fi 400 ol qophaa\u2019a jirachuufi isa keessaa Meetirkiyuubiin kuma 21 ol ooyiruutti naqamuu ibsan. Snyii filatamaafi xaa\u2019oo fayyadamuun tutteeffamaan yoo midhhaan facaafamee callaan guddachuu nidanda\u2019a.Bara kana keessa lafa hektaara kuma 58 fi 800 tuteeffamaan misoomuufi qotee bulaan hojiitti kan gale tu\u2019uu ibsuun dhiyeessii galchoo qonnaa kan akka xaa\u2019oofi sanyii filatamaa naannoon yeroon dhiyeessuun bara Oomishaa 2018\/19tti calla gaariin akka Bulchinsa Sablammichaatti kan eegamu ta\u2019uus hima.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Diinagdeen biyya keenyaa dhibbeentaa 85ol kan ta\u2019u qonna irratti hirkataadha. Qonnaa duddisuun diinagdee biyyaatti guddisuu irra darbee wabii midhaan nyaataan of danda\u2019uuf murteessadha. Oomisha fi oomishummaa dabaluun biyya keenya soda midhaan nyaataa jalaa baasuuf mootummaan xiyyeeffannoo qonna ammayyeessuu irratti taasisee jira. Qonna ammayyeessanii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf dhiyeessiin galchoo qonnaa murteessaadha. Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6170,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6169"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6169"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6169\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6171,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6169\/revisions\/6171"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6170"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6169"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6169"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6169"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}