{"id":6200,"date":"2026-08-06T13:35:45","date_gmt":"2026-08-06T13:35:45","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6200"},"modified":"2026-08-06T13:35:45","modified_gmt":"2026-08-06T13:35:45","slug":"hirmaannaa-hawaasaan-manneen-barnootaa-suphamaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/hirmaannaa-hawaasaan-manneen-barnootaa-suphamaa-jiru\/","title":{"rendered":"Hirmaannaa Hawaasaan Manneen Barnootaa Suphamaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Misooma yaadame galmaan ga\u2019uuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti hojii dhuunfaa irraa ka\u2019ee kan hawaasa bal\u2019aa kan hojjetamu walgargaaruunidha. Dhaabbileen hawaasaa hedduun isaanii hirmaannaa hawaasaan keessumaa hojii tola ooltummaa waqtii gannaan kanneen hojjetaman keessaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa isaan tokkodha. Baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gaheen maatiifi hawaasaa, dhaloota boruu ijaaruufi deeggaruu keessatti murteessadha. kanaanis ijaarsa, suphaafi haaromsa manneen barnootaaf taasifamu keessatti hirmaannaan uummataa murteessaadha. Bulchiinsa Sab-Lammii Oromoo Aanaa Arxummaa Fursiittis hojii tola-oltummaa gannaatiin manneen barnootaa hirmaannaa hawaasaan suphuufi haaromsuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Hawaasni naannawichaa humna, beekumsaafi qabeenya qabuun manneen barnootaa deeggaruufi haala baruu-barsiisuu milkeessuuf hojii boonsaa hojjechaa jira.<\/p>\n<p>\u200eAanaa Arxummaa Fursii Ganda Cirraattiitti dargaggoon Sayid Hasan, namoota hojii tola-oltummaa gannaan manneen barnootaa suphan keessaa tokkodha. \u201cYeroo ammaa kana hojii tola-oltummaa gannaatiin dargaggoota aanaa keenyaa kakaasuun hawaasa waliin ta\u2019uun dareewwan barnootaa dullooman suphuufi dareewwan barnootaa dabalataa ijaaruu irratti hojjechaa jirra\u201d jedhan. Kanuma irratti hundaa&#8217;uun bara barnoota 2019&#8217;f haala baruufi barsiisuuf mijeessuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Taattaffiin taasisaa jiranis cimee akka itti fufuuf qaamoleen hundi nutumsuu qaba erga jedhus hawaasa ganda isaaniif dhaamsa dabarseera.<\/p>\n<p>\u200eKanaan dura Mana Barumsaa Cirraatti keessatti barattoonni kuma lamaa fi dhibba saddeetii ol barachaa turan;lakkoofsi barattootaa baay\u2019ee ta\u2019uu isaatiin daree barnootaa tokko keessatti barattoonni hanga 100 ta\u2019an barachuu isaaniis eeruun yeroo ammaa hirmaannaa dargaggootaafi hawaasaatiin dareewwan barnootaa dabalataa 10 ijaaruun rakkoo dhiphina daree barnootaa ture salphisuun akka danda\u2019ame dargaggoonni Kun ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eDargaggoonni har&#8217;aa egeree biyya keenyaa ijaaruuf dandeettii fi humna guddaa qabna. Humna kana ammoo hojii qabatamaa hawaasa fayyadu irratti oolchuun dirqama isaanii ta\u2019uu kaasuun, manneen barnootaa dhaloota itti qaran bakka bultii beekumsaafi madaallii jireenya keenyaa ta&#8217;an suphuun egeree dhalootaa utubuu akka qabanis yaada isaanii nuuf qoodaniiru.<\/p>\n<p>\u200eManneen Barnootaa Hirmaannaa Hawaasaatiin Suphuun meeshaaleebaruufi barsiisuu milkeessuuf gargaaru kan akka teessoo barattootaa,teessoo barsiisotaa,minjaalaafi dareewwan manneen barnootaa haaromsuu, yeroo fi humna isaaniin hojjechaa jiraachuus himaniiru.Manni barnootaa miidhagaa fi qulqulluun sammuu barataa nagaa fi qaramaa uuma. Kun immoo qulqullina barnootaa fiduuf furtuu waan ta\u2019eef, dargaggoonni harka walqabannee\u00a0 humna fi beekumsa qabaniin manneen barnootaa suphuun dirqama isaan irraa eegamu ta\u2019uus himan.<\/p>\n<p>\u200eBarsiisaa Abbabaa Lammaa Itti Gaafatamaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shaashoo kan ta\u2019an,\u00a0 manneen barnootaa hirmaannaa hawaasaatiin suphuun bu&#8217;aa guddaa agarsiisaa jiraachuu himuun, akka mana barumsaa Shaashootti wantoonni hirmaannaa hawaasaatiin xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiru keessaa, daree barnootaa dulloome suphuu, ijaaruu fi teessoo barattootaa dulloome suphuu ta\u2019uu himan. Manneen barnootaa hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaa hawaasaatiin suphaa manneen barnootaa baay&#8217;ee jajjabeessaa dha jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMani Barumsaa Shaashoo Sadarkaa 1ffaa qulqullina barnoota mirkaneessuuf hirmaannaa hawaasaatiin hojiiwwan ijaarsaa fi suphaa jajjaboon raawwatamaniiru; bara darbe dareewwan barnootaa 18 suphuuf karoorfamee, daree 22 suphamuufi dalla mana barumsaa meetira dhibba lama karoorfame keessaa meetira dhibba sadii suphuun hojii boonsaa hojjechuu isaanii ibsaniiru.Hojiiwwan barana hojjechuuf karoorfame\u00a0 suphaa daree barnootaa, teessuma barattootaa, dalla mana barumsaafi bo&#8217;oo lolaa meetira 25 hojjechuuf karoorfame keessaa meetira 12\u00a0 raawwachuu fi bool\u2019a biqiltuun keessa dhaabatu dhibba lamaafi shantama qotuuf karoorfatan keessaa, bool\u2019a dhibba tokkoofi jaatamii lama qotamuufi kan hafes guyyoota muraasatti xumursuuf kan hojjetaa jiran ta\u2019uu himan.<\/p>\n<p>\u200eKaayyoon keenya inni guddaan naannoo mana barumsaa barattootaaf mijataa fi hawwata uumuudha kan jedhan hogganaan Mana Barumsaa Shaashoo Barsiisaa Abbabaan,hawaasni madda humnaa fi maallaqaa ta&#8217;e, sagantaa fi raawwii hojichaaf qabeenya walitti qabuu ,maatii barattootaa fi abbootiin qabeenyaa maallaqaa fi meeshaalee suphaa gumaachaniiru jedhan.Dabalataanis barattoonni daree mijataa keessatti barachuun xiyyeeffannoo barumsaaf qaban dabaluufi hawaasni mana barumsaa kana akka qabeenya dhuunfaa isaaniitti eeguufi kunuunsuuf\u00a0 kaka&#8217;umsa qabaachuu isaas kaasaniiru. Suphaan manneen barnootaa kun hojii yeroo tokkoo qofa ta&#8217;uu akka hin qabneefi\u00a0 hawaasni ammas deeggarsa isaa itti fufuu akka qabu,baruufi barsiisuu milkeessuuf daa&#8217; immaniif mana barumsaa mijataa uumuun gahee\u00a0 nama hundaa ta\u2019uu himanii deeggarsi hawaasaa itti fufinsa akka qabaatus gaafatan.\u200e<\/p>\n<p>\u200e Manni barumsa Cirrattii Sadarkaa 1ffaa bara 1968 kan hundeeffame yoo ta\u2019u, baay\u2019inni barattootaa dabaluu irraa kan ka\u2019e hanqinni daree barnootaa hojii baruu fi barsiisuu irratti dhiibbaa guddaa uumaa turuu kan kaasan Itti Gaafatamaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Cirrattii kan ta\u2019an Barsiisaa Indiris Umar dha. Yeroo ammaa rakkoo baruufi barsiisuu mudate kana hirmaannaa hawaasaatiin furamaa jiraachuufi hawaasni naannawichaa humna, qarshii fi ogummaa ofii qabuun mana barumsichaa cinaa dhaabbatee deeggarsa taasisaa jiraachuus ibsaniiru. Hirmaannaa hawaasaafi dargaggootaatiin daree barnootaa dabalataa 12 ijaaruuf birrii miliyoona 3.4 walitti qabamuu ibsanii, deeggarsi kun rakkoo hanqina daree barnootaa hir\u2019isuun qulqullina barnootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa qabaachuus himan..<\/p>\n<p>\u200eHirmaannaa hawaasaatiin manneen barnootaa suphuufi haromsuun egeree daa&#8217;immaniif murteessadha kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Wajjira Barnoota Aanaa Arxummaa Fursii Obbo Tashoomaa Fayyisaati. Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa suphuun fedhii barumsaaf daa&#8217;imman qaban kan\u00a0 dabaluufi dhaloota boruuf qopheessuuf bu&#8217;uura cimaa akka ta&#8217;es himan.<\/p>\n<p>\u200e Karoorri daree barnoota babal\u2019isuufi suphuu kanaan dura hojjetame bu&#8217;aa gaarii argamsiisuu isaa eeruun hirmaannaan hawaasaa\u00a0 iddoo guddaa qabaachuus Obbo Tashoomaan himan. Bara darbe daree barnootaa 15 ijaaruufi suphuuf karoorfame keessaa, daree barnootaa 16 suphuufi ijaaruun danda&#8217;amuu ragaan waajjira barnootaa Aanaa Arxummaa Fursii irraa argame nimul\u2019isa. Bara Kana daree barnootaa 40 ol ta&#8217;an suphuu fi ijaaruuf karoorri guddaa qabamee hojjetamaa jira.<\/p>\n<p>Qindoomina hawaasaa, abbootii qabeenyaa,barsiisota,\u00a0 barattootaafi maatiin manneen barnootaan, manneen barootaa dullooman hedduu guutummaatti suphuun danda&#8217;amuu, uummata hirmaachiisuun milkaa&#8217;ina ol-aanaa akka argamsiiseef odeeffannoon waajjira barnootaa aanichaa irraa argame ni mul\u2019isa. Bu&#8217;aawwan gurguddoon argaman fuullee manneen barnootaa mijataafi hawwataa gochuu, barattootaaf haala baruufi barsiisuu mijataa kan uumuufi\u00a0 waldeegaranii hojjechuun baasii mallaqaa hawaasaa hedduu gadi xiqqeessuuf gargaaruus himan.<\/p>\n<p>\u200eKaroorawwan gara fuulduraa milka&#8217;ina argame caalaatti itti fufsiisuuf waajjirichi xiyyeeffannoo itti kenne hojjeetuuf qophii ta&#8217;u isaas himan. Hirmaannaa hawaasaa caalaatti jabeessuu fi gurmeessuu,manneen barnootaa hunda keessatti haala suphaa yeroo yeroon hordofuufi qabeenya argame qusannaan itti fayyadamuu,manneen barnootaa hunda sadarkaa isaanii eegsisanii itti fufsiisuun barbaachisaadha; hawaasni qabeenya fi humna isaatiin manneen barnootaa deeggaruun dhaloota boruuf bu&#8217;uura cimaa kaa&#8217;uufi hojiin kun caalaatti cimee akka itti fufu taasisuun ga\u2019ee hawaasaati.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Misooma yaadame galmaan ga\u2019uuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti hojii dhuunfaa irraa ka\u2019ee kan hawaasa bal\u2019aa kan hojjetamu walgargaaruunidha. Dhaabbileen hawaasaa hedduun isaanii hirmaannaa hawaasaan keessumaa hojii tola ooltummaa waqtii gannaan kanneen hojjetaman keessaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa isaan tokkodha. Baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gaheen maatiifi hawaasaa, dhaloota boruu ijaaruufi deeggaruu keessatti murteessadha. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6201,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6200"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6200"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6200\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6202,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6200\/revisions\/6202"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6201"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6200"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6200"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6200"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}