{"id":6194,"date":"2026-08-06T13:29:54","date_gmt":"2026-08-06T13:29:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6194"},"modified":"2026-08-06T13:29:54","modified_gmt":"2026-08-06T13:29:54","slug":"hulaa-galaanaa-shiraan-fudhatame-deebisuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/hulaa-galaanaa-shiraan-fudhatame-deebisuu\/","title":{"rendered":"Hulaa Galaanaa Shiraan Fudhatame Deebisuu"},"content":{"rendered":"<p>Seenaan akka mul&#8217;isutti Itoophiyaan hanga bara 1985tti hulaa galaanaa mataa ishee qabaachaa turteetti. Haata\u2019u malee Eertiraan bara 1985tti Itoophiyaa irraa foxxoquu\u00a0 hordofee Itoophiyaan ulaa galaanaa Shira hoggantoota biyyattii yeroo san biyya hoggananiin\u00a0 dhabuu dandeesseetti. Hoggantootni yeros hula galaanaa dabarsanii kennan mirga kennuu kan hin qabnedha;Itoophiyaan yeros motummaa ce\u2019umsaan hogganamaa turte. Mootummaan ce\u2019umsaa immoo mirga qabeenya biyyaa, uumata biyyattii bakka bu\u2019ee dabarsee kennuu hin qabu.<\/p>\n<p>Dogoggora hoggantoota bakka bu\u2019ummaa seera qabeessaa hin qabneen Itiyoophiyaan biyya baay&#8217;ina uummataa miliyoona 130 ol qabdu taatee osoo jirtuu hulaa galaanaa dhabuun lammiilee biyyaatti miidhaa garagaraaf saaxileera. Bahaafi Gaanfa Afriikaa keessatti baayina uummataa hedduufi lafa bal\u2019aa kan qabdu; biyya guddoo hulaa galaanaa hin qabne erga tatee waggaa 30 ol lakkoofsifteetti.<\/p>\n<p>\u200eFedhiin daldaalaa Itoophiyaa\u00a0 waliigalaa\u00a0 sochiilee al ergiifi galii irra caalaan buufata doonii Jabuutii irraatti hirkataa ta\u2019ee jira. Kanaanis Itoophiyaan waggaatti baasii doolaara biliyoona 2\u20133 ta&#8217;u kiraa buufata doonii jibuutiif, kuusaafi tajaajila loojistikii walqabatee akka baaftu ragaan Baankii Addunyaarraa argame ni agarsiisa. Baasiin Itoophiyaan Kiraa buufata dooniif\u00a0 erga buufata galaanaa ishee dhabdee kaastee biyyoota ollaaf kaffalaa turte, rakkoolee diinagdeefi hojii dhabdummaa biyyattii raasu furuuf gahaa ture. Piroojektoota gurguddoo lammilee biyyattiif carraa hojii uumuu danda\u2019aniifi qaala\u2019insa jireenyaa Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf kan malu kiraa buufata dooniif baasaa turuun lammiilee Itoophiyaaf gaaffii guddaa\u00a0 erga ta\u2019ee oolee bubbuleera.<\/p>\n<p>Miseensa humna galaanaa Itoophiyaa kan turan Daamxoo Gugsaa, Itoophiyaan qarqara Galaana Diimaa irraa ol\u2019aantummaa seenaafi ji&#8217;oopolotikaa qabdu akka dhabdu kan taasise, Shira yeroo ce&#8217;umsaa bara 1983 Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti ABUT\/TPLF fi Shaabiyaa gidduutti sanada seeraafi mariidhaan otoo hin deeggaramiin, raawwatameen ta&#8217;uu dubbataniiru. Eertiraan Itoophiyaa irraa yeroo adda baatu faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo dheeraa otoo hin kabajneefi waliigaltee seeraatiin otoo hin deeggaramiin, Mootummaan Cehumsaa Eertiraa buufata doonii Asab dabalatee qarqara galaanaa guutuu akka to&#8217;atu taasifamuu eeraniiru.<\/p>\n<p>\u200eHulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa kaffaltii kiraa buufata dooniif doolaara biiliyoonaan lakkaawwamuuf saaxiluu dabalatee, gatii geejibaa, nyaataafi meeshaalee induustirii qaalessiisuun jireenya lammiileetti qorumsa ta&#8217;uus ibsaniiru. Baay&#8217;ina uummataafi guddina diinagdee ammaa waliin hulaa galaanaa argachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti kan jedhan Obbo Daamxoon, tattaaffiin ammaa karaa seera qabeessaafi dippiloomaasiitiin taasifamu dogoggora seenaa dabee sirreessuufi nageenya diinagdee yeroo dheeraa mirkaneessuuf barbaachisaa ta&#8217;uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eYunversitii Ambootti Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Addunyaa Ibsaa Mootummaa gamasaaniin, Itoophiyaan seeraanis seenaanis biyya hulaa galaanaa qabdu waan turteef gaaffiin isheen kaasaa jirtu \u201cNa dabarsaa osoo hintaane waa\u2019ee abbummaa qabeenya dhabde deebifachuuti;biyyoonni hedduun hulaa galaanaa waan hin qabneef na dabarsaa jedhaa jiru. Itoophiyaan garuu bu\u2019uura heeraan hulaa galaanaa dhabde deebifachuuf gaafataa jirti&#8221;jedhan. Hayyuun kun akka ibsanitti seerri hulaa galaanaa Idiladdunyaa Akka Lakkoofsa Aawurooppatti bara 1982 ba\u2019ee bara 1994 hojiirra ooleen Itoophiyaan mirga shiraan dhabde seeraan akka gonfachuu dandeessu ni mirkaneessa jedhan. Itoophiyaan seera hulaa galaanaa dabalatee seerota idil-addunyaa hedduu waan mallatteessiteef dirqamashee ba\u2019achuu qofa osoo hintaane mirgashee kabachiifachuufis carraa bal\u2019aa qabaachuu addeessaniiru.<\/p>\n<p>\u200eItoophiyaan kanaan dura oomishaalee ishee 90% ol ta&#8217;u karaa hulaa galaanaa isheen al-ergiifi galchoo ishee rawwachaa turuu eeruun, erga hulaan galaanaa itti cufamee as baasii kiraa buufata dooniif saaxilamaa jirrti. hulaa galaanaa dhabuun walqabatee daldala idil-addunyaa keessatti baasiin geejibaa dabaluufi buufata galaanaa biyyoota ollaa irratti hirkachuu isheetin diinagdeen biyyaatti miidhamuus kaasaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa yeroo amma ka&#8217;aa jiru dippiloomaasii cimaa uumuu, hariiroo gaarii biyyoota ollaa waliin ijaaruufi marii bu&#8217;a qabeessa gaggeessuun filannoo sirrii ta&#8217;uus ibsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eYunversiitii Wallootti Barsiisaan Seenaa\u00a0 Daannaachoo Tolasaa, weerara Xaaliyaaniin walqabatee Eertiraan kolonii Xaaliyaanii jala turuu eeruun, Xaaliyaanis dhimma Galaana Diimaarratti waliigaltee\u00a0 seer-maleessaa, Eertiraa abbaa Galaana Diimaa kan taasisan baroota 1900, 1902fi 1908 mallatteessuushee yaadachiisaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan waliigaltee taasifamee keessatti qooda akka hin fudhanne ibsuun, waraana addunyaa lammaffaa booda Ameerikaafi Faransaay dabalatee Itoophiyaaf beekamtii abbummaa kennaniin Eertiraan federeeshiniin Itoophiyaatti akka makamtu taasifamuun walqabatee hulaan galaanaa Itoophiyaaf deebi\u2019ee turuu dubbataniiru. Baroota kanaan durallee bara qarooma Aksum keessa Itiyoophiyaan Galaanaa Diimaatti fayyadamaa turuu hayyuun kun kaasaniiru. Qaroominni yericha tures daldala galaana irratti taasifamaan irratti hundaa&#8217;uu isaas ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHulaa galaanaan walqabatee gatiin dhalootni har\u2019a kaffalaa jiru sababa dogoggora bulchitoota kaleessa Itoophiyaa bulchaniin ta&#8217;uu ibsuun, bara Mootii Hayilesillaasees ta\u2019e waraana Itiyoo-Eertiraa booda waliigaltee Aljersiirratti dogoggorri uumame har\u2019a biyya aarsaa hin malle kaffalchiisaa jiraachuu eeraniiru. Hulaan galaanaa dhimma guddina diinagdee, guddina damee turizimii, madda wabii midhaan nyaata, humna galaanaafi loltummaa waan ta\u2019eef biyya tokkoof dhimma murteessaafi barbaachisaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eItoophiyaan tarkaanfii amma fudhataa jirtuun gaaffiin hulaa galaanaa karaa waraanaa osoo hin taane, karaa marii, dippiloomaasiifi waliigaltee mootummaa biyyoota ollaa waliin taasifamuun furmaata waaraa barbaaduu qabdi jedhaniiru. Mootummaafi lammiileen tokkummaan dhaabbachuun fedhii biyyaalessaa kana deeggaruu, hariiroo gaarii naannichaa cimsuufi tarsiimoo yeroo dheeraa qopheessuun barbaachisaa ta&#8217;uus ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Seenaan akka mul&#8217;isutti Itoophiyaan hanga bara 1985tti hulaa galaanaa mataa ishee qabaachaa turteetti. Haata\u2019u malee Eertiraan bara 1985tti Itoophiyaa irraa foxxoquu\u00a0 hordofee Itoophiyaan ulaa galaanaa Shira hoggantoota biyyattii yeroo san biyya hoggananiin\u00a0 dhabuu dandeesseetti. Hoggantootni yeros hula galaanaa dabarsanii kennan mirga kennuu kan hin qabnedha;Itoophiyaan yeros motummaa ce\u2019umsaan hogganamaa turte. Mootummaan ce\u2019umsaa immoo mirga qabeenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6195,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6194"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6194"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6194\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6196,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6194\/revisions\/6196"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6195"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6194"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6194"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6194"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}