{"id":6197,"date":"2026-08-06T13:32:46","date_gmt":"2026-08-06T13:32:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6197"},"modified":"2026-08-06T13:32:46","modified_gmt":"2026-08-06T13:32:46","slug":"duudhaa-hawaasaan-olaantummaa-seeraa-kabajuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/duudhaa-hawaasaan-olaantummaa-seeraa-kabajuu\/","title":{"rendered":"Duudhaa Hawaasaan Olaantummaa Seeraa Kabajuu"},"content":{"rendered":"<p>Olaantummaan seeraa bu&#8217;uura mootummaa cimaa, nageenya waaraafi misooma biyyaati. Seenaan akka mul&#8217;isutti, heerri mootummaa barreeffamaan osoo hin diriiriin durayyuu uummanni Itiyoophiyaa aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa isaatiin olaantummaa seeraa kabajaa tureera. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaafi hoggantoonni hawaasaa rakkoo uumamu mariifi araaraan hiikuu, namoota dogoggora raawwatan immoo safuufi adaraan sirreessuu irratti gahee olaanaa taphachaa turaniiru. Kunis duudhaafi safuun hawaasaa humna seeraa guddaa akka qabu agarsiisa. Sirni kun yakka ittisuun nageenya hawaasaa eeguuf tajaajilaa tureera.<\/p>\n<p>\u200eJiraataa Magaalaa Kamisee Obbo Indiris Jamaal, hawaasni naannawichaa seera heera mootummaa caalaatti aadaafi duudhaalee seeraa akka sodaatan ibsaniiru. Olaantummaa seeraa jechuun seerri nama hunda biratti walqixa hojii irra ooluu kan eeran Obbo Indiris, mirgi lammiilee kabajamuufi namni kamiyyuu seeraa ol ta&#8217;ee akka hin ilaalamne kan mirkaneessuudha jedhan. Duudhaaleen akka safuu, wal kabajuu, wal amantaa, araara, hadaraa seeraafi kanneen biroo akka seera barreeffamatti baroota dheeraaf hawaasni itti gargaaramaa turuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200e&#8221;Duudhaaleen kunniin walitti bu&#8217;iinsa hir&#8217;isuufii olaantummaa seeraa kabajuuf akkasumas,hariiroo hawaasaa cimsuufi jaalala biyyaaf qaban guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba&#8221;jedhan. Jiraataan kun akka himanitti, sirnoota aadaa hedduu keessatti namni yakka raawwate jaarsolii biyyaa fuulduratti dhiyaatee dogoggora isaaf dhiifama gaafata. Miidhaan qaqqabes mariifi araaraan akka sirratu taasifama. Kunis wal jibbinsa hir&#8217;isee wal amantaa hawaasaa tiksaa turuus kaasan.<\/p>\n<p>\u200eJaarsi Biyyaa Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo Jamal Mahaammad akka jedhanitti, duudhaan safuufi safeeffannaan seera kabajuu qabeenya abboota isaanii irraa dhaalan ta\u2019uu ibsan. Kanaanis nageenyaa isaanii eeggachaa, yakkoota hawaasa gidduutti raawwatamaa ture hir&#8217;isaa turuu kaasaniiru. Olaantummaan seeraa heera mootummaa qofa osoo hin taane; aadaa, duudhaafi safuu hawaasaa keessatti argamu ta&#8217;uu kaasuun, duudhaalee kana tikfachuun hojiirra oolchuun nageenya waaraa, haqaafi walqixxummaa mirkaneessuuf murteessaadha jedhan.<\/p>\n<p>\u200eMurteen Karaa seera mootummaa hawaasni akka haaloo walitti hin qabanneef kan hin dhorkine yoo ta&#8217;uu, gama araara aadaafi duudhaa kanaan hawaasni erga wal dhabdeen uumamee booddee illee akka isaa duraatti deebi&#8217;ee waliin jiraachuu akka danda&#8217;u kan taasisu ta\u2019uus Obbo Jamaal ibsaniiru. Safuufi aadaan kun yoo dhabamaa deeman nageenyafi tokkummaan hawaasaa waan laaffatuuf, maatiin ijoollee isaanii naamusa, safuufi kabaja barsiisaa guddisuu akka qaban himaniiru. Lammiileen hundi aadaafi duudhaa isaanii dagaagsuun seera kabachiisuufi nageenya hawaasaa ijaaruuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniru.<\/p>\n<p>\u200ePirezidaantiin Mana Murtii waliigalaa Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo Alii Mahammad gamasaaniin, hawaasni biyya keenyaa sirna duudhaalee aadaan olaantummaa seeraa waggoota dheeraaf kabajaa turuu ibsaniiru. Duudhaaleen kunneenis namoonni yeroo walitti bu&#8217;an &#8216;adaraa seeraa&#8217; yoo jedhameen jechoota duudhaa kana kabajee yakka dalaguuf ture kanarraa akka of qusatu kaasu. Kanamalees, namni baqatee yoo nama da&#8217;oo godhate, karra namaa yoo seenaan, haadha siiqqee jalatti yoo baqatan safuu siinqeef qaban irraa kan ka\u2019e nama dheesse sana irra miidhaa hin geessisan. Duudhaalee kanneeniin hawaasni yakkoota ittiin ittisaafi itti gargaaramaa kan tureefi itti gargaaramaa iran ta\u2019uus ibsan.\u00a0 Piresidaantiin Mana Murtii Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo Aliin, murtiin aadaa rakkoowwan xixiqqoo saffisaan hiikuu akka danda&#8217;u himuun, kun immoo mana murtii idilee irraa hojii hir&#8217;isa, walitti bu&#8217;iinsi akka hin hammaanne taasisa, hawaasnis nageenya waaraa akka qabaatu gargaara jedhan.<\/p>\n<p>\u200eHawaasni aadaafi duudhaa isaa tikfatee yakka hir&#8217;isaa turuu kan eeran Obbo Aliin, namoonni seera sodaachuu qofa osoo hin taane, safuufi kabaja hawaasaaf qaban irraa ka&#8217;anii yakka irraa akka of qusachuu qaban karaa Gaazexaa Hirkoo ergaa isaanii dabarfatan.<\/p>\n<p>Yeroo ammaa ammoo babal&#8217;inni teknooloojii, jijjiiramni jireenyaafi dhiibbaa aadaa alaa sababeeffachuun duudhaaleen tokko tokko dagatamaa jiraachuu kaasaniiru. Sababa dagatamuu duudhaa kanaanis; rakkoon naamusaa, wal kabajuu dhabuuniifi walitti bu&#8217;iinsi hawaasaa dabalaa jiraachuu eeraniiru. Isaanis Mana Murtii\u00a0 aadaa duudhaalee dagatamaa dhufan kana hawaasa keessaatti deebisanii dagaagsuufi hubannoo uumuun sosochii bal&#8217;aa taasisaa jiraachuu himaniiru. Dhumarrattis manneen barnootaa, dhaabbileen amantaa, jaarsoliin biyyaa, maatiiniifi hawaasni bal&#8217;aan duudhaa gaarii kana deebisanii dagaagsuuf hojii walitti fufiinsa qabu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Olaantummaan seeraa bu&#8217;uura mootummaa cimaa, nageenya waaraafi misooma biyyaati. Seenaan akka mul&#8217;isutti, heerri mootummaa barreeffamaan osoo hin diriiriin durayyuu uummanni Itiyoophiyaa aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa isaatiin olaantummaa seeraa kabajaa tureera. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaafi hoggantoonni hawaasaa rakkoo uumamu mariifi araaraan hiikuu, namoota dogoggora raawwatan immoo safuufi adaraan sirreessuu irratti gahee olaanaa taphachaa turaniiru. Kunis duudhaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6198,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6197"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6197"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6197\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6199,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6197\/revisions\/6199"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6198"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6197"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6197"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6197"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}