{"id":6175,"date":"2026-07-22T13:23:07","date_gmt":"2026-07-22T13:23:07","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6175"},"modified":"2026-07-22T13:23:07","modified_gmt":"2026-07-22T13:23:07","slug":"aadaan-marii-itoophiyaanotaa-marii-biyyaalessaa-milkeessuuf-gaee-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/aadaan-marii-itoophiyaanotaa-marii-biyyaalessaa-milkeessuuf-gaee-qabu\/","title":{"rendered":"Aadaan Marii Itoophiyaanotaa, Marii Biyyaalessaa Milkeessuuf Ga\u2019ee Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota Afrikaa seenaa dheeraafi aadaa bal\u2019aa qaban keessaa ishee tokkodha. Osoo biyyoonni addunyaa hedduun sirna dimokiraasii ammayyaa hin diriirsin dura Uummatni Itoophiyaa rakkoolee isaa mariidhaan hiikkachuun beekama. Aadaan mariin rakkoo furachuu kun naannoolee garaagaraatti maqaa adda addaatiin beekamu. Sirnoonni kunis Saba Oromoo biratti jaarsummaa fi Sirna Gadaa, Amaaraa biratti shimgilinnaa (\u123d\u121d\u130d\u120d\u1293), Tigiree biratti irqii (\u12d5\u122d\u1242),Sidaamaan Cimeeyye, Affaar immoo Madaa (Mablo\/Mad\u2019aa) fi saboota kanneen biroo biratti maqaa garagaraatiin waamamu; haata\u2019u malee kaayyoon isaanii nagaa buusuufi dhalli namaa walii galee waliin akka jiraatu taasisuudha.<br \/>\nAadaaleen marii kunnenis wal dhaga\u2019uu, araara buusuu, waliigaltee uumuufi walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha.<br \/>\nKeessumaa yeroo wal dhabdeen maatii, gosa, amantii ykn namoota dhuunfaa lamafi sanaa ol gidduutti uumamu, jaarsoliin biyyaa, abbootiin gadaa, hoggantoonni amantaafi namoonni hawaasa biratti fudhatama qaban hawaasaa walitti qabuun marii geggeessanii rakkoo furaa as ga\u2019aniiru. Aadaaleen marii hawaasni biyya keenya qaban kunis marii biyyoolessaa eegalame kana milkeessuuf gahee guddaa qabu.<br \/>\nItiyoophiyaan biyya saba, sablammootaafi ummattoota hedduu of keessaa qabdudha. Akkuma Saboota, sablammootafi uummattoota hedduu qabdu garaagarummaan yaadaa, ilaalchaa, siyaasaafi kanneen biroo ni mul\u2019atu. Garaagarummaan kun garuu yoo mariifi walii dhaggeeffannaan hin furamne walitti bu\u2019iinsa, wal shakkiifi nageenya dhabuu fida. Komishiniin marii biyyaalessaa garaagarummaa kana karaa marii, waldhaggeeffannaa, nagaafi dimokiraatawaa ta\u2019een hiikuuf hojii bal\u2019aa hojjechaa jira.<br \/>\nKomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa hojii ajandaa walitti qabuu bal\u2019inaan raawwateera. Odeeffannoon komishinichaa akka agarsiisutti, aanaalee 1,200 ol keessatti adeemsi ajandaa walitti qabuu raawwatameera. Adeemsa kanaanis ajandaaleen marii saddeet marii biyyaalessaaf ta\u2019an adda baafamuun, mariin guutuummaatti eegaleera. Namoonni tilmaamaan kuma afur ta\u2019an dhaabbilee federaalaa, mootummaa naannolee, bulchiinsa magaalotaa, aanaalee fi diyaaspooraa irraa filataman hirmaachaa jiru. Mariin kun garee tokko qofa osoo hin taane qaamolee hawaasaa bal\u2019aa hirmaachisaa jira. Kun immoo waliigaltee biyyoolessaafi tokkummaa biyyaa fiduuf faayidaa guddaa qaba.<br \/>\nObbo Ahimad Huseen jiraataa Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Wagaree Dabbassooti. Akka naannoo isaaniitti marii wal dhabdee garaa garaa hiikuuf itti gargaaramaa jiraachuu himanii, aadaan marii hawaasni baroota dheeraaf itti fayyadamaa ture kana fayyadamuun har\u2019allee marii biyyolessaa akka milkaa\u2019uuf hawwii guddaan eegaa jiraachuu ibsaaniru.<br \/>\nAadaan marii kun namoonni yaada garaa garaa qaban wal kabajanii, wal dhaga\u2019anii, ragaa irratti hundaa\u2019anii mari\u2019achuun furmaata waliigalaa barbaaduu akka ta\u2019e ibsaniiru. Aadaan kun mo\u2019achuufi mo\u2019amuu osoo hin taane, walii galuufi wal hubachuuf ta\u2019uu eeraniru. Kana jechuun yaada namni tokko qabu humnaan ukkaamsuu osoo hin taane, yaada sana kabajanii dhaga\u2019uun, irratti mari\u2019achuun furmaata waliigalaa kaa\u2019uu akka ta\u2019e himaniiru.<br \/>\nObbo Saayid Xollaa akka bulchiinsa magaalaa Kamiseetti jaarsa biyya bakka bu\u2019uun namoota marii biyyoolessarratti hirmaachaa jiranidha. Aadaa marii akka bulchiinsa sablammii oromootti itti fayyadamaa turuu kaasaniiru. Aadaan marii hawaasa Itoophiyaa keessatti dagaage marii biyyaalessaa milkeessuuf humna guddaa qabaachuu eeraniiru. Hawaasni rakkoo isaa mariidhaan hiikachuu barate garaagarummaa yaadaa akka diinaatti osoo hin ilaaliin, akka carraa walii irraa barachuufi waliigaltee uumuutti itti fayyadamuu qaba jedhaniiru. Kanaafis aadaan kun marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa bal\u2019aafi amanamummaa uumuuf gumaacha guddaa taasisa jedhanii kan eega jiran ta\u2019uus yaada isaanii Gaazexaa Hirkoof ibsan.<br \/>\nObbo Hamzaa Urbee Ogeessa wajjira Bulchiinsa magaalaa Kamiseefi barreessaa mana maree dhimmoota Islaamummaa bulchisaa magaalaa kamiseeti. Obbo Hamzaan Magaalaa Kamiseefi naannawaashee bakka bu\u2019uun marii biyyolessaa irratti hanga naannootti hirmaataa turaaniiru. Mariin biyyooleessaa bu\u2019a qabeessa akka ta\u2019uuf namni hundi yaada isaa bilisaan ibsachuu, yaada namoota biroos obsaan dhaggeeffachuu qaba jedhaniiru. Wal kabajuufi wal amantaan malee mariin bu\u2019aa hin fidu kan jedhan obbo Hamzaan, biyyi keenyaa aadaalee marii waan qabduuf marii biyyooleessaa milkeessufis aadaan marii kun bu\u2019uura guddaadha jedhaniiru. Kanaaf namoonni hawaasa bakka bu\u2019uun mari\u2019achaa jiranis aadaa araaraafi wal dhaga\u2019uu kanaan furmaata waaraa fidu amntaa jedhu qabaachuu hiamn.<br \/>\n\u201dSeenaa addunyaas yoo ilaalle, biyyoonni hedduun rakkoo siyaasaa cimaa booda marii biyyaalessaa gaggeessuun gara nageenyaatti deebi\u2019aniiru. Kaan ammoo marii keessatti walii galuu dhabuu isaanii irraa kan ka\u2019e rakkoon isaanii itti fufeera,\u201djedhaniiru. Biyyoota akka Yaman, Sudaan Kibbaa, Siiriyaa fi Liibiyaa keessatti mariin biyyaalessaa yeroo adda addaatti gaggeeffamee turuu eerun, wal amanuun dhabamuu, hirmaannaa guutuun dhabamuufi walitti bu\u2019iinsi itti fufuun kaayyoon mariichaa guutummaatti milkaa\u2019uu akka hin dandeenye kaasaniiru. Kun immoo marii qofa osoo hin taane, fedhiin waliigaltee uumuufi wal kabajuu barbaachisaa ta\u2019uu eeran.<br \/>\nItoophiyaan yeroo ammaa adeemsa marii biyyaalessaa keessa jirtu keessatti qabeenya guddaa qabdi kan jedhan obbo Hamzaan, qabeenyi sunis aadaa marii ummanni waggoota dheeraaf itti fayyadamaa tureedha jedhaniiru. Aadaan kun yoo sirnaan deeggarameefi cimee itti fufe, hawaasni yaada isaa bilisaan dhiyeeffachuu, yaada namoota biroos kabajuufi furmaata waliigalaa irratti walii galuuf mootummaafi ummata gidduutti amanamummaa uumuun marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa akka taphatus ibsan. Aadaan mariin waldhabdee furuu wal waraansi hafee, aadaan araaraa akka dagaagu taasisas jedhan. \u201c Aadaan mariifi sirnoonni araaraa hawaasa Itoophiyaa keessatti dagaagan kunneen marii biyyaalessaa milkeessuuf utubaa cimaa ta\u2019uu isaanii shakkii hin qabu\u201d jedhu obbo Hamzaan. Mariin biyyaalessaa bu\u2019aa barbaadamu fiduun Itoophiyaa nagaa, tasgabboftuufi misoomtuu arguun hawwii kiyyas jedhaniru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota Afrikaa seenaa dheeraafi aadaa bal\u2019aa qaban keessaa ishee tokkodha. Osoo biyyoonni addunyaa hedduun sirna dimokiraasii ammayyaa hin diriirsin dura Uummatni Itoophiyaa rakkoolee isaa mariidhaan hiikkachuun beekama. Aadaan mariin rakkoo furachuu kun naannoolee garaagaraatti maqaa adda addaatiin beekamu. Sirnoonni kunis Saba Oromoo biratti jaarsummaa fi Sirna Gadaa, Amaaraa biratti shimgilinnaa (\u123d\u121d\u130d\u120d\u1293), Tigiree biratti irqii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6176,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6175"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6175"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6175\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6177,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6175\/revisions\/6177"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6176"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6175"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6175"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6175"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}