{"id":6187,"date":"2026-07-22T13:29:16","date_gmt":"2026-07-22T13:29:16","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6187"},"modified":"2026-07-22T13:29:16","modified_gmt":"2026-07-22T13:29:16","slug":"biyyootni-garee-torbaa-g-7-fi-gamtaan-awurooppaa-sudaan-walwaraansi-akka-dhaabatu-magaalaa-el-obeeditti-dhorkaa-meeshaa-waraanaa-labsan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/07\/22\/biyyootni-garee-torbaa-g-7-fi-gamtaan-awurooppaa-sudaan-walwaraansi-akka-dhaabatu-magaalaa-el-obeeditti-dhorkaa-meeshaa-waraanaa-labsan\/","title":{"rendered":"Biyyootni Garee Torbaa (G-7) Fi Gamtaan Awurooppaa  Sudaan, Walwaraansi Akka Dhaabatu Magaalaa El-Obeeditti  Dhorkaa Meeshaa Waraanaa Labsan"},"content":{"rendered":"<p>Ministiroonni alaa biyyoota G7 fi hoggantoonni siyaasa alaa Gamtaa Awurooppaa, gocha gara jabinaa dabalataaf sababa ta\u2019uu danda\u2019an magaalaa El-Obeed keessatti namoota nagaa miidhan kamiyyuu akka dhaaban, Humnoota dafee dhaqqabaa (RSF) Sudaan fi Humna waraanaa waloo gocha isaanii irraa akka dhaabbatan gaafatan.<br \/>\nMinisteeroonni dhimma alaa biyyoota garee torbaa (G7) kanneen akka Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Biriiteen Guddittii fi Ameerikaa dabalatee bakka bu\u2019oonni ol\u2019aanoon Gamtaa Awwurooppaa walgahii taasisaniin, Sudaan magaalaa El Obeed keessatti gocha haala jiru hammeessu kamiyyuu Humnoonni Dafee Dhaqqabaa fi Humni waraanaa waloo akka dhaaban gaafataniiru.<br \/>\nDabalataanis, humnoonni waraanaa kunniin daandiiwwan deeggarsa namoomaa dhaabbilee gargaarsaatiif banaa akka taasisan gaafataniiru. Kanaan walqabatee, sarbaamni yookiin miidhaan mirga namoomaa idil-addunyaa Kordofaan fi Daarfuur keessatti raawwatamaa jiru baay\u2019ee akka isaan yaaddesse ibsaniiru. Humni Dafee Dhaqqabaafi Humnoonni Waraana waloo dirqama seera mirga namoomaa idil-addunyaa kabajuu akka qaban yaadachiisaniiru.<br \/>\nDhumarrattis, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii humna nagaa kabachiisaa Daarfur keessa qubsiise gara iddoo biraattis babal\u2019isuun, miidhaan yookiin sarbamni mirga namoomaa akka hin hammaanne, akka taasisanis gaafataniiru.Itti dabaluudhaan, humnoonni ala taa\u2019anii humnoota waraanaa meeshaa waraanaafi maallaqaan gargaaran, gocha isaanii hammeenyaa kanarraa akka of qusatan gaafataniiru.<br \/>\nRagaan akka agarsiisutti Sudaan bara Faranjootaa Eebila 2023 jalqabee waraana keessa jirti. Waraanni Raayyaa Ittisa Sudaaniifi Humna Dafee Dhaqqabaa gidduutti taasifamaa jiru waggoota afur lakkoofsiseera.<br \/>\nNamoota miiliyoonaan lakkaa\u2019aman qe\u2019eefi qabeenya isaniirraa buqqiseera, guutummaa Sudaanis haala suukanneessaa keessa galcheera..<br \/>\nDhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaas hanqinni nyaataa dabalaa dhufuusaa fi gargaarsa namoomaa dhiyeessuun rakkisaa ta\u2019uusaa eeraniiru:Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waraanni Sudaan seenaa keessatti sarbama mirga namoomaa hammaataa ta\u2019e raawwateera.Akka hoogganaan Dhaabbata Nyaataa Addunyaa tokko ibsanitti, waraana Iraan keessa jiruun kan ka\u2019e gargaarsi dhaqqabuu dadhabuusaatiin rakkoon Sudaan keessaa baay\u2019ee hammaateera.<br \/>\nQoondaaltuun hoji-raawwachiisaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Karlii Rooyitersiitti akka himanitti tarkaanfiin gargaarsaa jabaan taasifame lakkoofsa namoota haala beela hamaa keessa jiranii hir\u2019isuuf yoo gargaare illee, namoonni miliyoona 5 ta\u2019an ammas beela sadarkaa hamaa keessa jiru.h;hoogganaan Nyaataa Addunyaa tokko Rooyitarsiif akka ibsanitti, lammiileen miiliyoona 5 ol ta\u2019an beela hammaataaf saaxilamaniiru;rakkoo kana kan hammaataa taasisu baay\u2019ina namoota beelaaf saaxilamanii qofa osoo hin taane, sadarkaan beelichaa baay\u2019ee hammaataa ta\u2019uusaati.<br \/>\nWaliigala namoonni kuma dhibba tokko ol ta\u2019an ammas hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru; kunis sadarkaa beelaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramu isa olaanaa akka ta\u2019us ibsaniiru.Akka ragaa Wabii Nyaataa Idil-addunyaatti, Sudaan keessatti lammiileen gara miiliyoona kudha sagaliifi kuma dhibba 5 ta\u2019an balaa wabii nyaataa dhabuuf saaxilamaniiru.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ministiroonni alaa biyyoota G7 fi hoggantoonni siyaasa alaa Gamtaa Awurooppaa, gocha gara jabinaa dabalataaf sababa ta\u2019uu danda\u2019an magaalaa El-Obeed keessatti namoota nagaa miidhan kamiyyuu akka dhaaban, Humnoota dafee dhaqqabaa (RSF) Sudaan fi Humna waraanaa waloo gocha isaanii irraa akka dhaabbatan gaafatan. Ministeeroonni dhimma alaa biyyoota garee torbaa (G7) kanneen akka Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6188,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6187"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6187"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6187\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6189,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6187\/revisions\/6189"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6188"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6187"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6187"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6187"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}